Atileeti Tigist Asaffaa Maaraatoonii Landaniin riikardii haaraa galmeessuuf kaayyeeffachuu himte

Atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa

Madda suuraa, Getty Images

Atileetiin Itoophiyaa Tigist Asaffaa Maaraatoonni Landan Dilbata boruu gaggeeffamu irratti rikardii haaran injifachuuf qophii ta'uu BBCtti himte.

Tigisti, shamarreeen umurii wagaa 27, erga Fulbaana darbee keessa Maaraatoonii Barliin sa'aatii 2:11:53tti xumurteen booda riikardiin maaraatoon dubartoota addhunyaa ishee harka jira.

Tigiist riikardii Maaraatoonii Landan kan sa'aatii 2:17:01n atileetii lammii Keeniyaa Maarii Keetaaniitiin bara 2017tti galmaa'e fooyyeessuuf kaayyeeffattee jirti.

''Hangam cimtuu akkan ta'e Waaqni ni agarsiisa. Baayyees itti qophaa'eera. Akkan riikardii qabame fooyyeessuus nan amana'' jette.

"Landaniitti ta'ee Barliiniitti, ciminakoo gonkumaa jijjiruu hin danda'u'' jechuun haalaan itti qophaa'uu dubbatti Tigist.

Atiileeti Tigisti Maaraatoonii Landan kanarratti lammiilee Keeniyaa Biriigiid Kooseey, Ruut Cheepingeetiich fi shaampiyoonaa Olompiikii kan taatee Peerees Jeepichiriichir akkasumas injiffattuu Landan Maaraatoon kan taatee lammii Itoophiyaa atileeti Taalemzarf Yehu'alaaw waliin dorgomti.

Tigisti fi lammiileen Keeniyaa Biriigiid Kooseey fi Ruut Cheepingeetiich, atiileetoota sadi seenaa maaraatoonii keessatti dubartoota keessatti saffiisa cimaa qabaniidha. Biriigiid Kooseey ammoo yeroo lama Maaraatoonii Landan kan injifattee yoo ta'u, deebii'uutti ''gammadduudha'' jette.

''Keeniyaa keessatti haalaan qophaa'aa waan tureef, siirriin qophaa'oodha'' jette.

Biriteen Guddiittii irraa ammoo Beekii Biriigsi, Aliis Raayiit, Aniiyaa Kuuliing, Raachal Hoojikiinsan, Heelan Gaawuunti, Mahayiirii Maakilanaan fi Liisii Riid dorgommii Maaraatoonii Dilabataa irratti ni fiigu.

Lammiin Ingilizii Paawulaa Raadkiliif Maaraatoonii Landan xumuruudhaan sa'aatii saffiisaa dubartootaa qabattee jirti. Isheenis bara 2003tti dorgommii makaa fiiguudhaan sa'aatii 2:15:25 xumuurudhaan riikardii qabattee.

Dilbata boruu Maaraatooniin dubartootaa kan dhiirootaan dura akka fiigamu sagantaa guyyichaarraa hubatameera.

Atileet Tigist Asaffaa dhiheenya magaalaa Finfinneetti kan argamtu magaalaa Hoolotaatti dhalattee guddatte. Maatiin ishee ijoollee jaha horatan keessaa isheen quxisuudha.

Dorgommii manneen barnootaa gidduu tureen gara atileetiksii kan seentee yoo ta'u, kanaaf ammoo barsiisaan ispoortiishee gumaachuu dubbatti Tigist.

Fiigicha gabaabaa keessumaa 400m, 800m akkasumas boodarra sababa miidhamaan fiigicha fageenya dheeraa fiiguu jalqabde.

Haata'u malee ga’umsa guddaa agarsiisuun Maaraatoonii Barliin irratti Riikardii Maaraatoonii dubartootaa cabsiteetti.

Ammas Maaraatoonii Landan kanarratti hojii cimaa hojjachuuf qophiifi cimiina qaamaa gaarii irratti akka argamtu kan BBCtti himte.