Itoophiyaan himannaa Sudaan dirooniin Itoophiyaarraa ka'e Kaartuum haleele jechuun dhiheessite kuffiiste

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 3

Waraanni Sudaan Yunaayitid Arab Emireetis fi Itoophiyaan dirooniin buufata xiyyaaraa Kaartuum haleeluu erga himatee booda, Itoophiyaan himata kana kan bu'uura hin qabnedha jechuun kuffiste.

Himannaan Sudaan amma dhiheessite kun biyyoonni alaa waraana biyyattii keessatti gaggeeffamaa jiru keessa seenuun hammeessuu kan akeekudha.

Dubbi himaan humna waraanaa Sudaan Birigaader Jeneraal Asiim Awaad Abdelwahaab Itoophiyaa fi Yunaatitid Arab Emireetis haleellaa kana keessaa kallattiin harka qabaachuu mootummaan Sudaan ''ragaa quubsaa'' akka qabu ibsan.

Sababa haleellaa kanaan buufati xiyyaaraa magaalaa Kaartuum sa'atii 72f tajaajila dhaabuus ibsan.

Himannaa Sudaan kanarratti gama Yunaatid Arab Emireetisiin hanga ammaa wanti jedhame jiraachuu baatus, Itoophiyaan garuu ibsa baasteen himannicha kuffisteetti.

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa Kibxata har'aa (Caamsaa 05, 2026) miidiyaa hawaasummaasaarratti ibsa baase keessatti, himannaan Humni Waraanaa, Ministeerri dhimma alaa fi dubbi himaan humna waraanaa Sudaan waliin ta'uun wayita ibsa kennan Itoophiyaarratti dhiheessan ''bu'uura kan hin qabnedha,'' jedhe.

''Uummanni Itoophiyaa fi Sudaan hariiroo seena qabeessaa fi michummaa cimaa qabu,'' kan jedhe ibsi Itoophiyaa kun, duudhaa kana eeguuf jecha ''gocha badii sababa waraana Sudaaniin daangaa Itoophiyaa keessatti raawwatamu'' iccitiin qabatee turuu eere.

''Mootummaan Itoophiyaa hariiroo uummattoota biyyoota lameenii eeguuf jecha, yeroo waraanni waliinii Sudaan gaggeeffamutti garee daangaa Itoophiyaa cabsanii seenuun gocha badii fi hammeenya raawwatan saaxiluurraa of qusateera,'' jedha ibsi kun.

Yakki daangaa Itoophiyaa keessatti gaggeeffamu kunis karaa ''ergamtoota TPLF'' akka raawwatamu eere ibsi ministeera dhimma alaa Itoophiyaa kun.

Ibsi kun Humni Waraanaa Sudaan ''ergamtoota'' kunneen meeshaalee waraanaa fi maallaqaan tumsuun kutaa Itoophiyaa gara lixaa keessa akka socho'an haala mijeesseeraaf jechuun himate.

Ergamtoonni TPLF akka Sudaan keessa socho'an uummata duratti kan beekamuudha kan jedhe ibsi kun, ''Sudaan garee fallaa Itoophiyaa ta'aniif dawoo taatee akka jirtu ragaa hedduu fi qabatamaa ta'etu jira,'' jedhe.

''Gochi sochii hidhattootaan walqabatu kun, akkasumas himannaan qondaalonni humna waraanaa Sudaan amma dhiheessanii fi duraanis dhiheessaa turan ajaja humnoota alaa ajandaasaanii babal'ifachuu barbaadaniin kan taasifamedha.''

Mootummaan Itoophiyaa yeroo rakkoo kanatti uummata Sudaan waliin akka dhaabbatuu fi hariiro seena qabeessa biyyoota lameen gidduu ture cimsee itti fufsiisuuf kutannoo qabaachuu eere ibsi kun.

Qaamoleen Sudaan keessatti wal waraanaa jiran dhukaasa dhaabuun dhibdee gidduusaanii karaa marii nagaan furachuun uummata biyyattii dararaa hamaa keessa jiruuf furmaata fidurratti akka hojjetan dhaameera ibsi mootummaa Itoophiyaa kun.

Waraanni Sudaan himannaa akkanaa mootummaa Itoophiyaarratti wayita dhiheessitu kun kan jalqabaa miti.

Kanaan duras humna addaa Sudaan (RSF) tumsu jechuun Yunaayitid Arab Emireetis fi Itoophiyaa himatee beeka.

Mootummaan Itoophiyaa kanaan duras himannaan humna waraanaa Sudaaniin irratti dhihaataa ture ''sobaa fi bu'uura kan hin qabne,'' jechuun, waraana waliinii Sudaan keessatti hirmaannaa gosa kamuu akka hin qabne ibsee ture.

Yunaayitid Arab Emireetis gamasheen isa waraanni Sudaan humna addaa- RSF'f meeshaalee waraanaa, maallaqaa fi deeggarsa biraa dhiheessiteetti jechuun himate haaluun, waraana Sudaan keessatti gonkumaa akka hin hirmaanne ibsitee turte.

Dubbi himaan waraana Sudaan ''gochi Itoophiyaa fi Yunaayitid Arab Emireetis weerara Sudaan irratti raawwatamedha,'' jedhe.

Gochi akkasii ''callisaan waan bira darbamu miti'' jechuunsi ergaa akeekkachiisa qabu dabarse.

Haleellaa buufata xiyyaaraa Kaartuum irratti raawwatame jedhame hordofee Sudaan dhimma kanarratti dubbachuuf ambaasaaddara ishee Itoophiyaa irraa waamteetti.

Guraandhala darbe Rooyitarsi mooraan waraanaa loltoota RSF kumaatamaan lakkaa'aman leenjisu Itoophiyaa keessatti ijaaramuu gabaasee ture.

Akkasumas ji'a darbe keessa Yuniversitiin Yeel (Yale Universitii) gabaasa baaseen RSF haleelaa diroonii raawwachuuf buufata xiyyaaraa Asoosaa jiru fayyadamuu eeree ture.

Itoophiyaan himannaawwan kunneen hunda haalteetti.