Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiishuu ovaarii waggoota 23'f cabbaa'e turerraa akkamiin daa'imni fayya-qabeessa ta'e dhalate?
Kaassaandiraa Beekan umrii waggaa 17'tti yeroo jalqabaaf kaansarii dhiigaa fi dhukkuba Hodgkin lymphoma jedhamu, kan sirna limfoomaa miidhu, dhukkubsachuu jalqabde.
Yeroo sanatti yaalii keemoteeraappii taasifameefiin mallattoon dhukkubichaa irraa bade. Haa ta'u malee, fayyuun ishee yeroo dheeraaf hin turre. Waggaa tokko booda kaansariin kun daran hammaatee itti deebi'e. Doktoroonnis yaalii keemoteeraappii cimaa ta'e hatattamaan akka jalqabdu isheetti himan.
"Umrii sana keessa waan akkasii keessa darbuun salphaa miti," jechuun sagantaa BBC Newshour'tti kan himte Beekan, miidhaa yeroo dheeraa yaaliin kun qaama ishee irraan gahuu danda'u yaaduu jalqabde.
Dhimmoota yaaddoo isheetti ta'an keessaa tokko dandeettii gara fuulduraatti daa'ima da'uu ishee eegsisuudha.
Ogeeyyiin fayyaa hanqaaquu ishee fuudhanii cabbii keessa kaa'uuf marsaa laguu ishee eeguun isaan barbaachisa ture. Haa ta'u malee, yaalii kaansarii hatattamaan jalqabuu waan qabduuf, mala kana fayyadamuun hin danda'amne.
Kanaaf, mala yeroo sanatti qorannoo fi yaalii keessa ture tokko fayyadamuuf murteessite. Innis tiishuu ovaarii (ovarian tissue) qaama ishee keessaa baasanii cabbii keessa kaa'anii kuusuu ture. Ogeeyyiin fayyaas tiishuu ovaarii ishee irraa fudhatanii cabbii keessa kaa'anii kuusan.
Tiishuun kun waggoota 23f cabbii keessa erga kuufamee turee booda, Beekan umrii waggaa 44 yeroo geessu gara qaama isheetti deebifame.
Kanaanis Beekan umrii waggaa 44'tti ulfooftee, ji'a tokko dura daa'ima ishee jalqabaa, Landan jedhamu, deesse.
Daa'imni kunis tiishuu ovaarii waggoota 20 olf cabbii keessa kuufamee ture irraa dhalatan keessaa isa jalqabaa ta'uun amanama.
Umrii dargaggummaa ishee irraa kaastee, yeroo hunda haadha ta'uu akka hawwitu Beekan dubbatti. Daa'ima da'uu hin dandeessu jedhamee yeroo itti himametti, abdii ishee eeguuf waan danda'amu hunda gochuuf murteessite.
"Sababa isaa sirriitti hin beeku, garuu rakkoon na mudate kun yoo akkuma jedhame ta'ee fi karaa uumamaan ulfa'uu hin dandeenye, wanti abdii naaf kennu tokkollee hin jiru yaada jedhu fudhachuun natti ulfaate," jetti.
Hanqaaquu cabbii keessa kuusuun mala dubartoonni karaa uumamaan ulfa'uu hin dandeenye fayyadaman keessaa isa beekamaa dha. Haa ta'u malee, hanqaaquu fuudhuun dura torbanootaaf qoricha hormoonii lilmoo dhaan fudhachuun barbaachisa. Beekan garuu yeroo yaalii kanaaf barbaachisu hin qabdu turte.
Beekan yaalii kaansarii jalqabuu dura tiishuu ovaarii ishee keessaa muraasni akka baafamu doktoroota ishee amansiiste. Sana booda Doktar Saaraa Maatiwuus argatte. Isheen ogeeyyii baqaqsanii hodhuu muraasa UK keessatti yaalii addaa kana raawwachuu danda'an keessaa tokko turte.
Doktar Maatiwuus tiishuu ovaarii Beekan irraa saamuda afur fudhatte. Haa ta'u malee, tiishuun kun gara fuulduraatti daa'ima dhalachuuf akka gargaaru wabiin hin turre.
'Abdiikoo tokkicha'
Shamarree waggaa 17 kan turte Beekan, yaala uka lafee bakka buusuufi keemoteraappii taasifameefin kaansariirraa lubbuun hafuu dandeesse.
Haa ta'u malee yaaliin cimaa taasifameef ovaariishee akkaan miidhuusaa ogeeyyiin kan himan yemmuu ta'u, isheenis umriishee waggaa 33'tti laguu arguu dhaabde.
Waggoota 10 itti aananiif Beekan doktara tiishuu ovaariishee fayyaqabeessa ta'efii cabbaa'ee olkaawame deebisee kaa'uuf barbaaduun dabarsite.
Dabalataan yaaliin baqaqsanii yaaluu tiishuu ovaariishee baasuuf taasifame seerri dhimma kana ilallatu UK keessatti ragga'uusaan dura taasifame waan ta'eef tiishuun kun bakkatti akka deebi'uuf gochuuf sanadawwan seera qabeessa ofharkaa hinqabdu.
