Yunivarsiitiin Jimmaa yeroo jalqabaatiif akkaadamii saayinsii aviyeeshiniifi eeroospeesii hundeessuuf

Seenaa dhaabbilee barnoota olaanoo Itoophiyaa keessatti yeroo jalqabaatiif Yunivarsiitiin Jimmaa Akkaadamii Saayinsii Injinariingii Aviyeeshinii fi Eeroospeesii hundeessuuf qophii xumuruu BBC’tti hime.
Yunivarsiitichatti, Inistuutiin Teknolojii Jimmaa (JiT) abbummaadhaan kan hogganu, Akkaadamiin Injinariingii Saayinsii Injinariingii Aviyeeshiniifi Eeroospeesii kaarikulamii barnootaa qopheessuun waltajjii gamaggamaatiif dhiyeesseera.
Muummee barnootaa afur jalatti sagantaaleen jaha kan qophaa’an yoo ta’u, isaan keessaa lama bara ittaanu akka eegalu, pirezidaantiin yunivarsiitichaa Dr. Jamaal Abbaafiixaa fuula miidiyaa hawaasaa isaaniirratti beeksisan.
Dursaan garee Akkaadamii Saayinsii Injinariingii Aviyeeshinii fi Eeroospeesii Dr. Isaayaas Nigaatuu, yunivarsiitiin Jimmaa beekumsaafi muuxannoo gabbataa gama injinariingiitiin qabu bu’uureffachuun indastiricha saayinsii fi teknolojiidhaan guddisuu akka kaayyeffate BBC’tti himaniiru.
Yunivarsiitii guddicha Afrikaa kan ta’e, Yunivarsiitiin Aviyeeshinii Itoophiyaa bara 1956 kan hundeeffame yoo ta’u ogeeyyii biyyoota Afrikaa mararraa dhufaniif leenjii balaliisummaa fi kaan kennuudhaan beekama.
Kolleejjii Aviyeeshinii Naaashinaal (National Aviation College) fi Tajaajilli Aviyeeshinii Abisiiniyaa ammoo dhaabbilee dhuunfaa leenjii balaliisummaa fi kaan laatan yoo ta’an, yunivarsiitiin mootummaa saayinsii aviyeeshiniifi eeroospeesii barsiisu garuu hin jiru.
Maaliif Yunivarsiitiin Jimmaa akkaadamii kana banuuf xiyyeeffannoo addaa akka kenne, yunivarsiitichatti barsiisaa fi qorataan Injinariingii Elektirikaalaafi Kompiitaraa, Dr. Isaayaas akkanaan seenaa aviyeeshinii Itoophiyaa dursuun ibsu.
Waggaa kudha torbaan dura Yuvarsiitiin Jimmaa saayinsii aviyeeshiniifi eeroospeesii hundeessee barsiisuuf baay’ee dhama’us itti hin milkoofne. Amma garuu “waanti mijataa ta’es waan uumameef,” waggaafi ji’a jaha dura ammoo akka haaraatti yaannisaa irradeebiin akka ka’e yaadatan.
Duraan Daandii Qilleensa Itoophiyaa qofti aviyeeshinii barsiisuu fi namoonni qarshii qaban qofti waan itti galanii hojjetanitti akka fudhatamu kan kaasan, dursaan garee akkaadamichaa, sababoota ijoo sadii qorannoo barbaachisummaatiin adda bahan kaa’aniiru.
“Biyyi keenyaaf seenaan Aviyeeshinii hariiroo guddaa qaba” kan jedhan qorataan kun, ''aviyeeshiniin indastirii jabaa addunyaa keenyaati waan ta’eef isirratti hojjechuun barbaachisaadha'' jedhu.
Yunivarsiitiileen Itoophiyaa saayinsiifi teeknolojiif dursa kennuun akka hojjetan kan kaasan Dr. Isaayaas, guddinni aviyeeshiniis saayinsiif teeknolojii akka bu’uureffatu dubbatu.
Gama biraatiin ammoo, hoggantoonni aviyeeshinii fi eeroospeesii namoota biyya alaa ta’uu kaasuun, Yunivarsiitiin mootumaa (public university) indstiricha keessa seenuun gama hedduun bu’aa guddaa buusuu akka danda’u himan.

Itoophiyaan “Afrikaadhuma keessaayuu daftee indastirii aviyeeshinii keessa seenuuf ishee jalqabaati” Dr Isaayaas, xiyyaara jalqabaa kan humna ofiisaatiin ka’u, to’atamuufi balalii ittifufuu danda’u kalaqamuun seenaa aviyeeshinii keessatti boqonnaa haaraa akka uume kaasu.
