Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Magaalaa sodaa dhohiinsa voolkaanoo keessa jiraattu
Volkaanoon Niyiraagoongoo baha Riippabliika Diimokiraatawaa Koongoo, Paarkii biyyaalessaa Viruungaa keessatti argama. Erga bara 2002 dhohee lubbuu namoota hedduu galaafatee as, Seelistin Mahiindaafi gareen isaa dhaabbiidhaan sochii voolkaanicha hordofu. Ammati akeekkachiifni waan hin jirreef, daawwattoonni garasitti imalan dabaleera.