Leencota Atilaas, Morookoo Waancaa Afrikaa irratti maaltu mudate?

Madda suuraa, Getty Images
Morookoon biyya sadarkaa FIFAn baasuun sadarkaa 53 ishee gadi jirtu Afrikaa Kibbaadhaan 2-0 mo'amuun Waancaa Afrikaa 2023 ala taate.
Garen Afrikaan Kibbaa, Bafaanaa Bafanaa, daqiiqaa 57 irratti galchii Ividansi Maagopaa lakkoofsiseen dursa qabatte.
Taphataan PSG Ashraaf Hakiimiin rukuttaa peenaaliitii Morookoon argate silaa wal qixa isaan taasisu lakkoofsisuu dhabuun Morookoon akka kuftu taasise.
Isa qofa osoo hin taane daqiiqota xumuraa irratti taphataan Maanchister Yuunaayitid Soofiyaan Amiraabaat kaardii diimaan dirreetii baafame.
Balleessaa inni taphataa Afrikaa Kibbaa irratti hojjeteen rukuttaa fageenyarraa argatan gareen Bafaanaa Bafaanaa galchii lakkoofsisan.
Kun inumaa taphicha ni ajjeese, abdii Morookoo galchii tokko lakkoofsisuun sa'a dabalataatti falmatti jedhu dukkkaneesse.
Afrikaan Kibbaa walakkaa xumuraatti darbuuf Keep Verdee waliin taphatti.
Bara 1996 Shaampiyoonaa kan turte Afrikaa Kibbaa gara walakkaa xumuraatti darbuuf garee dorgommii kana irratti takkaayyuu hin mo'mane 'Blue Sharks' waliin falmii jabaa taasisu.
Bara 2019 sadarkaa akkanaarra gahuun ture kan kufan. Morookoon Afrikaa irraa sadarkaa Fifa baasuun jalqabarra jirti. Waancaa Afrikaa yeroo jalqabaaf bara 1976 kan mo'atte Morookoon ergasii waancaa kana argattee hin beektu.
Waancaa Adunyaa Kaataar irratti walakkaa xumuraaf darbuun seenaa kan hojjette biyyi kun amma carraa ishee irra deebiin yaaluuf dorgommii bara 2025 eeggachuu qabdi.
Waancaa Afrikaa 2025 ammoo ishuma Morookootu qopheessa.
Taphattootni sarara duraa Morookoo jajjabon miidhamuun Afrikaa Kibbaaf carraa guddaa ture.
Zaambiyaa irratti galchii injifannoo kan lakkoofsise Hakiim Ziyeech akkasumas Soofiyaan Buufal miidhamuun hin taphanne.
Knaarraa kan ka'e Morookoon carraa galcii edduu argatte osoo itti hin fayyadamiin hafte.
Kana jechuun amma biyyootni Afrikaa kaabaa dorgommii AFCON 2023 keessatti hafan hin jiran jechuudha.
Yeroo torba injifachuun rikardii kan qabdu Masirii fi shaampiyoonaan 2021 Senegaal kufaniiru.
Aljeeriyaa fi Tuuniiziyaanis warra nuusa xumuraaf hin darbiin hafe keessaati.
Kaameeruunii fi Gaanaan warra hin darbiin hafan keessaa yoo tahan, biyyi waancicha qopheesitee fi rarraatee darbite Aayivoorii Kosti carraa hanga xumuraatti deemuu qabdi.
Afrikaa Kivvaa Keep Verdee
Naayijeeriyaa v Angoolaa
Maalii v Aayivoorii Kost












