Dhukkubni maalummaansaa hin beekamneefi gaala Karrayyuu ajjeesaa jiru maali?

Obbo Damisee Boruu Waaqayyoo horsiisee bulaa Aanaa Fantaallee ganda Ilaalaati. Isaan waqtii hongeen jiru kanatti gaala isaanii fi kan maatii isaanii waliin lafa margii fi bishaan jirutti godaansisanii tiksu.
Dheeda gaalaa kanaaf ammoo horsiisee bultoonni Karrayyuu aanaalee akka Lumee, Adaamaadhaa hanga hara Baatuutti godaansisanii tiksu.
Hawaasichi hojii ijoon ittiin jiraatan horsiisuma gaalaa kanaan waan ta'eef namni tokkichiyyuu gaala hedduu qaba.
Kanaaf jecha yeroo tiksaaf bobba'an gaala Abbaa afurii yookan shanii dabareedhaan godaansisnee tiksina jedhu Obbo Damissee.
Ji'a tokkoon dura dheedaaf yeroo gara Aanaa Adaamaatti gaala godaansisanitti gaalli bishaan ciisaa Aanaa Adaamaa keessatti argamu erga dhuganii booda dhukkubni gaalaa horsiisee bultoota jalaa gaala ajjeesuu akka jalqabes himu.
"Bulchaa jenna nuti warri horsiisee bulaa gareedhaan tiksinu. Kan kiyya keessaa amma gaala lamatu na jalaa du'e. Ammoo kan obboleessa kiyyaa, kan ollaa kiyyaa, kan obboleessa abbaa kiyyaa fi kan maatii kaanii kan du'e hedduudha" jedhan.
Akkaataa itti dhjukkubni kuni Gaala ajjeesaa jiru yoo ibsanis "garaa jala hanga handaraafaatti bokoksee lafa dheeduu dhoowwa. Mataa dhidhiitessee boodarra dhiiga albaasee ajjeesa," jedhan.
Akka Obbo Damisseen jedhanitti, ji'a tokko kana keessatti dhibee gaalaa seene kanaan naannawa isaaniirraa gaalli lakkoofsaan 60 ta'an du'aniiru.
Yeroo hawaasni Karrayyuu sababa kirkira lafaa fi hongeetiin miidhamaa jiru kanatti qabeenyi Karrayyuun qaba jedhu, gaalli, haala kanaan du'aa jiraachuun ammoo yaaddoo guddoo nutti uumeera jedhu horsiisee bulaan BBCn dubbise kun.
"Nuti Karrayyuun qabeenyi alaalleen manaalleen qabna jennee abdannu gaaluma kana. Gurgurtaa dhiisii aannanuma isaatuu yoo gurgurre waan jiruuf ta'u ittiin jiraanna. Amma qabeenyi keenya dhibee hin beekamne kanaan du'aa jira" jedhan.
Gabaarratti gaalli tokko hanga birrii kuma 120 akka baasuu fi dhumaatiin gaalaa amma mudataa jiru kuni horsiisee bulaa kisaaraa guddaa keessa kan galchu akka ta'es dubbatu.
Ammaan dura gaalli yeroo dhukkubsatee darbee darbee du'u jiraatulleen gaalli lakkoofsaan hagana gahu yeroo gabaabaa keessatti yeroo dhukkubsatee du'u garuu kanaan dura arginee hin beeknus jedhan Obbo Damisseen.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bakka gaalli Karrayyuu bishaan kuufamee jiru dhuganii dhukkubni kun eegale jedhamu aanaa Adaamaatti itti gaafatamaan waajjira eegumsa naannoo Obbo Fantaallee Abulloo, gaalli hawaasa jalaa dhumaa jiraachuun dhugaa ta'us ka'umsisaa garuu qoratamaa jira jedhan.
Hanga ammaatti gaalli 56 akka du'e gabaasa qabna kan jedhan Obbo Fantaalleen bishaan gaalli dhugee dhukkubni jalqabe jedhamu kuni saamudnisaa fudhatamee qorannoof Finfinneetti ergamu himu.
"Abbaan Taayitaa Qabeenya Beelladaa Oromiyaa qaamolee Federaalaa waliin ta'uun bishaan kanas, gaala du'erraas saamuda fudhatanii qorannoon adeemsifamaa akka jiru odeeffannoo qaba. Bu'aa isaa eegaa jirra" jedhan.
Bishaan ciisaan sababa dhumaatii gaalaati jedhame kana qaamaan dhaqanii akka ilaalanii fi hawaasni naannoo ammayyuu beellada isaanii bishaanuma kana nagaan obaafachaa jiraachuun garuu summa'uu bishaan kanaa shakkii keessa kan galchu jedhu.
Ta'us erga ji'a tokkoo asitti qabeenyi gaalaa horsiisee bultoota Karrayyuu yeroodhaa yerootti du'aa jiraachuu fi bu'aan qorannoo argamu irratti hundaa'uun falli kan barbaadamu akka ta'es himu.
Obbo Damisseen garuu haalli amma horsiisee bulaan Karrayyuu keessa jiru kan yeroo kaaniira ulfaataa waan ta'eef mootummaa fi uummanni quba nu qabaachuu qaba jechuun dhaammatu.












