Gaaffilee shan ogeeyyii saayinsiifi teekinooloojii dubartoota Itoophiyaa jahaaf dhiyaatan

Saayintistoota
Ibsa waa'ee suuraa, Dr Sosinnaa Hayilee, Betaliheem Dassee, Dr Ruut Dirribaa, Birhaan Taayyee, Beetaliheem Laaqawiifi Hilliinaa Hayiluu

Bara haaraa Itoophiyaa 2015 sababeeffachuun dubartoota jaha damee gara garaa irratti bobba'aniif gaaffii shan gaaffanneerra.

1. Dr. Soosinnaa Hayilee

Dr Sosinnaa Haayilee

Madda suuraa, ANNETTE PATKO

Dr. Soosinnaa Hayilee Ameerikaa bulchiinsa Elinoyiitti kan argamu Yuunivarsiitii North West Minister tti pirofeesara mateeriyaal saayinsii fi keemistiidha.

Bara 2014 ALI tti wantoota ogummaa keetin waanti si ajaa’ibsiise kamiidha? Maalif?

Hojiin koo saayinsii ijinarii wajjin walqabata. Xiyyaaffannoon koo ijoon ammoo daddabsarsawwan anniisaa elektiroo keemikaal. Hojii kootti waanti baay’ee na ajaa’ibe Hidha Haaromsaa Guddicha Itoophiyaati.

Seenaa Ameerikaan ilma namaa ji’atti ergite wajjin wal fakkaata. Hidha kana ji’a irra bahu irraa adda kan godhu jijjiirama haala qilleensaa osoo hin hammeessin Gaanfa Afrikaatti namoota milyeena heddu hiyyummaa anniisaa keessaa baasuu isaati.

Bara 2014 tti wantoota hojjatte keessaa milkaa’ina guddaadha kan jettu maalidha?

Milkaa’inni koo guddaan Ameerikaatti maallaqa kutaa inarjii irraa ramadeem “Energy Frontiers Research Centre” hundeessuu kooti. Hojiin keenya hayidiroojiinin wantoota jajjaboo wajjin walitti dhufeenya inni qabu qorachuun hubannoo addunyaa cimsuudha.

Waggoota 4’f bajata doolaaara miliyeena 10 arganneerra. Qorannoon keenya anniisaa elektirikaalaa fayyadamuun bishaan adda baasun hayidiroojiinii omishuudhaf bu’uura kaa’udha.

Bara 2015’f maal karoositee jirta?

Karoorri koo baay’edha! Yeroon jiru baay’ee gabaadha. Karoora koo galma qabatamaa maalee cal-jedheetuma yoon hime kufaatitti geessuu mala. Anii fi gareen koo anniisaa elektirikaa fayyadamuun bishaan adda baasnee hayidiroojiinii omishuuf wantoota danqaa ta’an fuduudha karoorri keenya.

Akuma Hidha Guddicha Itoophiyaa jechuudha. Humna ibsaa maddoota kaarboonii irraa bilisa ta’an irraa maddisiisudha yaanni isaa. Elektirikii booda irra itti fayyadamuuf hayidiroojiinii omishuun murteesadha.

Bara 2014 kitaabota dubbistee jaalattee fi namni osoo dubbisee jettu keessaa sadi kam fa’i?

Lakki homaa hin qabu. Kitaaba Daani’eel Kaahinman “Thinking, Fast and Slow” jedhu dubbisuuf yaalee barbaadee garuu yeroo argadhee hin jalqabne.

2. Beetaliheem Dassee

Beetaliheem Dasee

Madda suuraa, MIKIYAS MELESE

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Betelem Dassee Hoji Gaggeessituu “Ayekog Any One can Code” fi saayinstistii kompiitaraati.

Bara 2014 ALI tti ogummaa keetin wantoota hojjataman keessaa waanti si ajaa’ibe mailidha? Maalif?

Artifishaal intelijansii jechoota fi himoota gara suuratti jijjiirutu baay’ee na dinqa. Dorgommii Artifishaan Intelijansii (AI) mo’atee jira. Kuni dhugaa ta’ee gaafan argu, garamitti deemaa jirra gaaffii jedhu natti uuma.

Bara 2014tti wantoota hojjatte keessaa milkaa’ina koo guddaadha kan jettu kamiidha?

Bara 2014tti kitaaba “Rebel Girls” jedhu irratti bahuu kooti. Durii kaasee kitaaba ijoollee irratti mul’achuuf abjuun qaban ture. Kitaaban ani irra jiru kana kubbaa namoonni akka Biilii Ayiliish fi Teeylar Siwiift fa’aatu jira.

Kanaaf namoonni ni bitu, yeroo bitan ammoo isaan waa’ee koo ni baru jechuudha. Hanga ammaatti kitaabichi koppiin miliyeena 5 gurgurameera. Guddinni dhala namaa inni guddaan namoota biro kakaasuudha.

