Biyyootni Lixa Afrikaa waraanaan bulan sadan ICC keessaa akka bahan ibsan

Madda suuraa, EPA
Burkinaa Faasoo, Maaliifi Nijeer miseensummaa Mana Murtii Yakkaa Idilaaddunyaa(ICC) keessaa atattamaan akka of baasan beeksisan.
Dhaabbatichi kolonii dhokataaf meeshaa ta'ee biyyoota gariinirra dhiibbaa hin malle geessisa jechuun komataniiru.
Biyyootni waraanaan bulan sadan ibsa waloon baasan keessatti aangoo Manni Murtii UN Za Heegitti argamuuf beekamtii akka hin kennine beeksisan.
''ICCn yakkoota waraanaa, yakkoota namoomaa, yakkoota duguuggaa sanyii fi yakkoota weeraraa ifa ta'an himachuufi hordofuu akka hin dandeenye agarsiiseera'' jedhan hogganootni sadan.
Manni Murtii kun ejjennoo biyyoota sadanii kana ilaalchisee ammatti deebii kenne hin qabu.
Hogganoonni waraanaa biyyoota sadanii Pirezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Putiin waliin hariiroo jabaa qabu. Putiin ammoo bulchaa biyyaa ICCn ajaja hidhaa irratti baasedha.
Biyyootni sadan nageenyaafi tasgabbii mirkaneessuuf ofiin qaama walabaa ijaaruu akka barbaadan beeksisan.
Janaraal Abduurahmaane Tiyanii kan Nijeer bulchu, Ibraahiim Tiraayooree kan Burkinaa Faasoo bulchu fi Janaraal Asiimii Goota Maalii bulchu ibsa isaanii keessatti dhaabbatichi biyyoota dadhaboorratti jabaata jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Yaadni kun amma dura yaada Pirezidantiin Ruwaandaa Pool Kagaameen ICCn ''farrummaa Afrikaa'' qaba jechuun kennan waliin walsima.
ICCn bara 2002tti yakkoota akka duguuggaa sanyii, yakka namoomaa, yakka waraanaafi weeraraa ilaaluuf hundaa'e.
Erga hundaa'ee hanga ammaa himannaawwan 33, tokkollee kan biyya Afrikaa hin ilaallanne hin jiru.
Akka seera dhaabbatichaatti UN miseensi dhaabbaticha keessaa akka bahu ibsee waggaa tokko booda ifatti keessaa baha.
Hogganootni waraanaa Burkinaa Faasoo, Maaliifi Nijeer bara 2020-2023 gidduu waraanaan aangoo qabatan. Sadeen qofatu miseensa Konfedereeshinii biyyoota Saaheeli.
Waraanni isaanii maqaa duula jihaadistoota al-Qaayidaa waliin hidhata qaban rratti bananiin namoota nagaarratti yakka raawwachuun ni himatamu.
Biyyootni sadan kun bara darbe yeroo walfakkaataatti Hawaasa Diinagdee Biyyoota Lixa Afrikaa(Ecowas) keessaa bahuu beeksisaniiru.
Murteensaanii kun Hawaasichi bulchiinsi dimookraatawaan aangootti akka deebi'u akka godhan gaafachuusaa hordofee dhufe.
Raashiyaan ammoo dhiyeenya kana biyyoota Saahel sadan kana waliin hariiroo qabdu cimsiteetti. Biyyootni sadan Faransaay dabalatee warra Lixaarraa of fageessaniiru.
Bara 2023 ICCn Yukireen keessatti yakka waraanaa raawwataniiru jechuun pirezidant Vilaadmiir Putiin irratti ajaja hidhaa baaseera.












