Kibba Itoophiyaatti kirkirri lafaa reektar iskeelii 4.8 ta’e mudate

Magaala Turmii

Madda suuraa, TURMI CITY ADMINISTRATION GOV'T COMMUNICATION AFFAIRS

Naannoo Kibba Itoophiyaa Godiina Kibba Oomotti kirkirri lafaa reektar iskeelii 4.8 ta’e mudachuu Yuunivarsiitin Finfinnee beeksise.

Yuunivariitichatti Inistiitiyuutin Ji’oofiziksii, Saayinsii Hawaafi Astiroonomii akka beeksisetti kirkirri lafaa Godiina Kibba Oomoo Aanaa Bannaa Tsamaayitti mudate.

Bifuma wal-fakkaatun torban darbe achuma Naannoo Kibba Itoophiyaa Godiina Daawuroottis kirkirri lafaa mudatee turuu jiraattonnifi angawoonni BBCtti himanii turan.

Kirkirri lafaa kun guyyaa Dilbata, Caamsaa 12, halkan keessaa sa’aatii 6fi daqiiqaa 36 irratti mudachuusaa Yuunivarsiitii Fifinneetti Itti Gaafatamaa Kutaa Siisimoolojii kan ta’an Pirofeesar Attaalayi Ayyalaa BBCtti himan.

Kirikirri lafaa Godiina Oomo Kibbaatti mudate kun reektar iskeelii 4.8 kan galmeesse ta’uu kan himan Prof. Attaalayi, hangi kun “giddu galeessa” jedhamee akka ibsamu kaasu. Kirkirri lafaa kaleessa mudate kun torbee darbe kan Godiina Daawuroottin mudate kan caalu yoo ta’u kan torbee mudate hangi isaa reektar iskeelii 3 ture.

“Kuni gadi aanas olka’aas hin jedhamu. Giddu galeessa. Miidhafi badiisi qaqqabsiisu akka itti dhiyeenyatti kan murtaa’udha. Kuni magaala keessatti mudate osoo ta’eetii, badii guddaa qaqqabsiisa ture,“ jedhu Prof. Attaalayi.

Akka ogeessi Sisimoolojii kun akka jedhanitti, kirikirri lafaa kun kan mudate Godiina Kibba Oomoo Aanaa Bannaa Tsamaayi “Wayixoo“ bakka jedhamutti.

Aanaa Bannaa Tsamaayitti itti gaafatamaa magaala Biraayillee Taaddaagii kan ta’an Obbo Oyitaa Unnoo, Dilbata halkan kirkirri lafaa aanaasaanii keessatti mudachuu BBCf mirkaneessaniiru.

Kitikkirri lafaa walitti fufiinsan si’a lama mudachuu kan himan Obbo Oyitaan, taaten mudate rifaasisaa akka ta’e himu.

“Baay’en keenya lubbuun hafna jennee hin eegne,“ jechuun haala yeroo kirkirri lafaa mudate ture ibsan.

Aanaalee jahaafi bulchiinsa magaalaa tokko Godiina Kibba Oomotti argaman keessaa aanaalee jahaanuu keessatti kirkirri lafaa mudachuu bulchaan godiinichaa Obbo Maa’ikal Maliikoo BBCtti himan.

Akka isaan jedhanitti kirkira lafaa kanaan miidhan namarra gahe hin jiru.

Garaa garummaa torbanii keessatti kirkirri lafaa marsaa lammafaa kan mudate Naannon Kibba Itoophiyaa, Sulula Qinxaamaa keessatti akka argamuufi kirkirri lafaa mudachuunsaas kanaan akka wal-qabatu ibsan Prof. Attaalay.