Boba'aan Tigraayiitti ergamu guyyoota darban 11'f haala ''adda ta'een'' adda cituun ibsame

Buufata boba'aa Maqaleetti argamu

Madda suuraa, Radio FM Mekelle

Naannoo Tigraayiitti Biiroon Daldalaa fi Alergii guyyoota 11 darbaniif haala naannoolee kaaniirra ''adda ta'een'' gara Tigraayiitti boba'aan kamiyyuu akka hin fe'amne ibse.

Odeeffannoon dhaabbanni dhiyyeessaa boba'aa Itoophiyaa naannoolee hundaaf raabsun dhiyeessiin boba'aa guutummaan kan dhaabbate ''naannoo Tigraayitti qofa'' akka ta'e kan agarsiisuu ta'uu biirichatti Daareektarri dhimma shamattootaa Obbo Kaasaahun Kindiyaa BBCtti himan.

Biiroon Daldalaafi Alergii Naannoo Tigraay Wiixata Bitooteessa 24, 2025 dhiyeessii boba'aa ilaalchisuun xalayaa dhaabbilee federaalaa dhimmisaa ilaallatuuf barreesseen dhorkaan boba'aa gara naannichaatti ergamu irra kaa'ame ''ammas itti fufuu'' kaaseera.

Biirichi xalayaa Ministira Daladala fi walitti hidhamiinsa naannawaa, Abbaan Taayitaa Anniisaa fi Inarjii akkasumas dhaabbata dhiyeessaa bobba'aatiif barreesseen, yeroo dhumaatiif boba'aa kan gara naannichaa seene Bitooteessa 15, 2025 akka ta'e ibseera.

Baatii Amajjii irraa kaasee hang boba'aa gara naannichaa galaa ture ''haalan hir'achuu'' xalayichaan kan kaase biiriichi, Bitooteessa 13 fi 14, 2025 ammoo konkolaatoonni boba'aa fe'an lama boba'aa buusuu isaanii'' ibseera.

''Bitooteessa 15 irraa kaasee ammoo konkolaataan boba'aa fe'e omtuu gara naannichaa seenuu dhaabuun rakinichi akka itti fufuufi wal xaxuu'' taasisaa jiraachu kaasan.

Boba'aa naannoo Tigraayif dhiyaatu ilaalchisee, ''irra deddeebiidhaan gaafiin dhiyaachuusaafi mariiwwanis gaggeeffamu'' eeraniiru

Xalayaan kun dabaluudhaan ''afaaniin boba'aan akka gara Tigraay seenuuf nutti himamee abdii godhannee turru illeen hanga ammaatti rakkinichi osoo hin furamiin itti fufeera'' jechuun rakkinichi akka hin furamiin kaasa.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biirichatti Daarektarri dhimma Shamatootaa, Obbo Kaasaahun ''Bitootessa 15 irraa kaasee boba'aan kamuu gara Tigraayiitti hin fe'amne'' jechuun BBCtti himan.

Dura taa'aan Waldaa buufataalee boba'aa Magaala Maqalee, Obbo Kiiroos Abaay haaluma walfakkaatuun, buufataalee boba'aa 13 magaalattii keessatti argaman yeroo dhumaatiif boba'aa kan argatan torban lamaan dura ta'u BBCtti himan.

Obbo Kiiroos buufanni boba'aa abbuummaan bulchan yeroo dhumaatiif boba'aa kan argate Bitooteessa 3, 2025 akka ta'e ibsan.

Haala hojimaataa kanaan dura tureen garuu buufataaleen boba'aa hanga boba'aa barbaadanii ibsuudhaan dhaabbilee boba'aa dhiyeessaniif mallaqa kanfaluun boba'aan akka dhiyaatuuf himan

''Akka nu fe'amu jennee gaafannee maallaqa ergineerra. Maallaqni ergines achuma akka tureetti jira.'' Buufataaleen boba'aa magaalattii erga maallaqa erganii booda boba'aa akka hin arganne ibsan.

Konkolaattoonni 22 gara Tigraayiitti boba'aa fe'uudhaaf adeemsa hunda erga xumuranii booda Jibuutii dhaabbatanii akka jiran biiroon daldalaafi dhimma shamattootaa naannoo Tigraayitti daarektara kan ta'an Obbo Kaasaahun dubbataniiru.

Konkolaattoota baajaajii magaalaa Maqalee keessatti

Dhaabbilee dhiyeessii boba'aa,sababa konkolaattotni " fa'atanii hin baaneef yoo dhiyeessu ''dhaabbanni boba'aa dhiyeessuu turaa nuun jechaa waan jiruufi " jechuun akka ta'e ibsu obbo Kiroos

BBC'n bakka bu'oota dhaabbilee dhiyeessii boba'aa sadii maaliif konkolaattonni boba'aa gara naannoo Tigraayitti akka hin galchine hubachuuf quunnamus "dhimmi kun dhimma mootummaati" jechurraa kan hafe odeeffannoo kennuu irraa of qusatan.

Akka Daarektarri dhimma Fayyadamtootaa boba'aa, obbo Kassahun jedhanitti, Jibuutii keessatti konkolaataa boba'aa guuttatan socho'uuf gaaffii dhiyeessaniif deebii argatan "isinii hin hayyamamne , deema hin jedhamne, akka jalqabdan nutti hin himamne" kan jedhu fa'i.

