Bidiruun gara Italii imalaa turte dhidhimtee lubbuun godaantota 20 darbe

Godaantotni kumaatamni galaana meditiraaniyaanii irraan Awurooppaa galuuf yaalu

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Godaantotni kumaatamni galaana meditiraaniyaanii irraan Awurooppaa galuuf yaalu

Tuniiziyaa qarqara galaana Meditiraaniyaaniitti bidiruun godaantota qabatte dhidhimuun yoo xiqqaate namootni 20 tahan du'an.

Eegdoti galaanarraa Tuniziyaa naannoo magaala Sfax reeffa namoota galaana keessatti dhumanii baasaniiru.

Namootni 20 ammallee kan hin argamne yoo tahu barbaachi itti fufeera.

Namootni shan lubbuun baraaramaniiru. Bidiruun yoo xiqqaate namoota 45 fe'uun biyyoota Afrikaa gammoojjii Sahaaraa gadii keessaa ka'u.

Bidiruun kun humnaan ol feetee osoo deemtu bubbee hamaan mudatee akka dhidhimte dubbii himaan Tika Biyyaalessaa Tuniiziyaa Alii Ayarii APtti himan.

Wagga waggaan godaantotni kumaatamni galaana meditiraaniyaanii irraan Awurooppaa galuuf yaalu. Qarqarri Tuniiziyaa fi Liibiyaa iddoowwan ka'umsaa murteessoo jedhamuun beekamu.

Namootni baay'een rakkoo dinagdee fi jeequmsa irraa kan ka'e biyya gadhiisanii bahu.

Lakkoofsi godaantota Tuniiziyaa irraa bahanii erga 2011 warraaqsi biyyattiiti gaggeeffamuun bulchaan yeroosii Zaayin al-Abidiin Ben Ali aangoo irraa kaafamee as xiqqaachaa dhufeera.

Karaa seeraan alaa Tuniiziyaa irraa gara Awuroopppaa galuun kan bara 2011 isa 2019 ji'oota arfan jalqabaa waliin yeroo wal bira qabamu %150 dabalee ture akka gabaasa Ejensii Baqattoota Mootummoota Gamtoomaniitti.

Ministeerri Dhimma keessaa Tuniiziyaa bara xumurame kana ji'a Amajjii hanga walakkaa Fulbaanaatti karaa seeraan alaa galaana meditiraaniyaanii irraan qaxxaamuruuuf kan turan godaantotni 8,581 tahan gidduutti to'atamaniiru.

Xaaliyaaniin gama Kibbaan godaantota guyya guyyaan dhibbaan lakkaa'aman biyyashee galan simachuun itti ulfaateera.