Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lola Tigraay: 'Harmeekoo sababa hanqina qorichaan dhabe'
Lola waraanaa ji'a Sadaasaa keessa naannoo Tigraayitti dhalateen, dhaabbileen fayyaa miidhaan irra gahee hojii dhaabuun isaanii gabaafameera.Kanaanis namoonni hedduun rakkoo cimaaf saaxilamaniiru.Biyya Ameerikaa kan jiraatu Mabrihaatuu Hagoos, sababa hanqina qorsaan harmee koo dhabe jechuun BBCtti hime.