'Amantii kootu kubbaa miilaa naaf caala'- Jifataa Bornimaz Dango Otaaraa

Taphataan Bornimaz Dango Otaaraa amantiisaa fi kubbaa miillaa keessaa kamiif akka dursa kennu bareechee beeka.
Sooma Ramadaanaa bara kanaa wayita xumurataa jirutti gaaffii fi deebii taasiseen ''anaaf, amantii kootu kubbaa miillaa naaf caala,'' jedhe.
Jifataan Burkina Faasoo kun Muslima amantiisaatti kutannoo qabudha, salaata idilee shanan guyyaatti salaatamu hin qadeessu.
Ammoo tapha duraa fi booda istaadiyeemii addaan tuqee kadhannaa godhachuun (sujuuda gochuun) beekama.
Taphataan umrii waggaa 23 kun turtii BBC Sport Africa waliin taasiseen haalaa fi amalli amantiisaa kun akka tasgabbaa'uuf akka isa gargaaru hime.
''Ofii keenyarratti akka xiyyeeffannu nu taasisa. Gaarii dalagnee fi waan qixa sirriin milkeessuu dadhabne akka ilaallu nu gargaara,'' jedhe.
Turtii BBCn Masjiida inni itti salaatu deemuun waliin taasiseen ''hawaasa keessatti akka nama sirrii taanee mul'annuuf amantiin keenya nu gargaara. Karaa qajeelaarra akka deemnu nu taasisa,'' jechuun amantii Islaamaa hordofu ibse.
Otaaraan gaaffii fi deebii kana keessatti jechoota ''tasgabbii'' fi suuta jechuu'' deddeebi'ee kaasuun bu'aa amantii Islaamaa ibsa.
Tasgabbaa'aa fi nama hubachuun beekama, ija laafa garuu sodaataa miti. Qabeenyaan of mul'isuuf hin rakkatu.
Uffata naamusa amantii Islaamaa ta'een faayamee argame. Gaafii fi deebiif taa'uu dura ni kadhanna jedhee eegale.
''Amantiin akkan qormaatilee na mudatan irra aanuuf na gargaara. Nama kabajuu, amantii namaas kabajuu na barsiise,'' jedhe.
''Dirree keessas ta'e, dirreen alas, hiriyootaa fi maatii waliin, iddoo hundattuu akkan tasgabbaa'u, naamusa akka godhadhu na taasisa amantiin koo.''
''Waan tokko hojjechuu dura amanuu qabda.''
''Carraa amantii kee hordofuu yoo argatte hunduu toora siif gala''
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dango Otaaraa bara taphaa kana dandeettiisaatti ofitti amanamummaa guddaa qaba.
Walitti fufiinsaan tapha jalqabarraa eegalee taphachuu baatus, dorgommii hundarratti (taphoota 30 irratti) Bornimaziif goolii sagal galcheera.
Amajjii keessa ammoo Nootingihaam Foorast irratti goolii sadi galcheera (hatirikii hojjete.)
Lakkoofsi kun kan bara darbeen yoo walbira qabamu isaaf baayyee guddaadha. Bara taphaa darbe goolii tokko qofa galche.
Otaaraaf Bornimaz mijateera. Garee waliin taphachuun nama gammachiisudha jedhe.
Burkina Faasoo magaalaa Ogaaduuguu keessatti kan dhalate Otaaraan imala yeroo dheeraa booda karaa Faransaay magaalaa Looriyent irraan qarqara kibba Ingilaanditti ce'e.
Amajjii 2023 paawondii miiliyoona 20n Bornimaz kan seene Otaaraan, Burkina Faasoo keessaa Piriimer Liigii Ingilaand wayita seenu inni nama lammaffaadha.
Isa dura dursaa taphattoota garee biyyaalessaa isaanii fi jifataa duraanii Aston Viilaa Bertiraand Tiraawiree qofa ture.
Otaaraan ammallee Afaan Ingiliffaa dubbachuuf ni rakkata, wayita gara Ingilaand deeme qormaati isa mudate tokko kana ture.
Ammoo qormaata isa mudataa ture hundaaf furmaati amantiisaa akka ture hime.
''Anii fi ejentiin kiyya asitti Masjiida argachuu dandeenyeerra. Kana ergan argadhee tasgabbaa'een gara hojii kiyya idileetti deebi'e,'' jedha.
''Akkuman Masjiida deemuu eegaleen addunyaa kubbaa miillaa keessatti wanti hunduu karaa naaf qabachuu eegale.''
Nyaata qopheessuu, ganama ka'uu, hirriba gabaabduu- soomaa gara dirree

Soomi Ramadaanaa utubaawwan amantii Islaamaa shanan keessaa tokko. Otaaraanis Muslima waan ta'eef utubaa kunneen guutuuf soomuun dirqama itti ta'a.
Sooman qaba jedhee gara dirree deemee shaakaluu fi dorgommiirratti hirmaachuu dhiisuu ammoo hin danda'u.
''Ramadaana soomuun ni ulfaata hin jedhu an. Dhimma sammuuti. An itti bareera,'' jedha Otaaraan.
''Bishaan malee turuu gaafata, kun ulfaatuu mala. Yeroo feetetti kaatee hin nyaattu, kun dadhabsiisaa ta'uu mala. Garuu hirriba gabaabduu rafuun dadhabbii of baasuun ni danda'ama.''
''Gana ka'ee nan sooradha. Isa booda nan salaata. Salaata booda sa'atii tokko yookiin isaa ol nan rafa. Ka'ee gara shaakalaan deema,'' jedhe.
''Shaakala booda ergan salaatee ammas yeroo gabaabduuf nan rafa. Kanaafuu yeroo yeroon waan boqodhuuf humna godhachaan deema,'' jechuun akkamiin akka jabaatee soomaa kubbaa taphatu ibse.













