Hoggantoota garee Hezbollaafi Hamaas Israa'eliin ajjeefaman

Hoggantoota garee Hezbollaafi Hamaas Israa'eliin ajjeefaman

Haleellaa Hamaas waggaa dura Israa'elirratti raawwateefi waraana Israa'el Gaazaa keessatti eegasii eegaltee itti fufteen miidhaan guddaa gaheera.

Walitti bu'iinsa waggaa tokkoof itti fufeen lammiileen kumaatama ta'an ajjeefamaniiru. Hanga ammaa lolli hin dhaabbatiin jira.

Waggaa tokko keessa Israa'el ajajoota diina kiyya jettu Filisxeem, Libaanos akkasumas Iraan keessatti ajjeefteetti.

Kunneenis, ajajoota Hamaas kan Gaazaa keessa sosso'uufi Hezbollaa kan Libaanos keessa sosso'u hoggananidha. Garuu kunneen eenyu fa'i?