Iraaqiifi biyyoonni kaan Denmaarkitti Qur'aanni gubachuu morman

Namoota Quraana baatanii mormii agarsiisan

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Namoota Quraana baatanii mormii agarsiisan

Iraaq dabalatee biyyoonni lakkoofsa hordoftoota amantaa Islaamaa guddaa qaban Deenmaark keessatti Qur'aanni gubachuu morman.

Wiixata darbe ture Quraanni embasii Iraaq Koppaanhaagan jiru fuulduratti garee ''Daanish Paatriyoot'' jedhamaniin kan gubate

Gareen siyaasa mirgaa tarkaanfachiisan viidiyoo gochaa wal-fakkaataa agarsiisu gaafa Jimaataa Feesbuukii irratti kallattiin dabarsaniiru.

Baagidaad keessatti hiriirtonni kuma tokkoo ol tahan embasii Daanish dhaqqabuuf yaalaniiru.

Torbee darbe Istookolm keessatti Quraanni gubachuun booda Baagdaad keessatti embasiin Siwiidiin gubateera.

Wiixata kaleessaa Deenmaark keessatti namoonni yaada farra-Islaamaa gaggeessan macaafa qulqullaa'aa kanarra ejjechuun alaabaa Iraaq biratti ibidda itti qabsiisan.

Ministeerri Hajaa Alaa Iraaq, ''gochaan akkasii vaayirasiin mankaraaressummaa fi jibbaa nagaan jiraachuu hawaasaa irratti yaaddoo akka uumu godha,'' jedhan.

Musliimonni Quraanni jecha Waaqaati jedhanii amanu, kitaaba kana balleessuufi kabaja dhorku hunda akka arrabsoo guddaatti fudhatu.

Quraanni Denmaarkitti gubachuun kuni magaalaa guddoo Yaman Sana'aattis Siwiidinii fi Denmaark irratti dheekkamsa guddaa kaaseera.

Tarkiin taatee kana ''haleellaa jibbaa'' Quraan irratti adeemsifame yoo jettu, Aljeeriyaan ammoo ambaasaaddaroota Siwiidiniifi Denmaarki waamuun akka gochaa kana morman gaafatte.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Iraanitti taatee kanaan gaafa Sanbataa mormii geggeefameen gabaa guddaa Suuq Al Balaadii jedhamu keessaa oomishaalee Siwiidiin baasaniiru jechuun miidiyaan biyya keessaa Kaatar gabaasera.

Ministeerri Hajaa Alaa Deenmaark, ''Deenmaark Quraanni namoota dhuunfaa muraasaan gubachuu ni balaallefatti,'' jechuun Tiwiitar irratti kataban.

''Gochaan dheekkamsaaf kakaasuufi qaanessaa tahe ilaalcha mootummaa Deenmaarki bakka hin bu'u,'' jedhan.

''Namuu dubbi akka qabbaneessu iyyachuun, gochaan akkasii yoomiyyuu deebii tahuu hin danda'u jedhan.

Gaafa Sanbataa Baagidaaditti hiriirtota lakkoofsaan guddaa embasii Deenmaark deemuu barbaadan gaazii imimmaanessituu biifuun dhorkaniiru.

Riqichi gara manneen jireenyaa hojjettoota embaasiiwwanii geessus cufaniiru.

Jimaata darbe Siwiidiin hojjettoota embasii Siwiidiin Baagdaad keessa gamoon hiriirtotaan weeraramuun booda baasteetti.

Kana malees biyyattiin ambaasaaddara Siwiidiin ariiteetti.

Ari'amuun ambaasaaddarichaas baqataan Kiristaanaa Iraaq Quraan akka gubuuf poolisiin Siwiidin yeroo lammataaf eeyyamuu booda dhufe.

Mormiin Istookolm keessatti adeemsifamus poolisiin dhorkamullee manni murtee mirga walitti qabamuu eeruun dhorkaa poolisii kaase.

Qondaaloti Siwiidiin kitaabni qulqullaa'aa gubachuun yaada farra-Islaamaati jedhan.