Unit 2:
Select a unit
- 1Essential English Conversation
- 2Unit 2
- 3Unit 3
- 4Unit 4
- 5Unit 5
- 6Unit 6
- 7Unit 7
- 8Unit 8
- 9Unit 9
- 10Unit 10
- 11Unit 11
- 12Unit 12
- 13Unit 13
- 14Unit 14
- 15Unit 15
- 16Unit 16
- 17Unit 17
- 18Unit 18
- 19Unit 19
- 20Unit 20
- 21Unit 21
- 22Unit 22
- 23Unit 23
- 24Unit 24
- 25Unit 25
- 26Unit 26
- 27Unit 27
- 28Unit 28
- 29Unit 29
- 30Unit 30
- 31Unit 31
- 32Unit 32
- 33Unit 33
- 34Unit 34
- 35Unit 35
- 36Unit 36
- 37Unit 37
- 38Unit 38
- 39Unit 39
- 40Unit 40
Session 49
Listen to find out how to decide when to meet someone.
Yeroo/Sa’aatii nama tokko itti argitu akka itti murteessitu hubachuuf caqasi
Activity 1
What time should we meet?
Listen to find out how to decide when to meet someone.
Yeroo/Sa'aatii nama tokko itti argitu akka itti murteessitu hubachuuf caqasi
Listen to the audio and take the quiz. Sagalee kana caqasitii battalee kana fudhadhu.

Firaol
Asham! Barataan Afaan Ingilizii kamiyyuu isa malee baruu kan hindandeenye qooqa barbaachisoo kan isiniif dhiheessu gara 'Essential English Conversation'tti baga nagaan dhufte. Ani Firaoldha. Kutaa kana keessatti, waa’ee karooraafi sagantaalee akkatti dubbattu baratta.
Kiriisiifi Peniin har'a walarguuf murteessaniiru. Sa'aatii mijaatuuf murteessuu barbaadu. Sa'aatii mijatuuf yoo dhageeseef caqasiitii adda baafadhu.
Chris
What time should we meet?
Penny
Seven is good for me.
Chris
That's good for me, too!
Penny
Great! Let's meet then.
Firaol
Hubachuuf yoo si rakkise, hinyaadda'iin; akka irra deebituuf haasawicha addaan qooduun yeroo siif kennina.
Kiriis yeroo kam akka walargu qaban Peniin gaafata. Caqasiitii irradeebi'i.
What time should we meet?
Peniin sa’aatii tokkotti 'seven' ishiif yeroo gaarii 'good' akka ta'e itti himti. Caqasiitii irra deebi'i.
Seven is good for me.
Sa'aatiin tokko 'seven' Kiriisiifillee yeroo gaariidha. Haaluma walfakkaatuun deebii kenna. Torba jechuurra 'that' jedhe; kana jechuunis 'sa'aatii sana' jechuudha. Waliigaluusaa mul'isuuf xumurarratti jecha 'too' itti ida'e.
That's good for me, too!
Firaol
Yoo yeroon sun mijaa'aa hinta'iin, haala negaatiiviitiin deebisuu dandeessa. Kan akkasii dubbachuuf 'not' fayyadamna. Naamusa argisiisuufis yeroo heddu hima 'sorry' jedhuun jalqabna. Caqasiitii irradeebi'i.
Sorry, seven is not good for me.
Sorry, that's not good for me.
Amma sa'aatii haaraa eeruun akka sirra jiru hindagatiin. Kanas gochuuf 'how about' eega jettee booda gaalee yeroo argisiisu kan akka saddeet 'eight', ykn bor ‘tomorrow' jedhu ittaansitee fayyadamu dandeessa.
How about eight?
How about tomorrow?
Xumura haasawichaatti, Peniin 'baay'ee gaarii' booda wal haa arginu jette. Great! Let's meet then.
Great! Let's meet then.
Firaol
Baay'ee gaarii – ammammoo Sofiyaa fi Pool wayita bakka mijaawaa ta’e filatan caqasuudhaan waan hanga yoonaatti baratte mirkaneeffadhu. Yoom walarguuf murteessanii?
