Masiriitti balaa abiddaa waldaa Koptikiitti mudateen yoo xiqqaate namoonni 41 du’an

Waldaa balaan abiddaa mudate

Madda suuraa, Getty Images

Waldaa Koptikii Abu Sifin kan magaala Giizaa keessatti argamutti balaa abiddaa tasa mudateen yoo xiqqaate namoonni 41 du'uu anga'oonni Rooyitarsitti himan.

Balaan abiddaa kun maddi isaa sarara elektirikii yoo ta'u, yeroo balaan kun uumamutti namoonni 5,000 waldicha keessaa waaqeffataa turan jedhame.

Maddoonni akka jedhanitti, balaan abiddaa mudate karaa ittiin namni bahu cufuun namoonni osoo baqatanuu walirra ijjachuu irraa kan ka'e lubbuun namootaa darbeera.

Namoota du'an keesaa harki caalan ijoollee akka ta'antu himama. Namoonni miidhamanis akkasuma hedduudha.

Tajaajilli ittisa balaa abiddaa biyyattii ammoo abiddi kun to'annoo jala ooluu ibsee jira.

Haata'u garuu, sababni balaa abiddaa kanaa sirriin maal akka ta'e hin baramne.

Namoota waldicha keessa turan keessaa tokko kan ta'e Yaasir Muniir, "Namoonni gamoo sadaffaa fi lammaaffaa irratti walitti qabamanii turan. Abiddi ammoo gamoo lamaffaa irraa ka'e."

Sana booda namoonni gamoo irraa b'uuf yeroo jedhan walirratti kukkufuu eegalan," jechuun Rooyitarsitti hime.

Qaamolee nageenyaa

Madda suuraa, Reuters

Itti dabaluunis, "Sana booda dhohiinsa fi abiddi karaa foddaa osoo bahuu argine" jedha.

Innii fi intalli isaa waldicha keessa lafa waan turaniif miliquu akka danda'an dubbata Yaasir.

Pirezidaantin Masirii Abdul Fattah al-Siisin, namoota osoo mana Waaqayyoo keessa kadhannaarra jiranii lubbuun isaanii darbeef gaddi guddaan akka itti dhagahamuu fi maatiwwan isaanif jajjabina hawwaniiru.

Wajjirri Qorannoo Yakkaa sababa balaa kanaa qorachuuf garee qorannoo gara bakka balaan abiddaa itti mudateetti erguu beeksiseera.

Bakki balaan kun itti mudate Giizan qarqara laga Naayilitti kan argamtu yoo taatu magaala Guddoo biyyattii Kaayirootti baay'ee dhiyoodha.

Masarii keessatti amantoonni Kiristaanaa Koptikii ta'an lammiilee biyyattii miliyeena 103 keessaa dhibbaantaa 10 qofaadha.