UKn sirna simannaa koolugaltummaarratti jijjiirama gochuuf

Kooluugaltoota UK

Madda suuraa, PA Media

Mootummaan UK sirna namootni koolugaltummaa gaafatanii oliyyannoo itti galfatan irrattii fooyya'insa gochuufi. Kaayyoonsaa ammoo oliyyannoosaaniirratti hanga murtiin kennamutti turtiisaanii hoteelaa gabaabsuudha.

hojii kana saffisiisuuf qaamni walaabaa haaraan hundaa'uuf deema. Abbootiin murtii walaba jedhamanis ni muudamu. Abbootiin murtii kun dhimma godaantotaa dhagahanii saffisaan murtee akka kennan godhama.

Hogganaan dhimma biyyaa Hebeet Kuupaar adeemsa kanarratti barfannaa hin fudhatama hin qabne hambisuuf tarkaanfii qabatamaa akka fudhatan himan.

Mootummaa UK sirna koolugaltoota Hoteela tursee itti murtee kennu irratti qeeqa hedduu simachaa ture.

Sirna koolugaltoota hoteela tursuun murtee itti kennuu kun Paarlaamaa biyyattiin akka dhaabbatu akka murtaahu karoorseera. Ammatti kooluugaltootni 32,000 hoteela keessa jiru.

Kuupaar adeemsa iyyata koolugaltummaa ilaaluurratti jalqabbii si'ataa booda oliyyannoo ilaaluurratti ''barfannaan fudhatama hin qabne'' jiraa jedhu.

Haala amma jiruun oliyyannoowwan dhiyaataniif murtee dhumaa kennuun waggaa tokkoo ol fudhata. Ammatti oliyyannoowwan 51,000 ta'a murtee eeggataa jiru.

Yeroo hanga kanaa keessatti ammoo koolugaltootni gaaffinsaanii jalqabaa kufaa jalaa ta'e basii uummata UKn hoteela keessa turu.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Adeemsa kana sirreessuuf dhaddachu walabaa tokko hundaa'uun yeroo gabaabaa keessatti murtee dhumaa dabarsa jedhu Ministirittiin.

Mootummaan biyyattii ji'iota dhufan keessatti hojimaata dabalataa haala itti hojiin kun saffisuu ifa akka godhu ibseera.

Torban darbe keessa bakka koolugaltootni tursiifaman irratti gaaffii jabaan ka'eera.

Sambata darbe kutaalee UK adda addaa keessatti hiriirri hoteela keessa tursiifamuusaanii balaaleffatu gaggeeffameera.

Eppii bakki jedhamu ammoo kooluuglaan tokko mucaa umrii 14 irratti haleellaa saalaa raawwachuun himatamuu hordofee hiriirri mormii hoteela inni keessa qubate Beel Hotel duratti gaggeeffameera.

Taatee kana hordofees Manni murtii olaanaa kooluugaltootni hoteelicha keessa akka hin turre murteesseera. Hoteelichi sirna to'annoo hordofuu dhabuusaatiin nageenya hawaasaarra balaan myudateera jedha murtiin darbe.

Kuupar koolugaltoota hoteela keessa tursuu guutummaatti dhaabuuf akka deemu himanii, karooraan akka godhamu beeksisan. Kanaaf murtee Beel Hotel irratti darbe akka oliyyatanis beekameera.