Bara 2015’f maal karoorfatte?

Karoorri koo bara dhufuu abjuun yeroon waggaa 13 irraa kaasee qabu mikaneessudha. Kunis giddu gala kimpiiraraa bakkaa bakatti socho’u qabaachudha. “Dij Track Ethiopia” jedhama. Kunis konteenarii anniisaa soolaritiin hojjatu yoo ta’u magaalota irra naanna’uun koodingii fi roobotiksii barsiisuf kan gargaarudha. Hawwiidhan eegaa kanan jiru isaadha.

Bara 2014 kitaabota dubbistee jaalattee fi namni osoo dubbisee jettu keessaa sadi kam fa’i? Fiilmiwwan osoo ilaalanii jettu sadi kam fa’i?

Kitaabonni osoo dubbisanii jedhu: Shoe Dog, 21 Lessons for the 21st Century, The Thing Around Your Neck yoo ta’an fiilmiwwan akka namoonni ilaalan gorsu ammoo The Gentlemen, Rick and Morty fi Love, Death & Robots dha.

3. Dr. Ruut Dirribaa

Dr Ruut Dirribaa

Madda suuraa, Ruth Diriba

Dr. Ruut gorsituu “Last Mile Health Technical” fi ogeettii fayyaati.

Bara 2014tti gama ogummaa keetin argannoowwan ykn hojiiwwan si ajaa’ibsiise maalidha? Maalif?

Waggoota dhibbaa oliif talaallii dhibee busaa argachuuf yaalin godhamaa ture. Dhiyeenya kana talaallin dhibichaa argamee ifa ta’eera. Talaallichi hanga dhibbeentaa 80 dhibee busaa ittisuu waan danda’uuf du’aatii ijoollee hir’isuuf abdii horee jira. Bara 2014tti kan na ajaa’ibeefi abdii natti hore argannoo kana.

Bara 2014tti wantoota hojjatte keessaa milkaa’ina koo guddaadha kan jettu maalidha?

Milkaa’inni koo guddaan yeroo jalqabaatif ogeeyyii eksteenshinii fayyaatif leenjin dijitaal teekonoolojii kan ittiin kennamu (Blended Learning) dizaayinii fi hojii leenjii isaa keessatti hirmaachuu kooti. Kuni yeroo jalqabaatif eegumsa fayyaa fi “Last Mile Health Technical” dhaan hojiirra oole.

Bara 2015’f maal karoorsitee jirta?

Bara 2015tti akka fedha Waaqayyoo yoo ta’e, hojii fayyaa daa’ima fooyyesu, hojii hawaasa fi ekisteenshinoota fayyaa giddu galeessa godhate hojjachuu irrattan xiyyeeffadha.

Bara 2014tti kitaabota dubbistee jaalattee osoo namoonni dubbisanii jettu sadi kam fa’i? Fiilmiwwan osoo ilaalanii jettu sadi hoo?

Kiraabonni osoo dubbisanii jedhu: Winning with People, The Checklist Manifesto, Our Iceberg is Melting yoo ta’an fiilmiwwan ilaalamuu qabu Fractured, Unforgivable fi Sweet girl dha.

4. Birhaan Taayyee

Birhaan Taayyee

Madda suuraa, Berhan Taye

Birhaan Taayyee qorattuu imaammata teekinolojii fi xinxaaltudha.

Bara 2014tti gama ogummaa keetin argannoowwan ykn hojiiwwan si ajaa’ibsiise maalidha? Maalif?

Ana kan na ajaa’ibu appilikeeshinii DotPlot jedhamuudha. Appiin kun mobaayilii irratti kan fe’amu ta’ee dubartoonni kaansarii harmaa irraa dursanii akka beekanii irraa of eegan kan isaan gargaarudha. Ogeeyyii fayyaa irraa yaanni gaarin erga kennamee booda dubartoota galii gadi aanaa qaban salphaatti dhibee kaansarii harmaa akka ofirraa ittisan isaan gargaara.

Bara 2014tti wantoota hojjatte keessaa milkaa’ina koo guddaadha kan jettu maalidha?

Milkaa’inni bara 2014 inni guddaan osoon dhaabbataadhan sochii qaamaa taasisuu 10km fiiguu danda’uu kooti.

Bara 2015’f maal karoorsitee jirta?

Karoorro koo yeron onlaayinii irratti dabarsu irraa hir’isee namoota wajjin haasa’uu fi yeroo dabarsuudha.

Bara 2014tti kitaabota dubbistee jaalattee osoo namoonni dubbisanii jettu sadi kam fa’i? Fiilmiwwan osoo ilaalanii jettu sadi hoo?

Kitaabnin osoo dubbisanii jedhee yaadu: Do Not Disturb: The Story of a Political Murder and an African Regime Gone Bad fi Seven and a half Lessons about the Brain dha.