Sophie: What time should we meet?
Paul: Two o'clock is good for me.
Sophie: Sorry, that's not good for me. How about at five?
Paul: OK! Let's meet at five!
Pool sa'aatiin 'lama' isaaf gaarii akka ta’e dubbate. Sa'aatin kun ammo Sofiyaadhaaf gaarii miti. Isheenis 'sa'aatiin sun' jechuuf 'that' jette.
Sorry, that's not good for me.
Ittaansuun yeroo itti argamuun mijatuuf himuuf 'at five' jette. Yaada waliigalaa ta’e kennuufillee 'after', 'before', ykn 'around' jechuulle ni dandeessi turte.
How about after five?
How about before seven?
How about around eight?
Firaol
Tole, irradeebinee haayaallu. Himoota Afaan Ingiliziin caqasiitii irradeebi'i.
What time should we meet?
Seven is good for me.
That's good for me, too!
Great! Let's meet then.
Firaol
Baay'ee gaarii! Afaan Ingilizii hagam dansa akka yaadattu haa'ilaallu. Himoota qooqakeetiin caqasiitii Afaan Ingilizii keessatti maal akka ta'an dubbadhu.
Yeroo kam walarginu?
What time should we meet?
Anaaf sa'aatiin tokko gaariidha.
Seven is good for me.
Sun anaafillee gaariidha!
That's good for me, too!
Baayée gaarii! Egaa yeroo sanatti wal haa arginu.
Great! Let's meet then.
Firaol
Misha. Tole amma waa’ee sagantaalee qabdu akkatti dubbattu barteetta. Chrisii waliin sa’aatii tokkotti walarguun akka siif mijatu itti himuun shaakali. Xumura karoorakeerratti 'let's' fayyadamuu hindagatiin.
What time should we meet?
That's good for me, too!
Firaol
Hojii gaarii! Amma namoota waliin yeroo kam akka wal argitu afaan Ingliziin akka itti qindeeffatan barteetta. Hiriyaa tokko barbaaddadhuutii waan nu waliin baratte kana waliin shaakalli. Turtii nu waliin qabaatteef galatoomi. Barnoota dabalataa Essential English Conversation iin yeroo ittaanutti walitti deebina nagaatti! Bye!
Check what you've learned by choosing the correct answer to the question.
Gaafiidhaaf deebii sirrii ta'e filuudhaan wanta hanga yoonaatti baratte mirkaneeffadhu.
Sa’aatii meeqatti wal arginu?
3 Questions
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ድጋፍ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ፍንጭ
Yaada gaafachuuf, gocha gargaartuu kam fayyadamu dandeenya?Question 1 of 3
ድጋፍ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ፍንጭ
Bakka lakkoofsaa jecha kana fayyadamuu dandeenya.Question 2 of 3
ድጋፍ
Activity
Choose the correct answer.
Deebii sirrii ta’e fili.
ፍንጭ
Tuqaalee sirriitti hubadhu.Question 3 of 3
Excellent!Great job!መጥፎ እድል ነጥብ አስመዝግበዋል :
Join us for our next episode of Essential English, when we will learn more useful language and practise your listening skills.
Kutaa barnootaa Afaan Ingilizii Barbaachisoo kan qooqa daran faayida-qabeessa ta’an keessatti barannuufi daandeettiiwwan dhageettiikee ittiin shaakaltutti yeroo itaanu walitti deebina.
Shaakala dabalataaf miseensa garee Feesbookii keenyaa ta'i!
Session Vocabulary
What time should we meet?
Sa’aatii meeqatti wal arginu?Seven is good for me.
Anaaf torba gaariidha.That's good for me, too!
Anaafillee gaariidha.Sorry, that's not good for me.
Dhiifama, sun anaaf gaarii miti.Let's meet then.
Egaa sa’aatii sanatti wal haa arginu.Great!
Baay’ee gaarii!