Barattuu Hagaree: Mirga shamarraniidhaaf dhaabachuufan seera baradha

Hagareen barumsa idilee barattu cinaatti rakkinna ishee mudate irraas mala jireenyaa barachaa jirti. Kutaa sadettirraa kaastee uffata namaaf miicuun of gargaaruu kan jalqabde, yeroo ammaa yunvarsiitiitti barnoota idilee barachaa jirtu cinaatti hojii osoo hin tuffatiin hojjechuun of gargaaraa jirti. Barattuu kanaaf harka namaa ilaaluun sirrii miti.