Waayee ilma Osaamaa Biin Laadan kan Faransaay jiraachaa turee waan beeknu

Omar Bin Laden, ilma hogganaa al-Qaayidaa Osaamaa Bin Laaden

Madda suuraa, Getty Images

Omaar Biin Laadan jedhama. Ga'eessa waggaa 43 yoo ta'u, waggootaaf kaaba Faransaayi bakka Noormaandii jedhamu keessatti hojii aartii dibaa haalluufi fakkii kaasuutiin jireenyasaa gaggeeffata ture.

Omaar Osaamaa Biin Laadan bara 2016 irraa eegalee Faransaay kan jiraatan yoo ta'u, hayyama jireenyaa Faransaayi kan argatan karaa haadha warraasaa lammii UK Jane Felix Biraawon ture.

Haadha warraasaa waliin Faransaayi utuma jiraatuu bara 2023tti garuu hayyamni jireenyaasaa waggoota lamaaf qondaaltotaan jalaa haqame.

Sababnisaa ammoo, akka miidiyaaleen Faransaay gabaasanitti sirna yaadannoo ajjeefamuu abbasaa yaadachuun wal qabatee akka ta'etu himame.

Erga Faransaayi ari'amee booda gara Kaataar deeme jiraachaa ture.

Ilmi hogganaa Al-Qaayidaa Osaamaa Biin Laadan kun lammaffa akka gara Faransaayitti hin deebine jechuun biyyattiin balbala itti cufachuudha ministeerri dhimma biyya keessaa Faransaayi beeksise.

Ministirri Biyya Keessaa kan ta'an Birunoo Reta'illehu, ajajni Omaar Biin Laadan gara Faransaayitti akka hin deebiine dhorku mallatteeffamuu ibsanii, dhorkaan haaraan amma taasifame kun immoo, bara darbe miidiyaa hawaasaa irratti barreeffamoota ''shororkeessummaaf ulfina kennan'' barreesse jechuun himataniiru.

Kanaan booda ''sababaa kamiinuu'' gara Faransaayitti akka hin deebine dhaabbataadhaan dhorkameera jedhen Ministirichi.

Omaar Biin Laadan fi haadha warraa isaa bakka agarsiisa hojii aartii isaa Faransaayi keessatti

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Omaar Biin Laadan fi haadha warraa isaa bakka agarsiisa hojii aartii isaa Faransaayi keessatti

Sa'udii Arabiyaatti kan dhalatan Omaar Biin Laadan ilma hogganaa al-Qaayidaa Osaamaa Biin Laadan isa afraffaadha.

Bara 2000tti kaampii jihaadistootaa Afgaanistaan ​​keessatti leenjii loltummaa erga leenji'ee booda, ajjeechaa namoota nagaa wajjin walitti dhufeenya qabaachuu akka hin barbaanne abbaa isaatti hime gama abbaa isaa dhiise.

Waggootaf itti aananiif miira walxaxaa keessa ture. Yaadannoosaa kan bara 2009 maxxanfame irratti, abbaansaa dhaabbilee basaasaa idil-addunyaa jalaa miliquuf, haalota ulfaataa fi balaafamaa adda addaa keessatti guddachuu isaa yaadata.

Hojiiwwan aartii Omar Bin Laden

Madda suuraa, AFP

Inni gocha abbaan isaa addunyaa guutuutti raawwataa ture kana waliin dhaabachuu didullee, nama garaa laafessa seera amantii fi naamusaa cimaa hordofe utuu ta'ee gocha Osaamaaf dhiifama gaafata jechuun namoota tokko tokkoon himatni irratti ka'aa tureera.

Bara 2011 Osaamaa Biin Laadan Paakistaan ​​keessatti erga du'ee booda, Omaar Biin Laadan humnoonni addaa Ameerikaa abbaan isaa sirnaan akka awwaalamuu hayyamuu diduun seera idil-addunyaa ''cabseera'' jedhee qeeqaa ture.

Hogganaan Al-Qaayidaa Osaamaa Biin Laadan erga Afgaanistaanitti ajjeefamee, reeffi isaa qorannoof gara Ameerikaa geeffamee booda galaana keessatti awwalame.

Ilmi Osaamaa Biin Laadan kan biraa Hamzaa Biin Laadan haleellaa xiyyaaraan bara2019 keessa ajjeefamuu Ameerikaa Ameerikaan bee

Hojiiwwan aartii Omar Bin Laden

Madda suuraa, AFP

Sababa ga'aa malee Ilmi isaa Faransaay akka hin seenne Kibxata darbee dhorkamuu isaa hedduun balaaleffataniiru.

Fakkiiwwan Omaar Biin Laadan akka gurguramuuf kan gargaaran Paaskaal Maartiin, namni jedhamu, Omaar amma jireenya isaati ala dhaabbata shororkeessaa kam waliinu akka hidhata hin qabne ragaa ba'aaf.

"Nuti hiriyyoota, wanti dubbatamaa jiru tokkollee Omaar ani beeku akka hin fakkaanne isinitti himuu nan danda'a," jechuun dhaabbata oduu Rooyitarsiitti himan.

Ministirri Biyya Keessaa Faransaayi kan ta'an Birunoo Reta'illehu, miseensota mootummaa haaraa kan muummicha ministeeraa konsarvaatiivii Misheel Barniyeer in hogganamu keessaa tokko ta’uun maqaa gaarii qaba.

Ji’a Adoolessaa keessa erga muudamanii booda, “Siyaasa Islaamummaa loluuf” jecha godaansa hir'isuuf dhaadataniiru.

Hojiiwwan aartii Omar Bin Laden

Madda suuraa, AFP