Biyyoonni guddatan dafanii gara indastirichaatti kan seenan yoo ta’u, Itoophiyaanis biyyota addunyaa hedduu dursuun gara indastirichaatti seente jedhu Dr. Isaayaas. “Bara 1929 xayyaarri [yeroo jalqabaaf] biyya keenya dhufe” jechuun yaadatu.
‘Uummanni keenya fardarra ta’eeyyuu waa’ee xiyyaaraa yaadaa ture akka yaadaatti [imagaination]’
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Xayyaarri yeroo jalqabaaf Itoophiyaa dhufte, naannoo Oromiyaa naannoo laga Gafarsaa akka qubatte kan kaasan qorataan Injinariingii Elektirikaalaa fi Kompiitaraa Dr. Isaayaas, uummanni garri caalu barnoota ammayyaa kan hin fudhanne ta’us waan arge dinqifatee qofa manatti hin galle jedhu.
“Ala inni [xayyaarri jalqabaa] dhufu, qotee bulaan bahee, lafa ciree, bakkee inni itti boqotu ilaalamee, naannoo Finfinnee bakkee Gafarsa jedhamu boqote [qubate]. Qotee bulaan kaan miilaan, kaan fardaan dhufa yookaan gaangee fe’atee dhufa.
''Kan si dinqisiisu, uummanni keenya fardarra ta’ee, gaangeerra taa’etuyyu waa’ee xiyyaaraa yaadaa ture akka yaadaatti. Fardumarraa ka’anii xiyyaara sanarratti ba’an, boodumas'' jedhan.
''Akka yaadaa (imagination)tti in dandeenya waan jedhu horataniiru. Dhaqnee ilaallee galla jedhanii miti kan manaa bahan. Wanti barrisu [balali’u] tokko dhufaa jira; hamma allaattii gaha. Alanni lafatti gadi dhiyaachaa dhufu, waan guddaa lafarra boqotu arguusaaniitti dinqisiitanii manatti hin galle. ‘Waanuma kana nus dhaqnee balaliisuu in dandeenya’ isa jedhuun akka yaadatti (imagination) tti in dandeenya isa jedhu horataniitu” jechuun ibsu Dr. Isaayaas.
“Mootummaan ala sana ture waggaama tokko booda 1930tti Itoophiyaan xayyaara afur bitatte.'' Arfan bitamanis tajaajila geejibaaf qofa otoo hin taane ergaa fi ittisa biyyaa dabalatee tajaajila gara garaa kennaa akka turanis himu.
“Yeruma sana wiirtuun balaliistonni yookaan paayileetonni itti leenji’an Jijjigaatti baname. Gara nama shanii kan ta’an seenanii leenji’ani. Kun Ethiopian Air Force [Humna Qilleensa Itoophiyaa] hundeessuudhaaf bu’uura ta’e,'' jechuun achii as dhufaatii teknolojii xiyyaaraa ibsu.
Ganna shaniin booda ammoo balaliisu qofa otoo hin taane, ‘xayyaarichuma harka keenyaan hojjenna’ kaka’umsi jedhu dhufe. Injinaroonni naannoo jiraniif kan biraa itti makamanii, biyyuma keenya keessatti xayyaara tokko tolchani.
Gara sa’aatii 30 balaliitee haaluma milkaa’aa ta’een goolabame. Maqaan xiyyaarichaas maqaa mucaa Mootii Hayilasillaaseetiin, Tsahaay jedhamuun moggaafame.
''Xiyyaarichis yeroo weerara Xaaliyaanii biyyaa hatamee kan ture yoo ta’u, dhiyeenya Muummee Ministeera Abiy Ahmadiin gara biyyaatti deebi’ee ture” jechuun seenaa ture ibsan.

‘Seena kanarraa kaka’umsa guddaa arganneerra’
“Sababni nuti akkaadamii akka ta’u barbaanneefis, wantoota adda addaa ofkeessatti qabatee akka guddatu waan barbaanneedhaafidha. Baruuf barsiisuu qofarratti kan xiyyeeffatu miti. Qo’annoos in qaba, giddugala filatamaa fi kalaqaa (centre of excellence and innovation), booda ammoo gara tajaajila hawaasaatti kan adeemu” ta’uus himu.
