Suuraan ''ofee'' arba 30,000 kunuunsa keessatti akkamiin gargaara

Madda suuraa, ZSL
- Barreessaa, Helen Biriigs
- Gahee, Gabaastuu saayinsii BBC
Eegdotni Zoo suuraa arbaan adunyaa irraa isa baay'ee tahe walitti qabaniiru.
Suuraan kun paarkii ZSL Wiipsneed jedhamu keessatti yeroo arbi taphatu, nyaatuufi bashannanu agarsiisa.
Suuraawwan ''ofee'' 30,000 tahan sagantaa kunuunsaa sanyii arbaa badaa jiru oolchuuf jedhu keessatti fayyadamaniiru.
Qorattootni biyyoota arbi baay'atu bilisaan keessatti walitti bu'insa arbaa fi namaa xiqqeessuuf teeknoloojii haaraa hojjetaa jiru.
Alaasdaayir Deevis paarkii Zoological Society of London (ZSL) keessatti ogeessa teeknoloojii kunuunsaati.
Pirojeektiin hojjechaa jiran arba bosonaa keessa jiraatuufi uummata naannoo isaanii jiraatu Afrikaa fi Eeshiyaa keessa jiraniif hiikaa adda qaba jedhan.
BBCtti akka himetti ''arbi fageenya tahe irratti adda baasuu danda'a. Kana dirree irratti fayyadamuun bineensota keessa keenyee bineensotnii fi hawwaasni waluma cinaa akka jiraatan gochuuf hojjechaa jirra.
''Kuusaan suuraa arbaa kun fageenyatti arba akka adda baasuuf kaameeraa ittiin leenjisuuf gargaara ture. Kaameerichi yeroo arbi itti dhiyaatu, dukkana keessas tahu adda baasuun ergaa dammaqsitu erga.''
Afrikaa fi Eeshiyaatti walitti bu'insi namaa fi arba gidduutti uumamaa jiru jiraachuu arba bosononaaf yaaddoo hamaa uumeera.

Madda suuraa, ZSL
Akkuma lakkoofsi dhala namaa dabalaa adeemuun bakki jireenya bineensotaa badaa adeemaa jira. Kun ammoo akka oomishni badu, qabeenyi miidhamuufi lubbuun darbu taasisuu danda'a.
Hinditti qofa sababa arbi oomishaa fi qe'ee irra miidhaa geessisuuf lubbuun namoota 400 fi arba 100 wagga waggaatti akka darbu gabaafama.
Teeknoloojii haaraan kun dhalli namaa fi bineensotni akka nagaan jiraatan gargaara.

Madda suuraa, ZSL
Paarkiin ZSL haalli kunuunsa akkasii rakkoo deeggarsa maallaqaa jiruun paarkiiwwan UK keessaa rakkoo keessa galchaa akka jiru akeekkachiisa.
Dubbii himaan akkas jedhe. ''Bara 2020 paarkiin ZSL Paawondii miliyoona 20 sababa paarkichi cufamee tureef kasaare. Yeroo banaa turanis humna daawwatu xiqqaa ture.''
Ji'a darbe paarkiin Chester sababa rakkoo maallaqaa koroonaavaayirasiin uumameen hojii kunuunsaa Afrikaa fi Eshiyaa keessaa akka dhaabu beeksiseera.













