Naayijeeriyaan biyya lammataa ramaddii Afcon irraa darbuu mirkaneeffatte taate, Waancaaf deemtii?

Madda suuraa, Getty Images
Morkii Waancaa Afrikaa Morokootti gaggeeffamaa jiruuf tapha ramaddii keessummeessuutti jiruun Naayijeeriyaan Masriitti aantee biyya lammataa marsaa mo'anii darbuutti ceete ta'uu mirkaneeffatte.
Tapha jabaa eda galgala Tuniziyaa waliin gooteen hanga daqiiqaan 17 hafutti 3-0n dursaa turte. Boodaa ka'uun Tuniiziyaan goolii lama galchitee warra Supper Eegiliin mudditee ture.
Gooliiwwan sadan Naayijeeriyaa kan galchan Viiktor Osimeen, Wiilfireed Nidiidii fi Ademooloo Lookmaani.
Tuniiziyaan daqiiqaa 87ffaarratti rukuttaa peenaalitii argachuu boodas qixxee bahuuf yaaliiwwan jajjabaa gooteetti.
Naayijeeriyaan injifannoo kana argachuu isheetiin ramaddiisheerraa qabxii jaha sassaabbachuun osoo taphni tokko hafuu marsaa itti aanutti darbuu mirkaneeffatteetti. Marsaa mo'anii darbuun ammoo ramaddii A, B ykn F keessaa garee sadaffaa ta'ee qabxii gaarii argatee darbe waliin morkatti.
Tapha ramaddii isa xumuraan Naayijeeriyaan Ugaandaa, Tuniiziyaan ammoo Taanzaaniyaa morkatu.
Biyyootni Baha Afrikaa lamaan ugaandaa fi Tanzaaniyaan kaleessa morkatanii 1-1 bahan.
Naayijeeriyaan waancaa Afrikaa kana amma dura yeroo sadii injifateetti. Yeroo shan ammoo xumuraaf geessee mo'amte.
Yeroo dhumaatiif kan isheen waancaa injifatte bara 2013 isa Afrikaan Kibbaa qopheessitee turedha.
Naayijeeriyan biyyoota hedduu caalaa yeroo baayyee hiree morkii walakkaa xumuraaf gahuu argatteetti. Yeroo saddeet sadarkaa sadaffaa argachuun xumurteetti.












