Gatiin warqii waqeeti tokko gabaa addunyaarratti doolaara 4000 gahe

Warqii

Madda suuraa, Bloomberg via Getty Images

Gatiin warqii gabaa addunyaa irratti rikardii haaraa irra gahe. Gatiin waqeeta tokkoo ykn giraama 30 doolaara 4000 caale.

Raafama siyaasa addunyaa fi kufaatii dinagdee waan sodaataniif invastaroonni hedduu qabeenya isaanii bifa warqiin kaa'uuf jecha bitaa jiru.

Erga bara 1970 as gatiin warqii akkas qaalii tahee hin beeku. Erga ji'a Eeblaa keessa pirezidaantiin Ameerikaa, Doonaald Tiraamp biyyoota adda addaa irratti taarifa haaraa dabarsee gatiin warqee dachaa sadiin dabaleera.

Yaaddoon invastarootaa biraan ammoo waajjiraaleen mootummaa Ameerikaa cufamuun torban lamaffaa qabachuun isaa ragaalee dinagdee qabatamaa dhabuu isaaniiti jedhu xiinxaltoonni.

Warqiin invastimantii wabii qabu jedhamee amanama. Gatii isaa ni deebisa ykn bu'aa guddaa qaba. Kun yeroo raafamni dinagdee fi gabaa uumamu keessa bu'aa olaanaa qaba.

Roobii har'aa gatiin warqii waqeet atokkoo doolaara 4,036tti ol guddateera.

Yeroo Tiraamp marsaa jalqabaatti aangoo qabatee waajjiraaleen mootummaa sababa baajataan cufaman gatiin warqii 4% dabalee ture.

Garuu akka waajjiraaleen mootummaa banamaniin gatiin warqii hatattamaan kufa jedha xiinxalaan tokko.

Sababa biraati kan jedhame ammoo humni sharafa doolaaraa dadhabaa deemuu fi daldaltoota qinxaaboo tahuu ibse.

Bittaan warqii kun sibiiluma isaa qofa osoo hin taane karaa gabaa oonlaayinii bituun gatiin maallaqa isaanii guyyaa sana baasan bifa warqiin isaaniif qabamee taa'a.

Waggaa kana akka Koowonsilii Waldaa Daldaltoota Warqii Addunyaatti, doolaarri biliyoona 64 tahu gabaa warqii irratti invasti taheera.

Gatiin warqii Itoophiyaa keessattis dhiyeenya haalaan dabaleera.

Pirezidaantiin Itoophiyaaa Taayyee Atsqesillaasee oomishni warqii isa bara 2016 keessa toonii sadii ture irraa bara 2017 keessa gara toonii 38.87tti guddateera jedhan.