Tiraamp daawwannaaf qe'ee warra haadhasaa kan taate Iskootilaanditti imale

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantiin US Doonaald Tiraamp daawwannaa guyyaa afur turu taasisuuf Iskootilaand jira.
Iskootilaand bakka dhaloota haadha Tiraamp yoo taatu, Tiraamp yeroo Buufata Xayyaaraa Pirestwiik gahu qondaalonni hedddu simannaa hoo'aa godhaniif.
Tiraamp haasaa taasiseen "Iskootlaand daawwachuun baay'ee nama gammachiisa" jechuun dubbate.
Doonaald Tiraamp Iskootilaand keessaa rizoortii beekamaa dabalatee dirree ispoortii Golfiifi qabeenya heddu qaba.
Iskootlaand erga gahee booda Risoortiisaa Tarnibarii jedhamu osoo hin deemin dura gaazexeessitootatti akka dubbatetti, Wiixata dhufu Ministiira Muummee UK kan ta'an Kiir Istaarm waliin wal-arguun akka mariyatan dubbate.
"Muummee ministiiraa keessan nan jaaladha. Inni akka koo miti, liberaalida...garuummoo nama gaaridha. Isa waliin walii galtee daldalaa taasiseera," jedhe Tiraamp.
Tiraamp akkuma buufata xayyaaraa gaheen konkolaattotaafi poolisii Iskootilaand hedduun ajjabamee gara riszoortii Golfii qabeenyummaansaa kansa ta'e Tarniberiitti qajeele.
Konkolaataa pirezidaantiin Ameerikaa ittiin imalu- The Beast- jedhamuun gara hoteela isaatti yeroo imalu namoonni muraasi karaa irratti mormii dhageessisaa turan.
Tiraamp sambattan kana lamaan rizoortii Golfii isaa keessa erga tureen booda bakka qabeenyisaa biraa itti argamu Abardiinshaayiritti qajeela jedhamee eegama.
Tiraamp Wiixata Ministiira Muummee UK Kiir Istaarmariifi qondaalota Iskootilaand wajjin wal arguun ni mariyata. Kibaxta ammoo gara UStti akka deebi'utu ibsame. Haa ta'u garuu, imalli Tiraamp kanaan kan raawwatu miti. Ji'a tokko booda, Fulbaana keessa daawwannaa ifaa taasisuuf UKtti ni deebi'a.
Daawwannaa Tiraamp amma Iskootilaanditti taasisu kanaan, Sambata har'aa mormitoonni heddu magaalaa Edinbiraafi Abardanitti bahuun mormii ni dhageessisu jedhamee eegama.
Daawwannaa Tiraamp kana torban tokko dursee Iskootilaand keessatti poolisiin eegumsaafi to'annoo cimaa taasisaa ture.

Madda suuraa, Getty Images
Tiraamp Iskootilaand akkuma gaheengaazexeessitootti yeroo dubbatu biyyoonni Awurrooppaa godaansa seeran alaa iratti xiyyeeffatanii akka hojjataniifi US irraa akka baratan kaase.
Godaansi seeran alaa akka weeraraa "Awurooppaa ajjeesaa jira" jechuun dubbate.
"Ji'a darbe keessa namni tokkoyyuu (baqattoonni) biyya keenya hin seenne. Namni tokkoyyuu. [Daangaa keessan] cufaa. Namoota badaa ta'an kan Baayidan [Ameerikaa] seensisee ture hunda biyyaa baasnera," jechuun pirezidaantii duraanii US Baayidan komate.
"Isnis [akkuma Baayidan nu godhe] biyyoota keessan irratti akka ta'u gochaa jirtu, weerara hamaa Awurooppaa, biyyoota heddu, mudatee jiru kana dhaabsisuu qabdu...garuu godaansa Awurooppaa ajjeesaa jiru kana dhaabsisaa."

Madda suuraa, Getty Images
Pirezidaantonni US Iskootilaanditti daawwannaa taasisuun baay'ee baramaa miti.
Giiftii Elizaabeet bara 1957tti pirezidaantii duraanii US Diwaayiit D Eyisanhaawar Iskootilaand, Abardanshaayiritti affeeranii turan.
Joorji W Buush ammoo bara 2005 walgahii G8 irratti hirmaachuuf Iskootilaand, Pertishaayiritti imalanii turan.
Joo Baayidan ammoo bara 2021 walgahii jijjiirama haala qilleensaa magaalaa Gilaasgotti gaggeeffame irratti hirmaatanii ture.
Pirezidaantiin US daawwannaaf gara Iskootilaand deeme Tiraampidha. Bara 2018tti Iskootilaand daawwatee ture.
Amma immoo yeroo lammaffaaf Iskootilaand daawwatee jira. Iskootilaand biyya haadha Tiraampiti. Haatisaa Meerii Aan Maaklewood Iskootlaand keessatti dhalattee guddatte.
Yeroo ganna 18 guuttu hojii barbaacha gara UStti baqachuun, Niwu Yoork keessatti dureessa beekamaa wajjin wal-bartee gaa'ela godhachuun Tiraamp fi obbolaasaa kaan deesse.












