Hilaariyoon Kaappuuchii: Phaaphaasii ummata Filisxeemif qabsaa'an

Hilaariyoon Kaappuuchii

Madda suuraa, Getty Images

Barsiisaa amantaa, qabsaa'aa, ambaasaaddara nagaa, darbeemmoo meeshaa daddabarsuun hidhaan kan itti murame Hilaariyoon Kaappuuchii Filisxeemota biratti nama akkaan jaalatamaadha.

Phaaphaasii bataskaanaa Kaatolikii yoo ta'an, magaalaa Yerusaalemitti kan argamu Bataskaana Kaatolikii Melkaayiit Giriik jedhamutti gaggeessaa turan.

Osoo Israa'el biyya taatee hin hundaa'in dura bara 1947tti bataskaana Yerusaalem akka to'ataniif yoo muudaman, bara 1965tti ammoo phaaphaasii Qisaariyaa ta'uun muudaman.

Waggaa tokko booda, bara 1948tti, Israa'el biyya taatee hundaa'un wal-qabatee waraana Israa'eliifi biyyoota Arabaa gidduutti mudateen Filisxeemonni walakkaa miliyeenaa ol ta'an qe'eesaanii irraa buqqa'an.

Kuni Hilaariyoo Kappuuchii hin gammachiifne. Keessumaa Waraana Guyyaa Jahaa jedhamuun kan beekamu, waraana bara 1967tti Israa'eliifi biyyoota Arabaa gidduutti gaggeeffameen Israa'el magaalaa Yerusaalem, Weest Baank, Gaazaa, Gaarren Goolaanifi bakkeewwan heddu to'achuusheerraa kan ka'e buqqaatiin namootaa duraan ture daran dabale.

Filisxeemonni waraana gaggeeffameen qe'eesaanirraa buqqa'an bakkee quubsumaa kanneen akka Yordaanos, Weest Baank fa'aa keessatti qabsoo hidhannoo eegalan. Addumatti qabsoo uummata Filisxeem keessatti kan beekamu Dhaabbanni Bilisummaa Filisxeem (PLO) bara 1964tti hundaa'uun Israa'el irratti qabsoo hidhannoo eegale.

Yerusaalem keessatti phaaphaasii bataskaana Kaatolikii kann ta'an Ark Biishoop Hilaariyoo Kaappuuchii kann duraanuu miidhaa uummata Filisxeemirra gahu mormaa turan, dhaaba ifatti hundaa'e PLO waliin hiriiruu eegalan.

Keessumaa bara 1960 irraa ka'uun waggoota 30 kan ta'uuf qabsoo uummata Filisxeem keessatti ifaafi dhoksaan hirmaataa turan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kaayyoo qabsoo uummata Filisxeem beeksisuu, uummata waliin hiriira bahuun jajjabeessuufi sarbama mirga namoomaa Israa'el Filisxeem irratti raawwatti jedhanii amanan mormuunis beekamu.

Hirmaannaa kanaanis qabamanii mana murtiitti dhiyaachuun hidhaan itti muramees beeka.

Hilaariyoo Kappuuchiin bara 1922tti Sooriyaa magaalaa Aleeppotti dhalatan. Abbaan daa'imummaatti waan irraa du'eef namatu guddise.

Waggaa 11 gaafa guutan garuu, baruumsa amantaa hordofuuf gadaamii Basiliyaan jedhamu kann Kibba Libaanositti argamu seenan.

Achiin booda gara Israa'el imaluun bataskaana Saint Anne kan magaalaa Yerusaalem keessatti argamu deebuun baruumsa itti fufan. Achumaan magaalattii keessa jiraachuu itti fufan.

Kuni ammoo walitti dhufeenyi abbaa amantii kanaafi uummata Filisxeem caalmatti akka cimsu godhe.

Israa'el osoo biyya taatee hin hundeeffamin dura iyyuu Hilaariyoon gaggeessaa amantaa ta'uun bataskaana Kaatolikii Yerusaaleem keessa jiru keessa hojjataa turan.

