Zinaddiin Zidaan: Sanyiifi amantaan olitti mallattoo tokkummaa Faransaay

Ziinaddiin Ziidaan

Magala Faransaay kan taate Maarsee keessatti, qarqara daandii cirrachaatti kubbaa taphataa kan guddate Ziizuun, biyyisaa yoo waancaa addunyaa keessaa baateetti inni mucaa waggaa 10 ture.

Hawwiinsaa bishkileetiin akka bitamuuf, yoo danda’ame ammoo kubbaan gaarii akka bitamuuf malee gonkumaa badhaasa kubbaa warqii yaadee hin beeku ture.

Hiriyyoonni isaa Zidaaniin Yaazii jedhanii waamu.

Innis guddate erga addunyaa kubbaa miilatti makameen booda yeroo jalqabaatiif biyyisaa akka waancaa addunyaa injifattu taasiseera. Kanaanis biyya sanyiin adda qoodamte Faransaay tokkoomse.

Haata’u malee, Zidaan kun akka dhugoomuuf haarsaa baayyee kanfale.

Maatiin Zidaan Aljeeriyaarraa baqachuun Faransaay galan. Naannawwan Zidaan itti dhalatee keessatti guddate La Kaastaalaan jedhama. Ollaa yakkiifi hojii dhabummaan itti baayyatudha.

Bara Faransaay itti rukuttaa adabbiittiin Jarmaniin injifatamuun waancaa addunyaatii ala taateetti Zidaan kilabiisaa jalqabaa argate.

Muddamni garaagarummaan sanyiin uumamu mallattoo siyaasa Faransaay. Namoonni siyaasaa kan akka Maarii La Peen jiranis taphatoonni biyyoota akka Ispeen, Seneegaal, Gaanaa, Armeeniyaa fi Porchugaal irraa dhufan bakka nu hin bu’an jechuun yeroo itti dubbatan ture.

Haata’u malee, gareen biyyaaleessaa Faransaay Zidaaniin durfame ‘La Blue’n (Cuqulisoota) bara 1998 wayita waancaa addunyaa injifataniittu daandiiwwan Paariis deeggartoota kubbaa miilaatiin dhiphatte ture.

Biyya Kaaba Afriikaafi maatii baqattootaa irraa kan dhalate Zidaan, deeggartoota miiliyonotaan lakkaa’amaniin dabaalamun waancicha waliin mo’e.

Dhaadannoon deeggartoonni qabatanis ‘‘Ziizuu si galatteeffanna. Zidaan pirezidantii keenya’’ jedha ture.

Zidaan tapha dhumaatiin Biraaziil irratti gooliiwwan lama lakkoofsiisuun, Faransaay 3-0n Biraazil injifatte.

‘‘Abjuukee ta’us, kan barbaaddee yoo hawwitu keessoo kee hin danda’amu siin jedha. Kanaafidha kanaan booda wantin godhu hin dandeenye kamuu akka hin jirree kanan amaneef,’’ jedhee ture Ziidaan yeroo sanatti.

Kaballaa kuphee Kaantonaa

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Bara 1994tti garee biyyaaleessaa Faransaay kan leenjisan Jaakeen tapha Riippablika Cheek waliin tureen taphataa Boordoo teessuma eeggataa irraa irraa kaasuun jijjiiranii galchan.

Tapha kanas Farahsaay qabxii 2 fi 2n xumurte. Gooliiwwan Faransaay lamaanuu kan lakkoofsiise Zidaan ture.

Maanchistar Yunaayitid irraa kan ta’e Eriik Kaantonaan akkuma Jaakii Chaan sana deeggaraa tokko qilleensa irratti kaballaa kopheetiin erga dhaheen booda baatiiwwan sagaliif tapha irraa dhorkame.

Kunis leenjiisaa Jaakuwee fi Zinaddiin Zidaaniif garuu carraa uume. Waancaa Awurooppaa bara 1996tti Zidaan bakka Kaantonaa bu’uun taphachu eegale.

Haata’u malee, waancaa Awurooppaa sanaan Faransaay hin milkoofne. Miidiyaaleen biyya keessaas leenjiisaa irratti komii robsaa turan. Gareen Jaakuwee ammallee ijoolleedha jechuun qeeqan.

Ta’us, kan umurii wagga 20 keessa osoo jiruu rifeensi mataasaa molachuu eegale Zidaan, deeggartoota gareesaa waliin ta’uun addunyaa dinqisiisuuf qophaa’aa ture.

Bara 1998tti Zidaan Boordoo irra gara Juuventuusiitti darbe. Achittis dandeettii isaatii na,moonni hedduun ajaa'iba jechuu eegalan. Juuventuus waliinis waancaa Serie A injifachuun, erga shaampiyoonsi liigichaan lammaffaa baheen booda ture gara waancaa addunyaatti kan qajeele.

"Kan inni miilasaatiin raawwatu kaan harkaanuu hin danda’an," jechuun ture Tiiyerii Honerii BBCtti kan ragaa baheef.

Cuquliisoonni taphasaanii jalqabaa kan taphatan magaala Maarseey kan Zidaan itti guddateetti ture.

Zidaan lakkoofsa 10 fi qumxaa adii uffateera. Faransaay taphashee jalqabaa Afriikaa Kibbaa 3n injifachuun xumurte.

