Al-Shabaab hoteela ollaa masaraa pirezidantii Somaaliyaa jiru tokko haleele

Madda suuraa, AFP via Getty Images
Milishoonni garee al-Shabaab hoteela masaraa pirezidaatii Somaaliyaatti dhiyoo jiru tokko haleelan.
Akka maddeen nageenyaafi namoonni ijaan argan jedhanitti, Syl Hotel kan al-Shabaab haleele kun kanaan dura bakka aanga'oonni mootummaa yeroo hedduu keessatti dabarsan yoo ta'u, magaalaa guddoo Somaaliyaa, Moqaadishoo keessatti ollaa masaraa pirezidantii biyyattiitti argama.
Namoonni hoteelicha keessaa dhohinsiifi dhukaasni qawwee akka dhaga'amu dubbatan, hidhattoonni ammallee hoteelicha keessa akka jiran madda oduu kan ta'e, Rooyitarsitti himaniiru.
Miidiyaaleen garee hidhataa kanatti dhiyeenya qaban miseensonni paarlaamaa Somaaliyaa afur madaa'aniiru jedhu. Mootummaan garuu dhimma kanarratti hanga ammaa yaada hin kennine.
Al-Shabaab ganama kana akka jedhetti, loltoonni hoteelicha to'atanii "hojjetootaafi qondaalota... mootummaatti" dhukaasaa turaniiru.
Jiraataa ollaa waajira pirezidantii kan ta'e Faaraah Alii akkas jechuun Rooyitarsitti hime: "Jalqaba dhohinsa guddaa tokko dhageenye; itti aansee ammoo sagalee dhukaasa qawweeetu dhaga'ame. Sagalee walitti dhukaasuu waan dhageenyeef loltoonni akka keessa [hoteelicha] keessa jiran hubanne."
"Hidhattoonni baayyeen erga dallaa diidarraa jiru dhukaasa gurguddaatiin diiganii booda humnaan gara gamoo kanaatti seenan," jechuun AFPtti himan qonaalli nageenyaa tokko.

Namni Hasan jedhamu dallaa hoteelichaa koruun miliqe waan taajjabe akkasiin ibsa: "Kan du'e jiraachuu hin beeku, garuu yeroo haleellaan kun jalqabetti namoonni baayyeen achi [hoteelicha] keessa turan."
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Namni ijaan arga biraan ammoo haleellaan kun akkuma jalqabeen daqiiqaa muraasa keessatti poolisiin qaqqabuufi milishoota [al-Shabaab] waliin walitti dhukaasuun itti fufuu dubbata.
Marsariitiin Calamada jedhamu al-Shabaab waliin hidhata qabu, haleellaa kanaan yoo xiqqaate seera baastonni afuriifi dubbi himaan mootummaa tokko miidhamaniiru.
Erga mootummaan garee kanarratti duula waraana bal'aa gaggeessuu jalqabeefi nageenya eegisuu cimsee kaasee torbanoota muraasaan as haleellaa gareen kun traawwatan hir'ateera.
Al-Shabaab kibbaafi giddu-galeessa Somaaliyaa lafa guddaa to'atee jira.
Gareen kun al-Qaa'edaa waliin hidhata kan qabu yoo ta'u, mootummaa Somaaliyaa kan deeggarsa UN qabu irratti waggoota 20 siquuf waraana hamaa irratti gaggeessaa jira.
Pirezidantiin Somalaiyaa Sheek Hasan Mohaammud Kamisa akkamitti lafa jalaa fudhatame deebifachuu akkaataa danda'anirratti karoorfachuuf, qondaalota waraanaa waliin wal arguu burqaan oduu biyyaalessaa Somaaliyaa Sonna gabaaseera.
Gareen kun UK fi US dabalatee biyyooota gara garaan tarree shororkeessitootaa jalatti ramadameera. US ammoo garee kana dhabamsiisuuf humna waraanaan itti bobbaateeyyu turte.
Hidhattoonni al-Shabaab yeroo hedduu hoteelotarratti xiyyeeffachuun haleellaa gaggeessu. Hoteeluma amma haleellaan, Syl Hotel irratti bara 2019 haleellaa raawwatanii ture.
Bara 2022 ammoo gareen kun hoteela Villa Rays jedhamu kan magaalaa guddoo biyyattii keessatti argamutti cabsanii seenuun yoo xiqqaate namoota 14 galaafatanii ture.
Hoteela Villa Rays kanatti cabsanii seenuun waggaa sadii duras gaazexeessaa beekamaa tokkoofi lammileen biyya alaa baayyee dabalatee namoota 26 haleellaa hoteela Asasey irratti gaggeessaniin ajjeesanii ture.
Hoteelli Asasey ulaa galaanaa Kismaayoo kan Kibba Somaaliyaatti argamtu keessatti argama.












