Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Aadaa dagatamaa jiru dadammaqsuu: Festivaalii Aadaa Goobeefi Shinooyyee
Goobeefi Shinooyyeen aadaa dargaggoonniifi shamarran osoo waqtiin Birraa hin seeniin walitti dacha'anii qe'eefi ganda/magaalaa keessa deemuun itti sirban.
Aadaan amma dagatamaa dhufe kun yeroo shamarraniifi argaggoonnillee bilisaan bahanii sirban waan ta'eef gammachuu addaa isaaniif kenna. Fesivaaliin tokko aadaa kana deebisuuf yaadamee qophaa'eera.