Itoophiyaan lammilee 274 Saa’ud Arabiyaa irraa gara biyyaatti deebifte

Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen Itoophiyaa 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Itoophiyaatti namoonni haaraa 738 Covid-19 qabaman, 10 du'an

    Itoophiyaan sa'aatii 24 darbanitti namoota 8,355'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee vaayirasichi namoota 738 irratti argamuu ministeerri fayyaa biyyattii ibseera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin biyyattii keessatti qabamanii 66,224 gaheera.

    Gama biraatiin namoonni haaraa kudhan lubbuusaanii kan dhaban yoo ta'u, hamma ammaatti namoonni 1,045 sababa koronaavaayirasiin lubbuusaanii dhabaniiru.

    Sa'aatii 24 darbanitti namoonni 677 vaayirasicharraa kan bayyanatan yoo ta'u, walumaa galatti namoonni 26,665 bayyanataniiru.

    Biyyattiin hamma ammaatti namoota 1,165,647'f qorannoo koronaavaayirasii taasiftee jirti.

    Koronaavaayirasii
  2. Namticha bofa akka maaskiitti fuulatti maratee konkolaataa imaltoota deddeebisu seene

    Bofa

    Madda suuraa, PA MEDIA

    Konkolaataa biyya UK Siwintoon irraa gara Maanchistaritti imaltoota deddeebisu keessatti namtichi tokko Wixata darbe bofa akka maaskitti fuulaan aguuggaate seene.

    Bofti mormaa fi afaan isaatti maramee arguu dubbatu imaltoonni .

    Imaltoota keessa tokko amman bofa harkarra lo’u argutti maaskii hin baratamne haaraa wayii waan haguggate natti fakkaate jette.

    Hooggaanaan geejjiba Maanchister 'bofti maaskii sirnaa fuula haguuguu miti 'jedhani yaada kennan.

    Dubartiin gocha kana konkolaataa keessatti argite ‘ta’ii ajaa’ibaati ‘jette.

    Bofti kun imaltoota biroos hin sodaachifne/hin yaaddessine, namni gochasaatti dallanees hin jiru jette.

    Geejjiba hawaasaarratti ijoollee ganna 11 gadirraan kan hafe maaskii seeraa haguuggachuun biyyatti keessatti dirqamaadha.

    Bofa

    Madda suuraa, PA MEDIA

  3. Jijjiirraan maallaqa haaraa Itoophiyaa har'a waaree booda eegale

    jalqabbii jijjiirraa maallaqaa

    Madda suuraa, Alsan Asaffaa

    Maallaqni haaraan Itoophiyaa kan Wixata darbe Baankiin biyyaalessaa akka jijjiiramu tasa beeksise har'a ifatti jijjiiramuu eegaleera.

    Jijjiirraan kun kan eegale har'a sa'aa booda naannoo sa'aa sagaliitti Baankii Daldala Itoophiyaa damee 'Aaddis Aababaa' jedhamutti ta'uu dubbii himaan baankichaa obbo Alsan Asaffaa BBC'tti himaniiru.

    Jijjiirraan nootti birri kun Baankii Daldalaa Itoophiyatti bakkaa bulchaan baankii biyyoolessaa Dr.Yinnaager Dasee fi Pireezidantiin Baankii Daldalaa Itoophiyaa obbo Abbee Saanoo argamanitti eegale.

    Namni kamuu birrii kuma 10 gadi qabu baankichatti geessee jijjiirrachuu akka danda'us himaniiru.

    Baankiin Biyyoolessaa namoonni birrii kuma 100,000 ol manaa qaban ji'a tokkoo booda tajaajila birrii jijjiiruu kana hin argatanii jedhan.

    Namootni baankii keessaa maallaqa qaban har'aa eegalee maallaqa isa haaraa baafachuu danda'u, kanneen isa durii manaa qaban yoo 10,000 gadi qabaatanis ni jijiiramaaf jedhan.

    Baankiiwwan akka Awaash maallaqa haaraa kana fudhachuu quba akka qaban obbo Alsan himaniiru.

    Jijjiirraan maallaqaa kun ji'oota sadii keessatti akka xumuramu Baankiin Biyyaalessaa ibseera.