Torban lamaan darbaniif rakkoo boba'aan naannoo Tigraay seenurratti dhaabbilee mootummaa federaalaa waliin mari'achuuf Finfinnee kan turan obbo Kassahun, Sababa boba'aan gara naannoo Tigraayitti galfamu dhaabe ilaalchisee ''deebii gahaa'' akka hin arganne dubbatan.

"Hanga ammaatti [dhiyeessiin boba'aa maaliif akka dhaabbate] gaafachaa jirra. Deebiin argachaa jirru quubsaa miti."jedhan. "Waan qabatamaa haala sirriimn kan ibsu miti"kan jedhan obbo Kassahun, sababni boba'aan gara naannoo Tigraayitti galuun dhaabbateef "qaamni odeeffannoo gahaa kennu hin jiru" jedhan.

Torban darbe keessa BBC'f deebii kan kennaniin, Daarektarri Olaanaa Abbaa Taayitaa Boba'aa fi Inarjii Sahrella Abdullahi; Boba'aan naannoo Tigraay akka hin seenne mirkaneessuun, garuu "Tigraay qofa keessatti boba'aan akka hin galleef tarkaanfiin addaa hin jiru" jedhan.

Daarektarichi kuusaa boba'aa Jibuutii keessatti mudateen hanqinni boba'aa biyyattii mudachaa akka ture himan iiru. Kanaaf naannoo Tigraay qofa osoo hin taane "naannoleen biroo boba'aan hin seenne" akka jiran ibsan.

"Tigraay qofa osoo hin taane, naannoo Beenishaangul [Gumuz] keessattis boba'aan tokkollee hin galle. Gaambeellaan akka naannootti liitira kuma 47 qofa galche. Naannoon Amaaraa naafxaa hanga tokko argachuun isaa hin oolu.""Garuu beenzila gara 25,000 [liitira] qofa argate," jechuun ibsan.

Naannoon Harariis haaluma wal fakkatuun "boba'aan tokkollee akka hin seenne" fi akkasumas naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa "Godinni Kambataa liitira kuma 24 qofa " akka argates eeraniiru.

Hanqina boba'aa irraa kan ka'e mootummaan dhiyeessii boba'aa magaalotaaf dursa kennuuf murteessuu isaas himan.

"Finfinnetti fedhiin boba'aa olaanaan jira, akkasumas sochiin konkolaataa baay'een jiraachuu isaarra kana ka'eefi bakka pirojektoonni mootummaa adda addaa itti argamani fi ariifachiisaa ta'aniif dursa kennuudha, malee naannoo Tigraay qofa keessatti wanta ta'aa jiru mitii," jedhan.

Hojjataa buufata boba'aa boba'aa waraabaa

Madda suuraa, Getty Images

Saahiralaan itti dabaluudhaan, dhaabbata miti mootummaa kaampii baqattootaa ''Yunivarsitii Maqalee'' irra hojjatuu fi ''dhaabbata hojii jallisii irratti boba'eef'' buufataalee irraa osoo hin taanee akka kallattiidhaan boba'aa argatan taasifamu dubbatan.

Hanqina boba'aa mudate furuudhaaf ''deeppoowwan opareeshinii Awaashiifi Suluultaatti argaman irraa dhiyaachaa akka ture kan kaasan Daareektarri olaantuun tun, rakkoon mudate amma gutummaatti akka siratu taasifameera'' jedhanii ture.

Sahiralaa, "Kanaaf guyyoota itti aanan keessatti waajjira Jibuutiitti argaman waliin mari'annee, dhiyeessii sirreessuu fi yoo xiqqaate har'a boba'aan akka isaaniif fe'amu gochuun hojii manaa keenya isa jalqabaati," jechuun deebii torban darbe kennaniin dubbatanii ture.

Haata'u malee daareektarri olaantuunn tun deebii kana kennaniin torban tokkoon boodas ammalleen boba'aan gara naannichaa akka hin seenne Obbo Kaasaahun fi Obbo Kiiroos BBCtti himaniiru.

BBCn haala walfakkaatuun naannooleen biyyattii kaanilleen dhiyeessitii boba'aa kan hin nargannee ta'u adda baasuudhaaf yaaliin taasisee hin milkoofne. Hoggansa dhaabbata dhiyeessaa bobaaatiif bilbilamulleen deebii hin arganne.

Obbo Kaasaahun garuu dhiyeessitiin bobaba'aa ''gutummaan kan adda cite kan naannoo Tigraay qofaadha'' jedhu. Kanaaf ammoo akka ragaatti kan dhiyeessan odeeffannoo tamsaasa boba'aa dhaabbata dhiyeessaa boba'aa naannooleef dhiyaatudha.

Dababii dhiyeessitiin boba'aa naannichatti adda citeen walqabatee dhaabbileen wallaansaa fi dhaabbileen miti mootummaa namoota naannichatti qe'esaanii irraa buqqa'an gargaaran hojiisaanii raawwachuuf arakkataa jiraachu kaasan.

Biiroon Daldalaafi eegumsa shamattootaa naannoo Tigraay xalayaa guyyaa Wiixata adda cituu boba'aa kana ilaalchisuun darbe barreesseen, ''deeggarsi namoomaa, hospitaaloonniifi ambulaansiiwwan, dhiyeessitiifi tamsaasniqorichaa akkasumas dhiyeessitiin nyaataafi qorichaa buufataalee buqqaatootaatiif taasifamu'' rakkoon mudataa jiraachu beeksiiseera.