Weellistoota dhaadannoo 'duuti waraanaa Israa'eliif' jedhuun ijoo dubbii miidiyaa addunyaa ta'an

Boob Viilaan waltajjii Gilaastanarii irratti

Madda suuraa, PA

Ibsa waa'ee suuraa, Boob Viilaan waltajjii Gilaastanarii irratti

Qophiin feesitivaala muuziqaa Yunaayitid Kiingdam bara kanaa kan damee muziiqaa jiran keessaa tokko ta'e ijoo dubbii ta'unsaa akkuma itti fufeetti jira.

Boob Viilaan jedhamuun kan beekamaniifi weelliftoonni paankii fi raappii walitti makuun waltajjiirratti taphatan ''duutii waraanaa Israa'eliif'' jechuun balaaleeffachuun akkasumas ergaan kun kallattiidhaan BBCn dabarfamuun dhimmicha ijoo dubbii miidiyaalee taaseera.

Dursaan baandichaa Boob Viilaan hirmaattoonni kumaan lakkaa'aman bakka irratti argaman feestivaala Gilaastanrii irratti ''Filisxeem bilisa akka baatuu'' fi UK, Ameerikaa fi biyyoonni lixaa ajjeechaa Filisxeemoota irratti raawwatamuuf waliin ta'aniiru jedheera.

Itti dabaluudhaanis waltajjii irratti ''duutii waraanaa Israa'eliif'' jechuun kan dhagahame Boobii Viilaan, hirmaattoota affeerruudhaan namoonni kumaatamaan lakkaa'aman ''duuti humna waraana Israa'eliif'' jechuun dhaadannoo dhageessisan.

Kana hordofee qopheessitoonni feesitivaalichaa wallisichi ''duutii waraanaa Israa'eliif'' dhaadannoo jedhuuf hirmaattoota dursuun ''na naasiseera'' jedhan.

Taatee kanas Ministirri Mummee Yunaayitid Kingidam Kiir Istaarmar ''haasaa jibbiinsaa sukkanneessaa'' jechuun balaaleeffataniiru.

Kana malees, polisiin Yunaayitid Kingidam baandii Boob Viilaan irratti akkasumas baandii Ayirlaand kan deeggarsa Filisxeemiin beekaman kan biraa, qophii muuziiqaa Nikaap irratti qorannoo yakkaa banuun beeksiiseera.

Feestibaalli Gilaastanbarii kallattiin kan tamsaasaa ture BBCn qophii muuziqaa Boob Viilaan akkasumas dhaadannoo ''duutii waraana Israa'eliif'' jedhu kallattiin dabarseera.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Kana hordofee BBCn tamsaasa kallattii adda kutuu kan qabaatu yoo ta'u, dubbii himaan dhaabbata miidiyaalee olaantummaan kan to'atu OFCOM '' qophiin muuziqaa kun kallattiin dabarfamuun baayyee yaaddeessaadha, BBCnis gaaffiilee deebiisuu qabaatu jira'' jedhan.

Falmichaa hordofuunis Boobii ykn maqaasaa sirriidhaan Paaskaal Roobiinsan Foostar ejjannoo isaatiin dhaabbachuun ''kanan jedhe jedheera'' jechuun toora instaagiraamii isaarratti deebii kenneera.

Ergaawwan deeggarsaa fi jibbaa hedduun isa qaqabaa jiraachu deebiisaa kanaan kaasuudhaan UKn ''imaammata ishee alaa akka jijjirtuuf'' waamicha dhiyeesseera.

Walisaa, taphaa gitaaraa fi walaleessaa kan ta'e Boobii akkasumas taphattoonni dibbee 'Boobii biraa' waliin ta'udhaan baandii ''Boobii Viilaan'' jedhamu kan hundeessaa bara 2017tti ture.

Boobiis jedhamuun kan beekaman walliistoonni lamaan maqaa waltajjii walfakkaatu qabu.

Waliftoonni Paank, Yuukee Giraayiim ( Hiphop) akkasumas reegee hidda sanyii Jaamaayikaa kan calaqisiisuu Roobiinsan Foostar, gosawwan muuziiqaa daans hool walitti makuun taphatu.

