Chaayinaan damee omishaatiin addunyaarratti olaantummaa fudhachuuf hangamtu ishee hafa?

Chaayinaan damee oomishatiin dursummaa akka addunyaatti fudhachuu ganna 30 caalautu na hafa jette

Madda suuraa, QILAI SHEN

Ibsa waa'ee suuraa, Chaayinaan damee oomishatiin dursummaa akka addunyaatti fudhachuu ganna 30 caalautu na hafa jette

Omisha konkolaataafi bilbila moobaayilii omishuun addunyaaf harka sadii keessaa tokko kan dhiyeessitu Chaayinaa, ogeeyyiin damee kanarratti hojjataniin akka ‘’warshaa addunyaatti’’ ilaalamti.

Chaayinaan damee omishaatiin ‘biyya addunyaa dursitu’ ta’uuf yoo xiqqaate ganni 30 akka ishee hafe gorsaan mootummaa biyyattii tokko kora miseensota paartii biyya bulchaa jirurratti dubbate.

Hoggantoonni biyyattii garuu omishalee teeknolojii jajjabaa irratti Chaayinaan ammas Ameerikaarratti hirkachuun isaan yaaddessa.

‘’Dandeettiwwaan bu’uuraa qabaachuu qabnu ammayyuu nu hanqata,’’ jedhu qondaalli biyyattii Mayoo Wii jedhaman.

Qondaalli biyyattii kun, ‘’bu’uurri teeknoolojii ijoon harka qaama biraa jira,’’ jechuun maddiitti, Chaayinaan miidhamuurraa bilisa akka hin taane ibsan Aab Mayoon.

Qondaalli kun kanaan durallee Ministira Indastiriifi Teeknoloojii Odeeffannoo biyyattii ta’uun ganna kudhanitti lakka’aamuuf hojjataa turan.

Chaayinaan omisha warshaalee guddaa qabaattullee, omishni warshaalee keessaa bahu qoodni dinagdee biyyattii keessatti qabu gadi hir’ateera.

Omishni warshaalee biyyattii erga bara 2012 asii xiqqaa ta’ee galmaa’e.

Aab Mayoon, "hammi omshinii warshaalee gumaacha omisha waggaa waliigalaa biyyattii (GDP) keessatti qabu jalqabumarraa qabe saffisaan hir’ate,’’jedhe.

Yaa’ii paartii biyyattii Beejingitti taa’ameerratti haasaa wayita taasisan, omishaaleen indastirii waggoota dhiyoon asitti milkaa’ina guddaa agarsiisullee caalaatti cimuuf jijjirama bu’uura akka barbaachisu kaase.

Chaayinaan ganna shanan dhufan dinagdeen ishee eessa akka gahuu qabu wixinee karoora qabdu ifoomsiteetti.

Biyyattiin guddina teknoolojiiwwan ciccimoo barbaadu Chippii (chip) amma hubannoo namtolchee (Artificial Intelligence) guddisuurratti xiyyeeffatteetti.

Bulchiinsii pirezedant Doonaald Tiraamp jalatti Chaayinaan teeknoloojiiwwan US akka hin arganne irra deddeebiin ugguramaa turte.

Keessattuu kaampanoonni akka Huwaawwee qabiyyeewwaan hojii teeknoloojii ijoo ta’an akka hin arganne ugguramaa turuun kan yaadamatu.

Hoggantoonni Chaayinaan Chippii biyyattii keessatti omishuun xiyyeeffanoo isaanii jalqabaa keessa jira.

Kana malees, karoorri biyyattii dhimmoota tarsimoo biyyattiif ijoo jedhaman torba ilaalcha keessa kan galcheedha.

Dhimmoonni tarsimawaa akka tasgabbii biyyattiif bu’uura ta’aniitti lakka’aaman kun hubannoo nam-tolchee(AI),Koompitaroota yaad-rimee teeknolojii Quwaantamirratti fuulleffatan hojjachuu, teeknoloojii niwuroosaayinsiifi xiyyaarota samii fa’aa of keessaa qabanirratti biyyatti xiyyeeffachuun himameera.