Daa'imman dhukkuba busaan qabaman sammuun isaanii maaliif herrega barachuu rakkate?

Yeroo dubbisuu: daqiiqaa 4

Jooseef Nateemboon ijoollummaasaatti dhukkuba busaan qabamee turus garuu irraa hafeera. Haatisaa fayyuusaa malee booda waan hamaan dhufa jettee hin yaadne.

Tahus ilmishee waggaa 18 Yugaandaatti waliin jiraatan waa barachuu irratti rakkataa jira. Hakiimonni rakkoosaa kana infekshinii yeroo ijoollummaa isa qabe tahuu mala jedhu.

Keesumaa herregaafi barnoota lakkoofsa waliin hidhata qabu barachuun ''burjaajessaa dha,'' jedhee yaada.

Kanaanis waggaa tokkoof barumsarraa boodatti hafee jira. Haatisaa waa'ee egereesaa yaaddofti, akkasiin itti fufnaan booda hojii hin argatu laata jettee yaaddofti.

Jooseef daa'imman Yugaandaa 1,400 dhiibbaa yeroo dheeraa busaan guddina sammuu irratti qabu baruuf qorattoota hordofaa turan keessaati.

Qorannoon Journal of the American Medical Association (JAMA) irratti bahe akka agarsiisutti rakkoon Jooseef herreega hubachuu irratti qabu rakkoo ijoolleen dhukkuba hamaa irraa hafan ittiin rakkatan kan agarsiise dha.

Godaannisa dhokataa

Dhukkubni busaa maxxantuuwwan bookee buusaatiin daddarbaniin dhufa, hamma yoonaa dhiibbaan yeroo dheeraa busaan qabu hin qoratamne ture.

Qorannoon kun kan agarsiise ijoollummaatti dhukkuba busaarraa namoonni hafan sammuun isaanii waan miidhamuuf waggootaan booda dandeettii wayii barachuu isaanii miidha.

Miidhaan kuni ''godaannisa dhokataa'' taheetu tura jedhu Piroofesar Chaandii Joon barreessaafi hakiimni ijoollee Indiyaanaa Yunivarsiitii.

''Daa'imni dhukkuba kanarraa hafe jalqabrra naguma fakkaata,'' garuu qorannoon taasifame miidhaan sammuu irra gahe barnoota gaafa jalqabu mul'ata.

Qorannoon Yugaandaa Maakereeree Yunivarsiitiitti Dr Pool Baangiraanaa, hakiima sammuun adeemsifame, daa'imman gosa dhukkuba busaa lamarraa fayyan hordofaa ture.

Ijoollee waggaa tokkoo ykn lama dhukkubsatanii fayyan bara 2008 irraa qabee hordofaa turan, kanaanis miidhama waa yaaduufi barachuu irratti hubachuu danda'aniiru.

Qorannoon kuni dhiibbaan dhukkuba busaa kuni kanarryyuu akka caalu akeekeera.

Ijoolleen 939 tahan waggaa 15 erga busaan sammuu seeneefi hanqina dhiigaa qabaatanii booda qoratamanii ture.

Busaan sammuu seenu ykn clebral malaria jedhamu isa hamaa yoo tahu, yeroo seeliin dhiigaa maxxantuu busaan qabame ujummoo dhiigaa sammuu keessatti dhokachuun yaa'a dhiigaa daangessuun dhiitoo uuma.

Kunis gaggabuu hanga du'aatti nama geessuu mala. Dabalataan hir'ina dhiigaa yeroo qaamni namaa seelii dhiiga diimaa gahaa oomishuu dadhabuunis qabamuu malu.

Kunis daa'imman miiliyoona lama Sahaaraan gadi jiran miidha.

IQ gad aanaa

Daa'imman qorannoo kana keessatti hirmaatan herreega, dubbisuu, xiyyeeffannoo fi dandeettii yaad-rimee waliigalaa irratti qoraman.

Giddu-galeessaan, kanneen dhukkuba busaa hamaa irraa oolan, warra busaan hin qabne wajjin wal bira qabamuun, qormaata hubannoo (IQ) irratti qabxii 3 hanga 7 gadi ta'e argatan.

"Daa'ima tokkoof, waan inni/ishiin gochuu dandeessu irratti jijjiirama guddaa fiduu dhiisuu danda'a," jedha Dr. Audrey John, Hoggantuu Dhukkuboota Daddarboo Hospitaala Daa'immanii Filaadeelfiyaa, yoo taatu qorannoo kana keessatti hin hirmaannee, Dr. Chandy John wajjinis wal hin argine.

"Garuu haala kana gara daa'imman kuma hedduu fi kuma hedduutti jijjiirre, miidhaan dandeettii hubannoo sammuu (cognitive) irratti qabu baay'ee guddaadha." jetti.

Jijjiiramni xiqqoon barnoota irratti uumamu carraa hojii gara fuulduraa irratti dhiibbaa geessisuu danda'a, akkasumas oomishtummaa miidhuun diinagdee maatii fi guutuu biyyaa irrattillee dhiibbaa qabaachuu danda'a.

"Daa'imman addunyaa keessaa walakkaan isaanii naannoo dhukkubni busaa itti baay'atu keessatti waan jiraataniif, walakkaan daa'imman addunyaa kanaa dhukkuba kanaan qabamuu danda'u," jetti.