Tapha lammataa Sa'ud Arabiyaa waliin turenis Faransaay akkuma barte 3fi 0 dursuu eegalte. Akka tasaa Zidaan balleessaa raawwate.

Abbaan murtee lammii Meeksiikoo yeroo osoo hin fudhatiin Zidaaniif kaardii diimaa kennan. Deeggartoonni iyya itti fufan.

Zidaan nama tasgabbaa’aa fi kubbaa kan akka barbaadutti ittiin tabatu yoo ta’u, waa’ee maatiisaa yoo itti kaasan ni aara. Wayita ijoollee tureetti taphata tokko addaan itti bu’uun kuffisee beeka.

Zidaan bara tapha kubbaa miilaa isaatti kaardii diimaan yeroo 14 kennameeraaaf. Kan dhumaa garuu yoomuu hin dagatu. Tapha xumura waancaa addunyaa bara 2006 irratti taphataa sarara ittisaa Xaaliyaan Maarkoo Maateraasiin addaan itti bu’ee kuffise.

Zidaan bara 1998tti sababii kaardii diimaa kennameefiin tapha rammadii sadaffaa osoo hin taphatiin hafe. Ta’us Faransaay gara marsaa ittaanuutti dabarte waan turteef baayyee hin dhiphanne ture.

Marsaa 16 keessatti Faransaay Paaraaguwaay waliin ramadamte. Tapha kanaanis Zidaan ala taa’ee dowwachuu malee filannoo biraa hin qabu ture. Galanni Looran Bilaaniif haata’utii Faransaay gara marsaa ittaanuutti dabarte.

Zidaan garuu tapha xumuraatiif deebi’e. Zidaanis rukuttaa adabbii argamteen Jiiyaanlukaa gara mirgaatti kuffiisuun kubbaa karaa bitaatiin galche.

Kanaanis Faransaay gara marsaa xumura walakkaatti dabarte.

Faransaayis tapha Kirooshiyaa waliin taphatteen gooliiwwan 2fi 1n injifachuun seenaa keessatti xumura waancaa addunyaatiif qaqqabde.

Taphichaan boodas pirezidantiin Faransaay Zhaak Shiiraaq gara kutaa taphattoonni itti uffatanii seenana. Zidaan harka fuudhanii taphataa goolii eegu Baarteez adda dhungatan.

Faransaay ykn Biraazil

Faransaayis gammachuun machoofte. Waancaa addn=unyaa ofiin qopheessan irratti seenaa hojjachuuf qophaa’an. Ummannis alkanii guyyaa shubbisuu eegale.

Tapha deeggartoota kubbaa miilaa Biraazil irraa eeggaa turan

‘‘Kan baayyee na dinqisiisee baay’ina namoota daandii irratti argeedha. Atobisii keessa boodarran taa’ee ture. Naanwe yoon ilaalu yoo xinnaate mootara 500tu nu hordofaa jira. Baayyee waan ajaa’ibaa ture’’ jedha Ziidaan.

Ziidaan ilma Faransaay dinqii ta’e dhufulleen, Biraazilis kan mataashee, Ronaaldoo Luuwiiz Da Liimaa qabdi turte.

Haata’u malee Roonaaldoon waan dhukkubsateef hin tabatu ta’a oduun jedhu dhagahamu eegale. Ta’u tapha xumuraatiif hiriiruurraa kan isa dhorke hin turre.

Ta’us Roonaaldoon dandeetiiisaa tapha xumuraa sana agarsiisuu hin dandeenye. Biraazil akka durii osoo hin ta’iin hafte. Faallaasaa Ziidaan si’omee gara dirree kubbaa seene.

Mallayaa cuquliisa kan uffate Ziidaan naannoo sarara ittisaa Biraaziil kan kelloo ufatanii keessa deedeebii’e. Gooliiwwan ajaa’ibaa lama mataan lakkoofsiise. Imaanu’eel Peetiit ammo goolii sadaffaa itti ida’e.

Faransaayis gammachuun of wallaalte. Deeggartoonni shubbisa itti fufan. Miiliyoonnis waancicha arguuf adabaabaayiitti bahan.

Guyyoota lamaan booda Ziidaan fi deeggartoonni gareessaa garamasaraa ppirezidantii biyyatiitti kabajaan waamamuun badhaasa goota biyyattii badhaafaman.

Garee Faransaay yeroo sanaatifis maqaan masoo ‘Sabbata Waaqaa’ jedhu kennameef. Kunis gariichi taphattoota sanyii garaa garaa irraa walitti babahan kan hamate waan ta’e maqaan kun kennameef.

Injifannoon waancaa addunyaa kunis yeroofis ta’u siyaasa sanyii Faransaay keessatti babal’ate ture tasgabbeesse.

Ziidaan garuu yaada siyaasaa kennurraa of qusate. Obboleessi isaa Noordiin osoo Ziidaan yaada kenne namoonni siyaasaa isatti fayyadamu fedhan heddu ta’u dubbate.

Gaheen Ziidaan waancaa addunyaa Faransaayiif gumaate salphaa hin turre. Ispoortiin sanyiifi amantaa caalee argame. Innis Maayikili Joordaan caaluun taphataa baraa ajaa’ibaa ta’un badaafame.

Ziidaan miidiyaa hawaasaa gubbaatti yeroo hunda hin barreessu. Darbee darbee mul’ate bada. Innis kan hunda caalee namoota tokkoomsedha.