How do I... :1واحد
انتخاب واحد
- 1How do I...
- 2Unit 2
- 3Unit 3
- 4Unit 4
- 5Unit 5
- 6Unit 6
- 7Unit 7
- 8Unit 8
- 9Unit 9
- 10Unit 10
- 11Unit 11
- 12Unit 12
- 13Unit 13
- 14Unit 14
- 15Unit 15
- 16Unit 16
- 17Unit 17
- 18Unit 18
- 19Unit 19
- 20Unit 20
- 21Unit 21
- 22Unit 22
- 23Unit 23
- 24Unit 24
- 25Unit 25
- 26Unit 26
- 27Unit 27
- 28Unit 28
- 29Unit 29
- 30Unit 30
- 31Unit 31
- 32Unit 32
- 33Unit 33
- 34Unit 34
- 35Unit 35
- 36Unit 36
- 37Unit 37
- 38Unit 38
- 39Unit 39
- 40Unit 40
جلسه 4
Listen to find out how to talk about your morning routine in English.
Akkaataa Afaan Ingiliziin waantawwan ganama ganama raawwattu ittiin dubbattu hubachuuf caqasi.
تمرین 1
How do I talk about my morning routine?
Jechoota raawwii tartiiba sirrii ta’een tarreesiitii deebiiwwankee mirkaneeffachuuf caqasi.
• get up
• have a shower
• have breakfast
• wake up
Deebiikee mirkaneeffachuuf caqasi. Ittaansuudhaan barreeffama kanaa gad jiru waliin walbira qabii ilaali.

Caalii
Yooyyaa! Gara sagantaa barnootaa How do I…tti baga nagaan dhufte! An Caaliidha. Fiilis naa waliin argama.
Phil
Hello, everybody. Welcome!
Caalii
Kutaa kana keessatti waa’ee wantoota ganama ganama hojjannu ittiin ibsinu ilaalla. Namoota waa’ee waan ganama ganama raawwatanii haasa’an caqasuudhaan haajalqabnu. Hubachuun kan sirakkisu yoo ta’e, hinyaadda’iin, akka hubattuuf gara boodaatti sigargaarra. Ammaaf, hojiin tokko tokkoon isaan raawwatan yeroo kamitti akka ta’e hubachuuf caqasi. Gaaleewwan si gargaaran lama kunooti: ‘get up’ kauu (ciissicharra) akkasumas ‘wake up’ dammaquu.
I wake up at 6 o’clock.
I get up at 7 o’clock.
I have a shower at 7 o’clock.
I have breakfast at 8 o’clock.
Caalii
Tokko-tokkoon hojii yeroo kam akka hojjetan hubattee? Yoo hinhubanne hinyaada’in, gara boodarraa waa’ee tokko tokkoosaanii ni dubbanna. Egaa namni jalqabaa,‘I wake up at…’ jedhe. Sa’aatiisaa hubattee?
Phil
It was 6 o’clock. When you want to say the time, you have to use the word ‘at’ to mention the time. So, for example, I can say ‘I wake up at 5 o’clock’. Let’s practise. Listen and repeat.
I wake up at 6 o’clock.
Caalii
Ittansuudhaan, dubbatichi, ‘I get up at…’ jedhe. Yeroosaa qabattee…? Eeyyee, ‘at 7 o’clock’. Akka ‘wake up’ fi ‘get up’ hiika adda addaa qaban yaadadhu. ‘Wake up’ hirribbarra yeroo dammaqxu wayita ta’u ‘get up’ ammo erga irribarraa dammaqxee booda wayita sirreerraa kaatudha.
Phil
Let’s practise saying the sentence. Listen and repeat.
I get up at 7 o’clock.
Caalii
Baay’ee gaarii, dubbattuun ittaantu ‘she has a shower’ jette. Isa kanaaf sa’aatiisaa hubattee? Ammas sa’aatii 7 ture.
Phil
We use the action word ‘have’ with ‘shower’.
Caalii
Eeyyee, jecha ‘take’ jedhamuufi gocha kan agarsiisu kana shawor gochuu ykn qaama dhiqachuu waliinis fayyadamu dandeenya. ‘Have’ jechi jedhu ammo hojii tokko hojjechaa jiraachuu ykn waan tokko keessa darbaa jiraachuu kan ibsuudha.
Phil
Yes, let’s practise. Listen and repeat.
I have a shower at 7 o’clock.
Caalii
Hojii gaarii! Dubbataan dhumaa ammo inni/ isheen ciree ofii nyaachu dubbate. Wayita ‘have breakfast’ jettu, ‘to eat’ jecuudha; kanaafu kun akkaata itti-faayadama ‘have’ isa biroodha. Fiil, dhugaatiif ‘have’ tti fayyadamuu dandeenyaa?
Phil
You absolutely can. We can use ‘have’ to talk about eating and drinking. So I can say ‘I’m having a sandwich’ and ‘I’m having a coffee’.
