Keeniyaatti malaamaltummaan doolaara mil. 80 saaxilame

Qorattoonni Keeniyaa malaamaltummaa yoo xiqqaate doolaara miliyoona 80 ta'u saaxilan.
Daayirektarri abbaa alangaa uummataa namooti yakka kanaaf itti gaafataman qondaaloota mootummaa olaanoo tokko tokko ni dabalata jechuun BBC tti himaniiru.
Tajaajilli Dargaggootaa Biyyaalessaa malaamaltummaa kanaan waggoota sadii keessatti yeroo lammaffaaf qabameera.
Tajaajilichi dargaggoota leenjisuufi hojii dhabdummaa hir'isuuf ture kan dhaabbate.
Haa ta'u malee kan irraa fayyadamaa jiru namootuma duraan aangoo irra jiranidha sodaan jedhu jira.
Himanichi qarshii seeraan ala gara biyya alaa erguu, jaarmiyaa sobaaf kaffaltii tajaajila hin dhiyaanneef kaffaluu,nagahee miyyi itti hin gaafatamne galchuu faa dabalata.
Akka sakatta'insichi raawwateen ahimata akka jalqaban Daariktarrii Abbaa Alangee Noordiin Hajii BBC tti himaniiru.
Waggaa sadii dura dhimmi malaamaltummaa gara biraa barreessaa Kaabinee tokko hojii akka gadi lakkisu taasiseera.Himanni ammaa kuni qarshii yeroosii harka 10 nin caala.