Garaagarummaan tajaajila fayyaa argachuu keessatti jiru bu'aa qorannoo irratti dhiibbaa geessisuu danda'us ilaalaniiru, daa'imman dhukkuba kanaan qabaman herrega (maths) irratti warra dhukkuba kana hin qabne caalaa baay'ee qabxii gadi aanaa argatan jetti.

Tajaajila fayyaa gahaa tahe argachuunis bu'aa qorannoo kanaarratti dhiibbaa uumuu danda'a.

Daa'imman dhukkuba kanaan otoo hin qabamiin garuu ammoo herreega shallaguutti baayyee rakkatan argataniiru, kanaanis dhukkubichaan qabamuu qofa osoo hin taane yaala sirrii argachuu dhabuunis dhiibbaa qabaachuu mala.

Dandeettiin waa dubbisuu garuu dhukkuba kanaan miidhaa hin agarsiifne.

''Dandeettiin herreegaa barnoota daa'imman gara sadarkaa olaanaatti ceesisu dha,'' jedhu Chaandii Joon.

''Kanaaf dhukkubni busaa dandeettii kooleejii seenuu barattootaa daangeessuu mala,'' jedhu.

Waa barachuuf rakkachuu

Jooseef dhukkuba busaan qabamuun dura akkuma ijoollee kaanii nama taphachuu jaalatu ture jetti haatisaa.

Bara 2009 ijoollee waggaa lamaa tahee hoqqisuufi gubaa qaamaan qabame boodarra busaa sammuu seenu(celebral malaria) tahuun barame.

Yeroo sana, Maariyaan irraa hin hafu jettee sodaattee ture, sababni isaas daa'imman haala kanaan buusaan qabaman ''lubbuu dhabaa turan,''

Torban hedduu hospitaala takka ciisaafi bahaa erga tureen booda, Jooseef fayye.

Garuu waggaa torba ga'ee yeroo inni mana barumsaa sadarkaa jalqabaa seenu, rakkoon mul'achuu jalqabe.

"Herreega irratti qabxii gaarii fidaa hin turre," jette Maariyaan. '' Ida'uu, hir'isuu dalaguun rakkoo ture."

Jooseefis kanaan walqabatee barnoota lakoofsa of keessaa qabu, keemistirii fi fiiziksii, hubachuun isaaf ulfaataa ta'uu akka danda'u amana.

"Yoo obboloota isaa wajjin wal bira qabamu, isaan baay'ee gaarii hojjetu, inni garuu akka isaanii miti," jette haati.

Maariyaan waggoota darban keessa yeroo hedduu barsiisoti qabxii Jooseef irratti yaaddoo waan qabaniif mana barumsaatti ishee waamu ture.

Mana keessatti barsiisaa isa gargaaru qacartullee xiyyeeffannaan isaa waan hir'achaa deemeef duubatti hafaadhuma ture.

Jooseef erga barumsa sadarkaa lammaffaa xumuree daldala xiqqoo meeshaalee suphaa konkolaataa gurguruu jalqabuu akka barbaadu hima.

Saayintistoonni garuu dhukkuba busaa sammuu (cerebral malaria) ykn dhiiga hanqina cimaa (severe anaemia) akkamiin dandeettii waa hubachuu sammuu miidhuu akka danda'e guutummaatti hin hubanne.

Qorannoon kun dhukkubni busaa hamaa miidhaa sammuu fiduu akkatti fide sirriitti mirkaneessuu hin dandeenye.

Inumaa, dhukkubichi fi dhiibbaa yeroo dheeraa yaaduu fi barachuu irratti mul'atan gidduu hariiroon cimaa akka jiru agarsiisa.

Kutaan qorannoo isaanii itti aanu akkaataa infekshiniin kun qaamolee sammuu adda addaa irratti dhiibbaa geessisu MRI fayyadamuun sakatta'uu dha.

Lakkoofs namoota busaadhaan du'an jaarraa kana keessa akkaan hir'isus yeroo dhihoo as garuu fooyya'insi kuni dhaabbachaa jira.

Biyyooti addunyaa 47 dhukkuba busaa irraa bilisa jedhamanillee Itoophiyaa dabalatee, Maadaagaaskaar, Afgaanistaaniifi Yaman biyyoota lakkoofsi namoota busaan qabamanii itti dabalaa jiru dha.

Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa dhukkubni kuni akka haaraatti babal'achuusaaf jijjiirama haala qilleesnaa komatu. Ho'i dabaluun bookeen busaa maxxantuu busaa baattu akka wal hortuuf sababa taheera.

Kana malees dawaan dhukkuba busaa qaamatti madaqee humna fayyisuu dhabuufi maallaqni rakkoo kanaaf kennamu dhaabbachuun danqaa taheera, jedha.

Dhukkubni busaa babal'achaa jitu kuni hawaasa busaa dandamachuu hin dandeenye keessa yoo seen balaa yeroo dheeraa fiduu mala jechuun ogeessoti akeekkachiisu.

Falli maali?

Talaalliiwwan dhukkuba busaa lama RTS, S jedhaman biyyoota Afrikaa Sahaaraa gadi jiran busaa irraa ittisuuf gargaaran ifa bahaniiru.

Bara 2025tti dooziin qorichaa miiliyoona 40 tahu biyyoota Afrikaa 24tti ergameera jedha UNICEF.

''Dawaa haaraa dhukkuba kana ittisu qabaachuun gaarii dha, lubbuu ijoollee oolchaa jirra,'' jettu Audrey Joon.

Tahus ittisuu qofa osoo hin taane kanneen dhukkubichaan rakkataa jiran wal'aanuuf mala argachuu qabna jette.