Talaalliin dhukkuba busaa gatii salphaan bitamu hojjiirra akka oolu eeyyama argate

Madda suuraa, UNIVERSITY OF OXFORD
Talaallii dhukkuba busaa gatii salphaan bitamuufi bal'inaan oomishamuu danda'u faayidaarraa akka oolu Dhaabbata Fayyaa Addunyaa eeyyama argateera.
Talaalliin kuni Yunivarsiitii Okisfardiin kan qophaa'e yoo tahu talaallii dhukkuba busaa akka addunyaatti yeroo lammataaf qophaa'e dha.
Dhukkubni busaa yeroo baayyee daa'imman ajjeesa, hammeenya seenaa dhala namaa keessatti mul'atan keessaa isa tokko dhas jedhama.
Talaallii haaraa kana waggaatti miiliyoona 100 oomishuuf waliigalteerra gahameera.
Talaallii dhukkuba busaa haalaan ittisu qopheessuuf tattaaffii wagggaa 100 caalu fudhateera.
Dhukkubi kuni maxxantuuwwan wal-xaxoon kan dhufu yoo tahu, bookee busaa nama hidduun dhiiga xuuxxuun namaa namaatti daddarba.
Maxxantuun kuni bocasaa gegeeddaruun sirna madiinummaa qaama keenyaa jala dhokachuun, vaayirasii caalaa wal-xaxaa dha.
Sababa kanaan busaan yoo qabamnu akka dhukkuboota biroo qaamni keenya sirna madiinummaasaa ijaarrachuu hin danda'u, talaallii qopheessuunis rakkisaa tahee tureera.
Talaalliin jalqabaa RTS, S jedhamu Dhaabbata Fayyaa Addunyaa irraa mirkana erga argatee waggaa lama taheera.
Talaalli wal-fakkaataa lama
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Hogganaan olaanaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Teedroos Adihaanoom, ''kuni gammachuu guddaa dha,'' jedhan.
''Guyyaatti talaallii dhukkuba busaa sadarkaa barbaadamuun ittisuufi balaa hin qabne fayyadamuun abjoochaa ture, kunoo amma gosa lama qabna,'' jedhan.
Talaalliiwwan lameen kunneen gama sirriitti hojjechuun sadarkaa ''wal-fakkaataarra,'' jiru, tokko kaanirra fooyya'aa tahuuf ragaan hin jiru.
Haa tahu malee, garaagarummaan talaallii Yunivarsiitii Oksifard R21 jedhamuufi RTS,S gidduu jiru hamma oomishamu danda'an irratti dha.
Dhaabbanni talaallii oomishu guddichi Serum Institute of India waggaatti R21 doozii miiliyoona 100 ol oomishuuf qophaa'e kan jiru yoo tahu, waggaatti gara miiliyoona 200tti guddisuufis karoora qaba.
Hamma ammaatti talaallii RTS,S doozii miiliyoona 18 qofatu jira.
Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa talaalliin R21 ''meeshaa dabalataa murteessaa tahe dha,'' jedheera.
Gatiin doozii tokkoo doolaara 2-4 yoo tahu, namni tokko doozii afur barbaada. Kunis gatii talaallii isa kan RTS,S irraa walakkaan hir'isa.
Talaalliiwwan lameen kunneen teeknolojii wal-fakkaataa kan fayyadaman yoo tahu. Maxxantuu dhukkuba busaa marsaa jireenyaa wal-fakkaataarra jiru irratti xiyyeefatu.
Tahus talaalliin isa boodanaan oomishuudhaaf salphaa yoo tahu, dooziifi keemikaala sirni madiinummaa keenya akka hojjetu kennamu xiqqoo barbaada.
Bara 2012tti qofa akka addunyaatti namoonni miiliyoona 247 tahan dhukkuba busaan qabamaniiru.
Kunneen keessaa 619,000 kan tahan lubbuun darbeera. Harka 95 ol kan tahan ammoo Afrikaa keessatti argamu.
Dandeetti lubbuu baraaruu
Dr Maatshiidisoo Moyeetii, Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti hoggantuu damee Afrikaa yoo tahan, ''talaalliin haaraa kuni qaawwa guddaa fedhii fi dhiyeessii cufuuf humna guddaa qaba, '' jedhaniiru.
''Hamma barbaadamu oomishamee, bal'inaan yoo raabsame talaalliiwwan lameen kunneen ittisa dhukkuba busaa jabeessuuun lubbuu dargaggoota kuma dhibbaan lakkaa'aman baraara,'' jedhaniiru.
Odeeffannoon onlaayiniirratti maxxanfame kan adeemsa saayinsawaan hin sororfamne garuu talaalliin R21 jedhamu kuni iddoo dhukkubni busaa waqtii waqtiidhaan mudatutti harka 75 qofa hojjetaa jedha.
Talaalliin dhukkuba busaa naannolee maxxantuuwwan kunneen waggaa guutuu jiranitti dandeettii hojjechuusaa ni hir'isa.
Yunivarsiitii Oksifard, hogganaa Institiyuutii Janar kan tahan Piroofeesar Sar Adriyaan Hii, ''talaalliin R21 salphaatti kan rabsamuu danda'uu fi gatii gad-bu'aan bitamudha.
''Akkasumas iddoo barbaadamutti raabsamuuf kan qohaa'e yoo tahu waggaatti lubbuu namoota kuma dhibbaan lakkaa'amanii baraaruu danda'a,'' jedhan.
Gaaret, Jeenkiins dhaabbata Malaria No More UK irraa, ''dhukkba busaa irratti fayyadamni maallaqaa iddoo hojiirra ooluu qaburraa fagoo jira, duuti waggaa waggaa yeroo weerara koronaa dabale gara isa duraan jirutti hin deebine, kanaaf talaallii haaraa kanarratti qofa hirkachuu hin qabnu,'' jedhan.












