Konkolaataan funyoo balaafamaan Paakistaa kan akkamiiti?

Namoota konolaataa funyoorra jiran

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Paakistaanitti ijoollee dabalatee namoonni saddeet gaarree jidduutti konkolaataa funyoo irratti rarra'anii danqamanii ture.

Konkolaataan funyoo kun Kibxata darbe ture kaaba-lixa Paakistaan bulchiinsa Kaayibar Paaktuunkaahiwaa holqa lagni keessa darbu irratti samiirratti kan rarra'ee hafe.

Viidiyoon barcumni lafaa olitti meetira 274 irratti samii keessatti rarrra'e kufuuf jedhu namoota saddee qabatee ture. Kunis hedduutti yaaddoo guddaa tahee ture.

Konkolaataan funyoo akkasii bulchinsa baha Maanseehraa fi Kaashmiir Paakistaaniin bultu irraa hanga bulchiinsa gara kaabaa jirtu Gilgiit Baaltistaanitti adeema.

Naannoo kanatti bu'uuraaleen misoomaa babal'achuu hafuu fi tajaajiloota hawaasaa kanneen akka manneen barnootaa fayyadamuuf konkolaataan funyoo sibilaa irratti rarra'ee adeema. Rakkootu fala kana dhale.

Konkolaataawwan funyoo kunneen hawaasa naannootu ofii saaniitiif yeroo baayyee seeraan ala tolcha.

Namoonni kan itti fayyadamuu filatanis tokko qaalii waan hin taaneefi bu'uuraalee misoomaa akka garaa waan hin taaneef.

Konkolaataawwan funyoorra deeman kunneen qaama konkolaataa piikaa-aappii olaaanuurraa hojjetamu.

Fakkeenyaaf Suuzukiin gara saanduuqa godoo fakkaatutti geeddaramee namaafi bineeldota geejibuuf faayidaarra oola.

Funyoon konkolaaataan kun irra adeemuufi rarraatoon isaas haftee sibila irraa tolfamu.

Geejiba kana fayyadamuun balaafamaa tahullee namoonni yeroo baayyee laga ce'uufi fageenya gaarreen gidduu jiru gabaabfatanii imaluuf fayyadamu.

Allaayitti-naannoo gaarri itti baay'atu kanatti ture Kibxata darbe namoonni kan danqaman. Bu'uuraaleen misoomaa naannoo kana hin jiran.

Sababa kanaan jiraataan naannoo sanaa tokko konkolaataa funyoo kana akka tolchu bulchiinsa magaalaa irraa eeyyama argate jechuun poolisiin BBC'f mirkaneesseera.

Konkolaataa funyoo jiraattooni naannoo ''Doolii'' jechuun waamaniifi gandoota Jaangirii fi Baataangii wal quunnamsiis kunis iddoo manni barnootaa argamu.

Achi gahuuf lafoo deemnaan isa sa'atii lama fudhatu konkolaataa funyoo kanaan daqiiqaa afur qofa gaafata.

Konkolaataa funyoo baraaramaa jiru

Madda suuraa, ALTAF HUSSAIN

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Poolisiin konkolaataa funyoo kana ji'a ji'aan akka sakatta'an himullee BBC'n garuu kana mirkaneeffachuu hin dandeenye.

Dabalataan konkolaataan funyoo Allaayi kana gatiinsaa gadi bu'aa waan taheef namooti itti fayyadamuuf filatu.

Mala geejibaa biraa irraa gatiinsaa gadi bu'aa dha. Gatiin geejibaa fageenya irratti hundaa'uun gargar tahus, qarshii Paakistaan 20 ykn doolaara 0.067dha.

Jiraataan naannoo Mohaabbaat Shaah jedhamu jiraattoonni balaa konkolaataa funyoo kanaan deemuun dhufu amananiitu adeemuu jedhe.

Kana dura rakkoon uumamee waan hin beekaneef jiraattota filannoo geejibaa gaarii ture jedhe.

''Dhaqaaf nama tokkoon Ruuppii 10 qofa kaffalla. Yoo konkolaataadhaan adeemna jenne garuu hanga ruuppii 2000 nu gaafata,'' jechuun BBCtti hime.

Konkolaatan funyoo kuni kanaan dura rakkoon mudachuunii baatus kunneen balaan irra gahe biroon garuu jiru.

Bara 2017 konkolaataan funyoo seeraan ala tolfame bulchiins Puunjaab keessatti lagarratti kufee imlatoonni 11 lubbuun isaanii darbeera.

Mudde darbes miidiyaa naannoo daa'imman 12 funyoon cite jennaan baraaramaniiru.

Ijoolleen kunneen gara mana barumsaa deemaa turan laga jala jirurraa meetira 61 ol fagaataniitu rarra'anii turan, hamma baraaramanitti.

Mudaannoo Kibxataa hordofee Ministirri Mummee Paakistaan Anwwar al Haaq Kakar, ''konkolaataawwan funyoo kunneen hundi akka sakatta'amaniifi fayyadamuuf rakkoo akka hin qabne akka mirkanaa'an,'' gaafatanii turan.

Haa tahu malee bu'uuraalee misoomaa irratti otoo hin hojjetiin konkolaataawwan funyoo kunneen namoota naannoo gaaraa kanaaf mala geejibaa balaa qaban tahuun itti fufu.