Rakkoon diinagdee Chaayiinaa attamiin adduunyaa miidha?

Madda suuraa, Getty Images
Ameerikaan yoo haxxiffattu addunyaa maratu qufaadhaan qabama jecha jedhuutu ture. Garuu yoo Chaayinaan dhukkubsattu hoo maaltu ta'a?
Biiyyi addunyaarratti diinagdee olaanaa lammaaffaa qabduufi biyya ummata biiliyoona 1.4 ol chaayinaan, guuddina xiqqaa, hojii dhabiinsa dargaggootaa olaanaafi rakkoo gabaa qabeenyaa dabalatee, rakkoolee heddutuu mudataa jira.
Tibbanas, dura taa'aan misooma riil isiteetii biyyattii liiqaa olaanaan irra jiru, Evargiraandeen qorannoon poolisiin irratti gaggeeffamaa kan jiru yoo ta'u, qoodni (share) kaampaanichaas gabaa irraa dhorkameera.
Dhimmi kunis mata bowwoo cimaa Beejiingiitti dabalaa kan jiru yoo ta'u, ofii kun addunyaa kaaniif hangam rakkoodha?
Xinxaltoonnis yaaddoowwan addunyaa dhuufuuf jiru harbeeffameera jechuun amanu. Haata'u malee, koorporeeshinoonni sab-daneessaa, hojjattoonni isaaniifi ummannii Chaayinaa waliin hidhata kallattii hin qabne osoo hin hafne dhiibbaawwan muraasni biraa gahu mala. Garuu ammoo eenyuu akka ati taatee irratti kan hundaa'u ta'a.
Kan irraa buufatuufi kan ittiin miidhamu
"Ummanni Chaayiinaa laagana sooratan irraa hir'iisuu eegalanii, fakkeenyaaf, sun diinagdee addunyaa miidhuu danda'aa?'' jechuun gaafatti Siingaapooriitti daareektarri olaantuun jidduugala daldala Eshiiyaa Dibooraa Elmis.
''Deebinsaa akka isin eegdan miti, garuu dhugaatti dhaabbilee kallattiidhaan fayyadama Chaayiinaa biyya keessa irratti bu'uurreeffatan ni miidha.''
Kubaaniyoonni addunyaa dhibbaatamni kan akka Apple, Voolsiiwaagan fi Burbeerii galiisaanii olaanaa ta'e, gabaa fayyadamtoota Chaayinaa guddaa irraa argatu. Kanaaf, dhiibbaan kunis dhiiyeessitootaa fi hojjattoota addunyaa kuubaaniyoota kanneen irratti bu'uurreeffatan kumaatama miidhuu danda'a.
Chaainaan guddina addunyaarratti mul'atu keessaa sadaffaan ol akka qabattuu yoo yaadamu, murteen kamuu daangaa isheetiin alatti ni dhagahama.
Eejjansiin Ameerikaa tokko baatii darbee keessa diinagdeen Chaayinaa gadi bu'uunsaa ''haala guddina addunyaa irratti gaaddidduu'' qabaatu dubbatee ture.
Haata'u malee, akka oggeessoota diinagdee tokko tokkootti, yaadni Chaayinaan akka mootara badhaadhiina diinagdee addunyaatti ilaaluun harbeeffameera jedhu.

Madda suuraa, Getty Images
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
"Gara herreegatiin dhugaadha, Chaayinaan guddina diinagdee addunyaa keessaa %40 qabatti,'' jedhan Jidduugala Chaayinaa Yunivarsitii Oksifoordiitti oggeessii diinagdee Joorji Maagnas.
''Garuu guddina sanarraa kan buufatu eenyuudha? Chaayinaan hanga galchitu caalaa alatti ergiti. Kanaaf, hangi guddina Chaayinaa ykn guddachuu dhabuunshee, addunyaa kaan caalaa dhugaatti hangam waa'ee chaainaa mul'isa?
Chaayinaan mi'ootaafi tajaajilarratti baasii gadaanaa baafti. Hagayya keessa, biyyattiin %9 kan ta'u alaa kan galchite yoo ta'u, kunis kan bara darbe yeroo walfakkaatuun (yeroo dhorkaa Covid jala turameetiin) gadiidha.
''Biyyoonnni ala-ergii olaanaa qaban kan akka Awustiraaliyaa, Biraaziil fi biyyoota Afriikaa baayyeen kanaan baayyee miidhamu malu,'' jedhu Sidiinii keessatti Daareektarri Jidduu-gala Guddina Indoo-Paasifiik, Roolaandi Raajaah.
Chaayinaa keessa fedhii gaddaanaatu jira jechuunis achiitti gatiinsaa gadaanaa ta'ee tura jechuudha. ''Kunis ummataafi dhaabbilee qaala'iinsa olaanaan rakkataa jiraniif oduu dansaadha,'' jedhu Mr Raajaah.
Jecha gara biraatiin, fayyadamtoonni idilee guddinni diinagdee Chaayinaa suuta jechuu irraa ni fayyadamu. Haata'u malee, ummata biyyoota guddachaa jiran keessatti argamaniif garuu gaaffii yeroo dheeraatu jira.
Waggoota 10 darbaniif Chaayinaan doolaara biiliyoona tiriiliyoonaa ol pirojektoota bu'uuraa gurguddaarratti akka baafte tilmaamama. Biyyoonni 150 ol ta'anis daandiilee, buufata xiyyaaraa, buufataalee galaanaa fi riqichawwan ijaaruudhaaf chaayinaa irraa maallaqaa fi teknooloojii argataniiru.
Akka Mr Raajaah jedhanitti, yoo rakkoon diinagdee biyya keessaa itti fufe ammoo deeggarsi Chaayinaan pirojektoota kanneeniif taasiftu rakkoon mudachuu eegalu danda'aa.
''Amma dhaabbileefi baankiiwwan Chaayinaa dandeettii maallaqaa biyyoota alaattii dabarsan qabaachuu hin danda'an,'' jedhan.