  4. Naannoo Beenishaangul Gumuzitti wanti mudate maali?

  5. Pireezidantii duranii Federeeshinii Atleetiksii idila Addunyaa hidhaman

    Laamin Diyaak

    Madda suuraa, Getty Images

    Pireezidantii duranii Federeeshinii Atleetiksii idila Addunyaa Laamiin Diyaak hidhaan waggaa afurii itti murtaa'ee hidhaman.

    Bara 1999-2015'tti Pireezidantii Federshiniichaa ta'uun kan tajaajilan Diyaak, maalammaltummaan himatamanii hooggantoota Faransaayiin qoratamaa bahan.

    Maanguddoon ganna 87 lammii Senegaal kun, malaammaltummaafi yakka maallaqa seeran ala daddabarsuu jedhamuun balleessaa raawwachuun waan mirkanaa'eef hidhaman.

    Diyaak himatni isaanii harki caalu qoricha humna namaa dabalu atleetotni Raashiyaa fudhatan waliin walqabata.

    Maanguddoon kun atleetota qoricha humna namaa laatu fudhachuun dhorkaa ta'e fayyadaman irraa matta'aa fudhataniiru, Olompiika Landan bara 2012 irrattis akka hirmaatan hayyamaniiru jedhaman.

    Badii isaanii kanaafis adabbiin maallaqaa Yuuroo 500,000 irratti murtaa'eera.

    Hoogganoonni Faransaay Diyaak matta'aa Yuuroo miiliyoona sadii fudhachuun atileetota Raashiyaaf dhoksan jechuun waggaa afuriif qorachaa bahan.

    Abbaan seeraa gochi Diyaak ''gatii atleetiksii fi duula dooppiingiirratti gaggeefamu laaffisa'' jedheera.

    Diyaak erga bara 2015 Paaris keesatti manaa akka hin baane ittifamanii jiru.

  6. Poolisooti Keeniyaa uffata danbii ofii ‘akka bitatan itti himame’

    Gareen poolisii Keeniyaa Naayiroobii keessa argaman uffata danbii halluu haaraa qabu keewwachuu qabdu jedhamnaan hanqina dhiyeessii jiraatus bitachaati turan.

    Poolisoonni kunneen uffata danbii kana Wiixata dhufurraa qabee akka uffatan itti himameera.

    Gaazexaaleen biyya keessaa Daily Nation fi Standard jedhaman, warreen uffata danbii isa durii uffatanii hojii deeman deebifamaniiru jedhan.

    Dhimma kanarratti Tajaajilli Poolisii Biyyaalessaa fi Ministeerri Dhimma Keessoo deebii hin keennine.

    Poolisooti kunneen uffatni danbii haaraa akka hin arganneef warreen wayyaa shilingii 5,000nin hodhan bira akka deeman taasifamuu, Deeyilii Neeshin gabaaseera.

    Poolisooti gariin ajaja kana raawwachuuf qarshii ijaa hin qabneef uffaticha hin baqaqsiifanne.

    Uffatni danbii halluu cuquliisa qabu bara 2018tti ture uffata danbii poolisii kan taasifame.

    Maxxansa X irra dabri
    Qabiyyee X hayyamtaa?

    Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

    Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

    Xumura maxxansa X

  7. 'Irreechi baranaa Fulbaana 23 fi Fulbaana 24 kabajama'

  8. Mucaan ganna 13 amantii arrabsite jedhamee hidhamuu UN qeeqe

    Daa'ima hidhame

    Madda suuraa, AFP

    Ejensiin Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii dhimma daa’immanii hordofu UNICEF Naayijeeriyaatti mucaan umriin isaa gannaa 13 Omar Faruuq amantii arrabsuun balleessaan itti muruun ‘na yaaddessa’ jedhe.

    Daa’ima kanatti manni murtii Shariyaa kaaba biyyatti bulchiinsa Kaanoo waggoota kudhaniif hidhamee, hojii humnaas akka hojjatu itti mure.

    Naayijeeriyaatti bakka bu’aan UNICEF Piitar Haawukiins garuu ‘murtoo dogoggoraati, qajeelfama mirga daa’immanii fi haqa daa’imman biyyattis kan sarbu,’’ jedhanii qeeqan.