Barnoonni kun kan daree keessattu baratamu “caalaa waan harkaan tuqamu” waan ta’eef, waantoota shaakalaaf oolanii dafanii guutuun ulfaataa akka ta’e kan kaasan Dr. Isaayaas, mala waloomaan yookaan shariikaan hojjechuu akka hordofan himu.
Kunis, indastiricha keessatti haala shaakalaaf mijatoo ta’e kan qaban dhaabbanni buleeyyiin akka Humna Qilleensa Itoophiyaafi Daandii Qilleensa Itoophiyaa faa akka fayyadamaniif waliigalteerra gahuu isaaniis itti dabaluun ibsaniiru.
Kanaan duras Akkaadamichi Yunivarsiitiin Jimmaa, Daandii Qilleensa Itoophiyaa, Humna Qilleensa Itoophiyaafi Yunivarsiitii Raayyaa Ittisa Biyyaa waliin sanada waliigaltee afranii mallatteessanii turan.
Gama yunivarsiitii Jimmaatiin saayinsii bu’uuraa, beekumsa injinariingii, qorannoofi muuxannoo gabbataa saayinsiifi teknolojiitiin jiruun gara saayinsii aviyeeshiniitti fiduun bu’aa guddaa akka buusan himaniiru. “Biyya keessaas biyya alaas yaada kana deeggaruuf kan hiriiran” waan jiraniif isaan kana walitti fiduun guddina saayinsii aviyeeshiniitii fi eeroospeesii keessatti shoora guddaa bahachuuf akka karoorfate himan.
Akkaadamiin Yunivarsiitiin Jimmaa banaa jirus muummeewwan barnootaa afurii fi ispeeshaalaazeeshinii jaha kan qabu yoo ta’u, qophiin isaanii akka xumurames himaniiru.
Akka jalqabbiitti gosa barnootaa hunda altokko eegaluun waan rakkisuu maluuf, sababoota biroo ilaalcha keessa galchuun kamtu dursee akka eegalus akka ifoomsan himaniiru qorataan kun.
Abbaan Taayitaa Siviil Aviyeeshinii Itoophiyaa “Ogeessota isaanii waliinis hojjechaa jirra. Baay’isanii kan barbaadan isa kana ture. Itoophiyaa keessatti aviyeeshii irratti hundaa’ee barnoonni kennamaa hin turre. Dhaabbileen barnootaa gara kanatti [aviyeeshiniitti] akka galan barbaadaa waan turaniif, nuti yaada kana qabannee gara isaanii deemuun gammaduu isaanii nuuf ibsaniiru” jechuun ibsu Dr. Isaayaas.
Gama kanaan heeyyama abbaa taayitichaarraa argachuufis akka hojjetan kaasan.
Karoora gara fuulduraa
Akka yunivarsiitiitti “of guddisee sadarkaa addunyaarratti beekamuu barbaada. Ogeessota addunyaarratti dorgomanii, mo’ataniis, hojjetanii, biyya keenyaafis galii fidan” oomishuun kaayyoo isaanii fuulduraa akka ta’e himu qorataan Yunivarsiitii Jimmaa Inistuutii Teeknolojii kun.
Leenjii kennuudhaan alatti sadarkaa barnoota olaanootti saayinsii kana barachuunis daanga’aa waan ta’eef, “Aviyeeshinii fi eeroospeesiin keenya irra caalaa kan hoogganaman namoota biyya alaatiini” jedhan.
Hir’ina kana furuun hoggantoota aviyeeshinii ciccimoo uumuun mul’ata akkaadamichaa akka ta’e ibsu. Meeshaalee indastirii aviyeeshinii keessatti barbaachisoo ta’an biyya keessatti oomishuu dandeessisuunis mul’ata akkaadamichi qabatee dhufe ta’uus Dr. Isaayaas BBC’tti himan.
Yunivarsiitiin Jimma, Kolleejjii Qonnaa fi Inistuutii Saayinsii Fayyaa Jimmaa kan duraa-duubaan bara (1952 fi 1983) hundaa’an walitti makuun bara 1999 kan hundaa’e yoo ta’u, falaasama ‘barnoota hawaasa bu’uuraffate’ (Community Based Education) jedhamuun beekama.
Boodarra barnootaa fi qorannoo gama saayinsii injinariingiitiinis kalaqa gara garaa gumaachaa kan ture yoo ta’u, amma ammoo gama saayinsii injinariingii aviyeeshinii fi eeroospeesiitiin guddina indastirichaafis ta’ee biyyaaf gumachuuf haalduree akka xumure ibseera.