Haa ta'u malee ogeeyyii UK keessatti yaala baqaqsanii yaaluu addaa hojjetan keessaa tokko kan ta'an Dr. Saaraa Maatiwus, Beekan cinaa dhaabbatan.
Kilinika Israa'el keessatti argamufi tiishuu ovaariishee bakkatti deebisuufii danda'us barbaadanii argataniif.
Tiishuun Beekan UKdhaa gara Giddugala Medikaalaa Sheebaa biyya Israa'el magaalaa Raamaat Gaanitti argamuttu geeffame. Haa ta'u malee fedhiin yeroo dheeraa Beekan daa'ima godhachuuf qabdu qormaanni biraa isa mudate.
Haleellaa loltoonni Hamaas Onkololeessa 7, 2023 Israa'el irratti bananfi duula loltoonni Israa'el taaticha hordofee Gaazaa keessatti bananin walqabatee adeemsi daa'ima godhachuu Beekan ni harkifate.
"Abdiinkoo tokkichi baduuf deemaa? jedhee yaadeen ture" jechuun BBC'tti himte.
Haa ta'u malee waliigalteen dhukaasa dhaabuu bara 2024 keessa yeroo gabaabaaf ture Beekan gara Israa'el imaltee yaalii tiishuu ovaariishee bakkatti deebisuu akka hojjetamuuf dandeesise.
Yaalicha xummurtee gara biyyashee UK'tti deebi'uuf xayyaara erga yaabbattee sa'aatiiwwan muraasa boodas waliigalteen dhukaasa dhaabuu ka'e, lollis eegale.
Yaaliin tiishuu ovaarii buqqisanii dhaabuu akkamiin hojjeta?
Jalqaba ogeeyyiin baqaqsanii yaaluu kutaa qaama dhalaa hanqaaquu omishu ovaariirraa tiishuuwwan xiqxiqqoo muru. Tiishuuwwan kunneenis hanga dubartiin sun daa'ima godhachuu barbaaddutti cabbaa'anii laboraatoorii keessatti tursiifamu.
Sana boodas doktaroonni tiishuu tursiifame kana gara qaama dubartii sanaa galchuun ovaariirra yookiin dhiyeenya ovaariitti kaa'u. Itti aansunis tiishuun kun hiddawwan dhiigaa dhiyeenyattii argamaniin walqabata, dhiigafi oksijiiniis ni argata. Ovaariinis ji'a ji'aan hanqaaquu omishuun gadi dhiisuu eegala.
Qorannoon bara 2024 adeemsifame akka agarsiisutti dubartoota yaaliin kun taasifameef keessaa hanga dhibbeentaa 94 kan ta'an dandeettiin daa'ima godhachuusaanii ni deebi'a.
Bara 2016'tti dubartii waggaa 24fi Dubaayi jiraachaa kan turte Mo'aazaa Al Matruushii, dubartii ishee jalqabaa dardarummaan osoo hineegalin tiishuun ovaariishee fuudhamee cabbaa'e daa'ima godhatte akka taate amanama.
Hanga ammaattis akka addunyaatti daa'imman 200 ol yaalii buqqisanii dhaabuu tiishuu ovaariitiin akka dhalatan tilmaamama.
'Of galateeffachuun qaba'
Bara 2024 keessa tiishuun ovaariishee bakkatti kan deebi'eef Beekan, ji'oota muraasa booda ture marsaan laguushee kan deebi'e.
Haa ta'u malee karaa uumamaan ulfaa'uuf yaaltus hinmilkoofne. Kanaafis isheefi jaalalleenshee mala IVF jedhamuun hanqaaquunsheefi isparmiin isaa laboraatoorii keessatti akka makaman akka taasisan ogeeyyiin fayyaa isaan gorsan.
Jaalalleewwan kunis marsaawwan yaalaa sadi erga taasisanii booda guyyaa ayyaaana Qillee bara 2025, Beekan ulfa ta'uunshee qorannoon mirkaanaa'e.
Ilmishee Landanis ji'a Fulbaanaa darbe kan dhalate yemmuu ta'u, isheenis waggoota 25 darban kaansariirraa bilisa taatee jiraatte.
Beekan seenaashee erga dubbattee booda dubartoota ishee ilaalanii kaka'umsa godhatanirraa ergaawwan heddu ishee dhaqqabaniiru.
Yeroo ammaatti doktoroonni filannoowwan daa'ima godhachuu ilaalchisee dubartoota dargaggeeyyii kaansarii dhukkubsataniif dursa akka kennan Dr. Maatiwus himu.
"Daa'imman kun umrii ga'eessummaarra yemmuu gahanitti jireenya idilee akka jiraatan barbaanna. Agarsiistuuwwan jireenya idilee keessaa tokkommoo maatii horachuudha" jedhu.
Kutannoo cimaa umrii dargaggummaasheetti qabaachaa turte kan raajeffattu Beekan gama isheetiin, "Akka shamarree waggaa 18 ta'ee yemmuun yaadu hagam jabduufi kutattuu akkan turen yaada. Wantoota duubatti deebi'ee ilaaluufi itti of galateeffadhu keessaa isa tokkodha" jechuunis himteerti.