Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Poopi Firaansiis hoggantoota Sudaan Kibbaa miila dhungatan
Abbaan amantaa ganna 82 Poopi Firaansiis hogganota lamaan miila dhungatanii nagaa akka buusan kadhatan.
"Akka obboleessaatti nagaan akka jiraattan isin kadhadha. Qalbii guutuun gara fuulduraa akka deemnuun isin gaafadha" jedhan.
Poopiin miila namaarratti kufee kadhachuun waan ammaan dura hin baramne.
Lolli pireezidantii Sudaan Kibbaa Salvaa Kiir fi itti aanaa isaanii kan turan Riik Mashaar jidduutti bara 2013 eegale lubbuu namoota 400,000 galaafateera.
Bara darbe waraana dhaabanii nagaa busuuf waliigalanii ture.