5. Beeteliheem Laaqawu

Betaliheem Laaqaw

Madda suuraa, ZOLA STUDIO

Beetelem Laaqawu Hundeessituu Liheem Nutrition, Benu Foods gargaartee kan hundeessitee fi gaggeessituu akkasumas sochii Act for Food Act for Change kan gaggeessituu fi ogeettii nyaataa (nutritionist) dha.

Bara 1014tti ogummaa keetin wargannoo ykn hojii hojjataman keessaa kan si ajaa’ibu maalidha? Maalif?

Itoophiyaa keessatti coomaa qaama namaa keessaa balleessun jalqabeera. Hojiin kun biyya keenya keessa yeroo gabaabatti ni gala jedhee yaadee hin beeku. Baay’edhuma na ajaa’ibe.

Bara 2014 keessa wantoota hojjatte keessaa milkaa’ina koo guddaadha kan jettu maalidha?

Sochii Act for Food Act for Change idil addunyaatti dargaggoota Itoophiyaa bakka bu’uun hojiiwwan garaa garaa hojjataan ture. Bara itti baay’ee milkoofnedha.

Bara 2015’f maal karoorsite?

Liheem sadarkaa xiqqaadhan hojjataa ture. Bara 2014 biiroo kireeffannee hojii jalqabneerra. Biizinasichi erga eegalee tureera; bara 2015tti garuu qaamolee wajjin hojjannu waliin taanee gara kilinikaatti guddisuuf karoora qabna.

Bara 2014 kitaabota dubbiste keessaa kan namni yoo dubbise gaaridha jettu sadi kami? Fiilmiwwan osoo ilaalanii gariidha jettus sadi maqaa dhahi?

Kitaabonnin osoo dubbisanii jedhu: Tinishua Betakiristan, Zero to One, Hikimina be Betachin. Fiilmii baay’ee hin ilaalu. Bakka isaa bakkeewwan osoo ilaalanii jedhu:Aksuum, Laalibalaa fi Muuziyeemii yaadannoo ajjeechaa Jumlaa Ruwaandaa magaala guddoo biyyattii Kiigaalitti argamuudha.

Argannoowwan ykn hojiiwwan saayinsii keessaa kamtu si ajaa’iba? Maalif?

Qorannoon indoskoppii baay’ee na dhiba. Saayinsii wal-xaxaa yoo ta’uu baates, nama tokko qaama isaa osoo hin diigin haala namni sun keessa jiru akka barru nu garaaga. Qorannoo laaboraatoori fi seeliwwan dhiigaa arguu danda’uun bara amma keessa jirru kanaaf argannoo guddaadha.

6. Hilliinaa Hayiluu

Hilliinaa Hayiluu

Madda suuraa, Hellina Hailu

Hilliinaa Hayiluu Ameerikaatti kan argamu University of California tti saayinsii kompiitaraatin digrii sadaffaa barataa jirti.

Bara 2014 keessa wantoota hojjatte keessaa milkaa’ina koo guddaadha kan jettu maalidha?

Argannoowwan bara 2014 keessa na ajaa’ibsiisan keessa tokko sadarkaa qulqullina suuraalee modeelii Artifishaal Intelejansii (AI) dhaan uumamaniidha. Modeeliwwan kunneen bal’inaan fayidaarra oolu. Gama biraan ammoo teekinoolojiin to’annoo gahaa hin qabu yoo ta’e miidhan inni fidu na yaaddessa.

Bara 2014 keessa wantoota hojjatte keessaa milkaa’ina koo guddaadha kan jettu maalidha?

Milkaa’inni koo inni guddaan dhaabbata Association for Computing Machinery tti feloshiippii Computational and Data Science mo’achuu kooti.

Bara 2015 tti maal karoorsite?

UC Barclay University tti baruumsa PhD koo waggaa lammaffaa ittan fufa. Kaayyon koo hiriyoota Afrikaa waliin ta’uun waanta hawaasa gargaaru hojjachuudha.

Bara 2014 kitaabota dubbiste keessaa kan namni yoo dubbise gaaridha jettu sadi kami? Fiilmiwwan osoo ilaalanii gariidha jettus sadi maqaa dhahi?

Kitaabonnin osoo dubbisanii gaaridha jedhu:

All about Love, Race After Technology, Race After Technology fi Shadow King yoo ta’an fiilmiwwan osoo ilaalanii jedhu ammoo Queen of Katwe, US fi Irranyaayee fa’aadha.

Walumaa galatti argannoowwan ykn hojii saayinsii keessaa kamtu si ajaa’ibsiisa? Maalif?

Kalaqa tokko filachuun qaba, kutaalee qaamaa wal'aansa baqaqsanii yaaluutiin kan biraan bakka buusuun akki itti hojjetamu akkaan na ajaayiba. Maaliif kan jedhuuf kun ifadha: Lubbuu dhala namaa baraaruudha.