Waggaa 1ffaa Abiy Ahimad ilaalchisee namootni BBC'n dubbise jijjiramootaa fi hanqinoota jiru jedhan ibsaniiru.
MM Abiy Ahimed wal qixxummaa sabaa fi sablammootaa fidaa jiru jedhan namootni BBC'n dubbise.
Dimokiraasiin babal'ataa jiraachuus himanii garuu ammas ol'aantummaan seeraa mirkanaa'uu qaba jedhan. Ammas abdiin jira jennee eegaa jirra jedhan.
Namoota bilchaatoo fi uummata jaallattan of cina hiriirsiisuu irratti qaawwi akka jirus kaasu. dabalataan jijjirama siyaasaa malee kan dinagdee hin mul'anne kan jedhanis jiru.