Yeroo kanatti humnoonni Israa'el akka biyya taatuf socho'aa turan kann Irgun jedhaman magaalaa Yerusaalemifi bakkeewwan garaa garaatti loltoota Biriitish irratti haleellaa gaggeessaa turan.

Keessumaa haleellaan humni Irguun jedhamu bara 1946tti Hoteela Kiing Deevid jedhamurratti gaggeesseen kanneen du'an keessaa heddu lammiilee UKfi Araboota. Yeroo kun ta'u, Hilaariyoon akka achi ture barreessee ture.

Hilaariyoon Kappuchii eenyummaa saditu irraa calaqqisa: Sooriyaa, Libaanosifi Filisxeem.

Sooriyaan bakka dhalootasaati; Libaanos bakka itti amantii barateefi muudama phaaphaasummaa itti argateedha. Filisxeem ammoo kaayyoo innni bara jireenyasaa inni qabsaa'efiidha

Hidhattoota PLOtiif meeshaa waraanaa daddabarsuun hidhaan itti murame

Hilaariyoo Kappuuchii Israa'el biratti akka nama farra nagaatti ilaalamu. Inumaayyuu miidiyaaleen Israa'el "luba shororkeessaa" jechuun ibsu.

Filisxeemonni akka abbaa amantaa qofatti osoo hin taane, "qabsaa'aa bilisummaa" jechuun faarsu.

Hilaariyoo Kappuuchii Vaatikaan irraa phaaphaasii duree Yerusaalem ta'ee waan muudamaniif, paaspoortii Vaatikaan qabu.

Kana jechuun Israa'el keessatti akka qaama dippilomaatikiitti ilaalamu.

Carraa kanatti fayyadamuun hojii tajaajilaafi barsiisa amantiif jecha Yerusaalemifi Libaanoos gidduu konkolaataa dhuunfaasaaniin deddeebi'u.

Yeroo Libaanosiifi Israa'el gidduu deddeebi'an konkolaataansaanii waan hin sakatta'amneef meeshaa waraamaa garaa garaa qabsaa'ota Filisxeemif Libaanos irraa fiduun kennuuf.

Haa ta'u garuu, Hagayya 1974 Hilaariyoo Kappuuchii konkolaataa isaanii keessatti meeshaa waraanaa fe'uun Libaanos irraa gara Yerusaalem imalaa jiranii loltoonni Israa'el shakkuun sakattaaf dhaaban.

Meeshaa waraanaa fe'anii osoo deemanuu harkaafi harkatti qabaman: qawwee afur, shugguxii lama, boombiiwwaniifi daayinaamaatitii kg 100fi dhootuwwan garaa wajjin to'annaa jala oolan.

Meeshaalee waraanaa kanneen Libaanos irraa gara Weest Baank geessun Dhaabbata Bilisummaa Filisxeemiif geessuf ture.

Hilaariyoon namoonni dirqisiisanii akka konkolaataasaanitti fe'an himanis himannaa jalaa hin bane. Qabsaa'onni Filisxeem itti dhiyeenyan abbaa amantaa kana beekan, dirqisiifamanii osoo hin taane, itti amananiituma PLO gargaaruf meeshicha akka fe'an himu.

Israa'el himannaa yakkaa: meeshaalee waraanaa seeran ala daddabarsuufi humnoota alaa ykn Israa'el diina jettu waliin qunnamtii uumuu irratti dhiyeessun mana murtii dhiyeessite.

Manni Murtii Israa'el phaaphaasii bataskaana Kaatolikii kana hidhaa waggaa 12 itti mure.

Poop Pool VI gidduu seenun akka hiikamu godhan

Hilaariyoo Kappuuchii bara 1974tti meeshaa waraanaa hidhattoota Filisxeemif geessuf osoo jedhamuu qabame oduun jedhu caalmatti waa'ensaa gurra addunyaa akka bu'u taasise.

Hilaariyoon qabsaa'ota Filisxeem keessaa namoota akka gaggeessaa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) kan ture Yaasiir Arafaat fa'aa waliin walitti dhufeenya cimaa qaba.

