Gaazexeessaan Raashiyaa badhaasa Noobelii mo'ate gurguree Yukireeniif kennuuf

Dimitirii Muraatoov badhaasa noobelii gurguran

Madda suuraa, Getty Images

Gulaalaa ol-aanaan gaazexaa walabaa Novayaa Gazetaa jedhamuu badhaasa Noobelii Nagaa kana dura argate caal-baasiitti dhiyeessuun Paawondii miliyoona 103.5 gurgure.

Dimitirii Muraatoov maallaqni gurgurtaa badhaasichaa irraa argamu baqattoota waraana Yukireeniin miidhamaniif kennama jedhe.

Muraatoov bara 2021 keessa badhaasicha kan mo'ate yoo tahu, Raashiyaa keessatti mirga yaada ofii bilisaan ibsachuuf qabsoo gaggeessaa tureen argate.

Ji'a Bitootessaa keessa yeroo Raashiyaan Yuukireen weerartu gaazexaan Novaayaa mhojii isaa dhaabe.

Kunis Mooskoon qaamni haleellaa Yuukireen keessaa ''waraana'' jedhee ibse adabbii cimaa yookiin akka cufamu itti murtaa'a erga jetteeti.

Kireemliin waraanicha ''oppireeshinii seera kabachiisuu'' jechuun waamti.

Heriteej Ookshin qaamni caal baasicha baasuun gurgure eenyu akka mo'ate ifa hin goone.

Muraatoov ji'a Eeblaa darbe keessa osoo baabura irra jiruu waan qalama diimaa qabu asiidii xiqqaa of keessaa qabuun haleelamee ture. Namni itti iyyaa tures ''Muraatoov kun ijoolee keenyaafi'' jechuun itti darbate.

Muuraatoov kufaatii Sooviyeetiin booda garee gaazexeessitootaa bara 1993 gaazexaa novaayaa hundeessan keessaa tokko.

Erga bara 2000 as hojii isaan qorannoo gadi fagoon gaggeessaniin gaazexeesitootni jaha ajjeefamaniiru.

Isaan keessaa Aanaa Politkoviskaya ishee tokko.

Gurgurtaan medaaliyaa Noobelii Niw Yoorkitti gaggeeffame kun ijoollee Yuukireenii baqatanii Unicef jala jiran gargaaruuf oola.

''Har'a waanti beekamu qabu tokko waraanni gaggeeffamaa jiraachuu isaati. kanaaf ammoo warra miidhamoo deeggaruu qabna,'' jedhe.

Badhaasicha gaazexeessituu Maariyaa Reesaa waliin bara darbe kan mo'atan yoo tahu, isheen biyya Filiippiinsitti miidiyaa Rappler jedhamu hundeesiteeti.