Motummoonni Gamtomanii (UN) hojii gargaarsa isaa Giddugala Afriikaa adda kute

Hasxaa UN

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Hasxaa UN

Dhaabbata Motummoota Gamtoomanii (UN)tti namni Giddu-gala Afriikaa bakka bu'uun hojjataa ture daa'imman irratti miidhaa qunnamtii saalaa raawwachuun waan irratti bira ga'ameef tajaajilli tola-ooltummaa addaan cite.

Motummoonni Gamtomanii 'Catholic Charity Caritas' waliin ta'udhaan Riippablika Giiddugala Afriikaatti tajaajila tola-ooltummaa kennaa ture.

Kutaan tola-ooltummaa motummichaa akka jedheetti, namni bakka bu'aa 'Catholic Charity Caritas' ta'e, lubni Beeljeem Liik Delifaat, daa'iimman irraan miidhaa qaqqabsiisaa akka turan himannaan irratti dhiyaateera.

Ammattis namtichi aangorraa ka'usaanii ibsameera. Aanga'oonni Giddugala Afriikaafi Beeljiyeem, akkasumas bataskaanni Kaatolikii dhimmicha qorataa jiraachun isaanii himameera.

Abbaan seeraa Giddugala Afriikaatti argaman tokko madda oduu AFP'tti akka himaniitti, lubichi daa'imman irratti miidhaa saalquunnamtii raawwachuu isaaniif himannaan irratti banameera jedhaniiru.

Motummoota Gamtomaniitti kutaan tola-oltummaa (OCHA)n miidhaa quunnamtii saalaafi saamichaa humnaatiif iddoo hin qabnu jedheera.

Dhaabbatichi BBC'tti akka himeetti hanga bu'aan qorannichaa ifa ta'uttiis murteen kun hingeeddaramu.

Lubni Luuk Delifaat kana duras miidhaa quunnamtii saalaatiin himatamanii bara 2012tti itti murtaa'e kan ture ta'u AFP'n gabaaseera.

Kanaanis kan ka'ee waggoota 10'f hojiiwwan daa'immaniifi guddattootaan wal qabatu irraa dhorkamanii turani jedhemeera.

Haata'u malee, bara 2013'tti gara jiddu gala Afriikaatti ergamuun, bara 2015'tti 'Catholic Charity Caritas' keessatti mindeeffame.

Dhaabbanni 'Dignity Foundation' akka jedheetti, lubni kunis kan ramadamee bakka waldaan kaatolikii miidhaa ittisuuf hundeessite irratti.

Lubni kunis kaaba biyyaattiitti bakka Kaagaa Baandoroo jedhamu waggoota lamaaf hojjataniiru. Isaan boodas 'Catholic Charity Caritas' barreessaa mummee ta'uun muudamuu AFP'n gabaaseera. Dhaabni 'Catholic Charity Caritas' himannaa miidhaa quunnamtii saalaa kanaan gaddaniiru.

Baayyee 'nu aarseeras' jedhaniiru. Imaammatawwan daa'imman miidhaa irraa ittisa fooyyeessuuf akka hojjataniis ibsaniiru.