Gaggeessitootafi miseensota PLO wajjin walitti dhufeenya qabaachuu qofa osoo hin taane ofiisaafuu miseensa PLO akka turetu himama.

Walgahiiwwan dhoksaa gaggeessitoonni PLO taasisan keessattis hirmaachaa akka ture jedhama.

Hilaariyoo Kaappuchii hidhamuusaa hordofee Yaasir Arafaat "gochaa fokkisaan" raawwatamuu ibse.

Manni Murtii Israa'el hidhaa waggaa 12 itti murus, Bataskaanni Kaatolii Roomaa gidduu galuun dirqama ta'e.

Yeroo sana Pooppii Bataskaana Kaatolii Roomaa kan turan Poop Pool VI gidduu seenun Israa'el wajjin erga mariyatanii booda Hilaariyoon waggaa lama erga hidhamanii booda bara 1977tti gadi dhiifaman.

Hilaariyoon erga gadi dhiifamanii booda Baha Giddu Galeesaa keessatti hojii tajaajila amantii itti hin fufan kan shakkiin ture.

Haa ta'u garuu, Hilaariyoon uummata Filisxeemif sagalee ta'uu hin dhiifne.

Hilaariyoon miseensa Dhaabbata Bilisummaa Filisxeem (PLO) ta'uusaanirraa kan ka'e, Kora Waliigalaa PLO magaalaa guddoo Sooriyaa Damaasqotti bara 1979tti gaggeeffamerratti hirmaataniiru.

Abbaa amantaafi qabsaa'aa beekamaa qofa osoo hin taane, hojii dippilomaasii keessatti hirmaachun beekama.

Warraaqsa Iraan keessatti mudateen bara 1979tti mootummaan Rippaabilika Iraan hundeeffamuu hordofee lammiilen US embasiishee Teharaan keessa jiru keessatti ugguramanii turan.

Barumsa sana keessa dippilomaatota US 66 Iraan keessatti danqaman gadi lakkisiisuf Hilaariyoon gara Tehraan deemuun mootummaa Iraan yeroo sana haaraa hundaa'e waliin mariyatanii turan.

Akkasumas yaalii US oppireeshinii gaggeessun lammiileeshee Iraan keessaa baasuf taasiftee fashaleen lammiileeshee du'an reeffisaanii gara biyyaa akka galu gochuu keessattis Hilaariyoo Kaappuchii gahee guddaa akka qabu ragaalen ni agarsiisu.

Bara 1990 ammoo gara Iraaq imaluun mootummaan Saadam Huseen Kuweet weeraruu hordofee lammiilee Xaaliyaanii achitti danqaman akka bahaniif hojii dippilomaasii hojjataniiru.

Waggaa 10 booda ammoo Kappuuchiin jila abbootii amantii dursuun gara Iraaq qajeelan. Kunis qoqqobbii Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii Iraaq irra kaa'e mormuun Iraaq waliin dhaabbachuu agarsiisuf ture.

Bra 2010 ammoo marfama Israa'el Gaazaa irra keesse mormuun doonii deeggarsa namoomaa qabatte Turkii irraa kaate Mavi Marmara jedhamu hogganuun gara Gaazaa qajeelan.

Haa ta'u garuu humno komaandoo Israa'el doonicha marsuun to'achuu hordofee dhukaasa banameen aktvistoonni Turkii 10 madaa'anii turan. Yeroo kana Hilaariyoon manguddoo ganna 88 ture.

Phaaphaasii bataskaana Kaatolikii Yerusaalem jiruu kan turan Hilaariyoo Kaappuchii ganna 94tti bara 2017 du'an.

Du'a abbaa amantii kanaa hordofee Pirezidaantii Filisxeem Mohaammad Abbaas dabalatee Filisxeemonni hedduun gaddasaanii ibsatanii turan.

Mohaammad Abbaas "qabsaa'aa bilisummaa dhabne" jechuun gaddasaanii ibsatanii turan.