Walaloon walliiftoota kanneenis kan mata dureewwan sabummaa, gara jabina poolisii, cunqursaa, kaappitaalizimii miseensummaa akkasumas dhiirummaa hammeenyaa (toxic masculinity) jedhaniin wal qabatuudha.

"Yaadni keenya wal simuu dhiisuu mala"

Boon Viilaan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Boon Viilaan

Waliiftoonni kunneen sirba baaqqee hedduu kan gadiisan yoo ta'u, alabamiinsaanii jalqaa kan baasan bara 2020tti.

Albamiisaanii baasuun booda waliiftootaa fi baandiiwwan akka Of Ispirining, Za Haayiviis fi Biif Kilaayiroo jedhaman waliin imala muziiqaa taasiseera.

Kana malees, waggaa afuriin dura feesitivaala muuziiqaa Reediing Enda Liidsi jedhamu irratti tapahataniiru. Alabamiiwwan gadhiisan shan keessaa lammaffaa fi 'Piraayis of Laayiif'' ka jedhame tarree muuziiqaa UK keessatti sadarkaa 18ffaa irra taa'eera.

Kana malees badhaasa barruu Keeraang damee albamii gaariidhaan bara 2022tti injifatee ture.

Yeroo sanatti badhaasa waggaa Moobootiin walliiftoota filmaata gaarii jedhamuun badhaasa argataniiru.

Gaheessi waggaa 34 Roobiinsan Fostar wayita mucaa waggaa 13 jiruudha kan walaloo barreessuu eegale. Walaloo mooggaasa Nii Haay jedhuun beekkamtii argateera.

Wayita umuriinsaa waggaa 14 ture ammoo bara 2005tti yaa'ii waldaa Poolisii Gurraachaa fi Eshiyaa irratti affeeramuun walaloo dhiyeesseera.

Akkasumas bakka dhalootasaa landaniitti Ipisiiwooch dardaratootaa fakkeenya ta'udhaan gochaawwan raawwateera.

Walliisichi baandii Boob Viilaan jedhamu kan eegale ''namoonni gaaffii akka gaafataniif kakkaasuuf'' akka ta'e gaaffiifi deebii yeroo tokko barruu Tiribuun waliin taasiseen ibsee ture.

Feesitivaala miiziqaa 'daawunlood' wagga lamaan ture irratti turtii BBC waliin taasiseen, siroonni isaanii maalii irra caalaa ilaalchia siyaasaa irratti akka xiyyeeffatan ibsee ture.

''Muuxannoo jireenyaa sadarkaaleen caasaan humna biyya kanaan bakka ta'e qofaatti akak murtaa'an gochuurraa kan dhufeedha'' jechuun deebiise Boob Viilaan.

"Walaloo kanneen hirmaattoota hedduu fuulduratti yoo taphannu akaksumas waa'ee muxannoo keenyaa yoo qoodnu kan Gammachuu namaaf keennuu danda'uudha.''

Ta'us, ''karaa biraatiin ammo kan baayyee miira keessa nama galchuudha'' jedha.

Ta'ulleen ''saaxilamtotadha, ofii keenya baafnee waa'ee keenyaa fi waa'ee hawaasa keenyaa dubbanna. Hirmaattoonni akkuma gammadan hunda yaada keenya waliin waliigalu dhiisuun, iyyuu ykn karaa barbaadaniin mormuu'' ni danda'u jedheera Boobiin.

Boobi dhimmoota irratti walii hin galleerratti bilisummaan yaadasaanii darbachuu hin sodaatan. Baandiichi wagga sadiin dura feestivaala Gilaastanbarii irratti taphataniiru.

BBC kan Gilaastanbarii waliin walta'insa miidiyaa kan qabu Waliistoonni muuziiqaa 'Wiikiid enda baad'' jedhu kan taphatan yoo ta'u, muuziiqaa kanarratti MM UK duraanii Maargaareen Chaartariin kan balaaleeffatu akkasumas ergaa ''sooreessoota haa nyaannu'' keessatti hammatameera.