Caalii
Jecha akkana haalaan faayda-qabeessa kana. Egaa nuti maaliif hinshaakalle? ‘Have a practice’?
Phil
Yes, let’s practise. Listen and repeat.
I have breakfast at 8’clock.
Caalii
Haa ta’u, nuti waan hanga yoonaatti baranne maaliif hinshaakalle. Mee sa’a meeqatti akka hirribarra damaqnu himuun haa jalqabnu - gaalee hirribarra damaquu agarsiisu sana fayyadamuun. Sa’aatii 8tti jechuu haa shaakallu. Duubarra, walbira qabdee ilaaluuf akka si fayyaduuf deebii Fiil ni dhageessa.
Phil
I wake up at 8 o’clock.
Caalii
Ammammoo gaalee isa sireerraa ka’uu jechuu sanaa haa dubbannu. Sa’a meeqaatti sana gootaa? Boodarra, deebiikee deebii Fiil waliin walbira qabii ilaali.
Phil
I get up at 9 o’clock.
Caalii
Yeroo kanammoo, faayidaawwan garagaraa ‘have’ qabu lama haa shaakallu: inni tokko waan tokko hojjachuu yoo ta’u, inni biraammoo nyaachuu dha. Lamaansaanii ni yaadattaa? Jechoota ‘shower’ shaaworii ykn qaama dhiqachuu fi ‘breakfast’ ciree wajjin walqabatu. Himawwan lamman jechaa akkuma duraanii boodarra deebii Fiil caqasuun deebiikee waliin walbira qabii ilaalii.
Phil
I have a shower at 9 o’clock.
I have breakfast at 9 o’clock.
Caalii
Did you say the same?
Phil
I think you did very well, and I hope you had fun listening to today’s lesson. Now, I’m going to have a coffee.
Caalii
Anille akkasuman godha! Garaagarummaa hiika ‘wake up’ fi ‘get up’ yaadadhu; akkasumas waa’ee yeroo wayita dubbatu ‘at’ fayyadamuu yaadadhu. Turti har’a nuu waliin qabaatteef galatoomi, nagaatti! Goodbye!
Phil
Goodbye!
Learn more!
1. Garaagarummaan 'wake up' fi 'get up' gidduu jiru maali?
'Wake up' namni tokko irribarraa dammaquu ibsuuf kan fayyaduudha. 'Get up' namni tokko erga hirriibaa damaqee booda sireerraa ka’uun guyyaasaa jalqabuu ibsuuf kan fayyaduudha.
Egaa jalqaba sirribarraa erga dammaqne booda siree irraa kaana!
2. Jechi 'have' jedhu, akkuma 'have a shower' fi 'have breakfast' keessa jiruutti hiika walfakkaatu qabaa?
'Have' waa’ee wantota goonuu dubbachuuf kan fayyaduudha.
• have a shower
• have a look
• have a good time
• have a practice
(remember that 'practise' is a verb and 'practice' is a noun)
'Have' waa’ee waantokko nyaachuufi dhuguu dubbachuuf kan fayyaduudha.
• have a meal
• have a sandwich
• have a coffee
• have a drink
3. Yeroo mara 'at' sa’aatii waliinan itti fayyadamaa?
Yeroo mara 'at' sa’aatii wajjin qajeeltootti yeroo himuuf itti fayyadamna. Fakkeenyaaf:
• I get up at seven thirty.
• I have a shower at half past 8.
How do I talk about my morning routine?
4 Questions
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
Help
تمرین
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
Hint
Jechi ‘get’ jedhu, jecha kana waliin ta’uun, waan ol jedhaa ykn ol ka’aa ta’e tokko kan mul’isu ta’a.Question 1 of 4
Help
تمرین
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
Hint
Waa’ee tartiibaa yaadi.Question 2 of 4
Help
تمرین
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
Hint
Waa’ee yeroo ykn sa’aatii qajeeltootti sirri ta’e himuuf jecha kana fayyadamuu qabna.Question 3 of 4
Help
تمرین
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
Hint
Waa’ee nyaacha ciree wayita dubbannu, jecha kana fayyadamuu qabna.Question 4 of 4
Excellent!آفرین! نمره شماBad luck!:
What time do you get up in the morning?
What do you have for breakfast?
Answer these questions and tell us on our Facebook group!
Deebii gaafiiwwan kanneenii garee Feesbookii keenyarratti nutti himi.
Join us for our next episode of How do I…, when we will learn more useful language and practise your listening skills.
Qooqa daran faayida-qabeessa ta’an dabalataa kan keessatti barannuufi dandeettiiwwankee caqasuu kan ittiin shaakaltu sagantaa keenya How do I… ‘n yeroo ittaanu walitti deebina.
واژه های تازه این جلسه
wake up
irrabarraa dammaquuget up
ciisicharraa/ sireerraa ka’uuhave a shower
shaaworii fudhachuu/ qaama dhiqachuuhave breakfast
ciree nyaachuuat 7 o’clock
sa’aatii 7tti