    Murtoon kun konveenshinii Dhaabbanni Biyyoota Gamtoomanii mirga daa’immanirratti baase - kan Naayijeeriyaan bara 1991tti raggaasifte kan cabsudha jedha UNICEF.

    Kanarraa ka’uun UNICEF qondaaltonni biyyatti atattamaan dhimma daa’ima hidhamee akka irra deebi’anii ilaalan gorsera.

    Kutaaleen biyyaa Naayijeeriyaa gariin, erga biyyattiin gara bulchiinsa siiviilitti 1999tti deebitee kaasee, seera Shariyaa hojiirra oolchaniiru.

  9. Naannoo Affaar daangaa Tigiraayitti poolisiin dargaggoota sadii ajjeese

  10. Itoophiyaan har'a lammilee 274 Sa’ud Arabiyaa gara biyyaatti deebifte

    Godaantota biyyatti deebi'an

    Madda suuraa, Ministry of Foreign Affairs of Ethiopia

    Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa har’a lammileen 274 Sa’ud Arabiyaarraa gara biyyaatti deebifamuu ibse. Lammileen biyyatti deebi'an buufa xiyyaaraa idila- addunyaa Boolee gahaniiru.

    Torban dabre keessas Mootummaan Itoophiyaa, kanfaltiin imala xiyyaaraa mootummaa Sa'udii baaseen, haadholiifi daa'imman 147 tahan biyyatti deebiseera.

    Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan lakkaa'aman jireenya fooyya'aa barbaacha biyyaa bahan, yeroo ammaa manneen hidhaa Sa'uudi Arabiiyaa keessatti guddaa rakkachuu irra deddeebiin himatu.

    BBCn amma dura akka odeeffateetti, Kibba Saawudii naannoo Jiizaan jedhamee beekamu keessa qofa manneetii hidhaa afur keessa, lammiileen Itoophiyaa 16,000 ol hidhamanii akka jiran qonsilaan Itoophiyaa himeera.

    Odeessaalee dhiyeenyatti waa'ee rakkoo lammiilee kanarra gahu illachisuun qixeeffanne asii dubbisaa:

    • Lammilee mana hidhaa Sa’udii keessa jiranirrattti mootummaan maal jedhe?
    • Lammiileen Itoophiyaa kumaatamaan mana hidhaa Sawudiitti rakkataa jiru
  11. Itoophiyaatti bara 2020 keessa buqqaatota biyya keessaa miliyoona 1.8'tu galmaa'e

  12. Namoota loogii bifarratti hundaa'uun taasifamu dhabamsiisuuf qabsaa'an

  13. Shamarreen US poolisiin ajjeefamte beenyaa doolaara mil.12 argatte

    Teeylar

    Madda suuraa, Feesbuukii

    Bulchiinsi Liwiisviil maatii shamarree manashee keessatti poolisiidhaan ajjeefamtee Birowoonaa Teeylar’f beenyaa doolaara miiliyoona 12 kennuuf walii gale.

    Poolisoonni biyyattii sakatta’iinsa gaggeessina jechuun halkan mana Birewoonaa seenanii rasaasa shaniin kan ajjeesan ji’a tokko dura ture.

    Shamarreen umrii waggaa 26 Birewoonaan namoota jibbiinsa sanyummaa hadheeffatanii morman keessaati.

    Abukaatoon maatii Birewoonaa akka jedhanitti beenyaan kun caasaan poolisii jijjiirama agarsiisaa jiraachuu ibsa jedhan.

    Abukaatoon kun beenyaa kana ilaalchisuun bulchaa Liwisviil waliin ibsa kennaniin,’’beenyaan jedhame guddaa ta’ullee maatiin garuu poolisiin ajjeechaa raawwate akka hidhamu fedhu.

    ''Kun jalqabbii ta’us garuu garuu haqa argachuuf tarkaanfii hedduutu hafa’’ jedhan.

  14. Hariiroon Israa'eliifi biyyoota Galoo Galaanaa mallattoo 'barii nageenya Baha Giddu-galeessaati'

  15. Walhimannaa hoggantoota ABO fi yaada Boordii Filannoo

  16. 'Hangan du'utti artii Oromoo hin dhiisu'

  17. Covid-19 addunyaa erga weerare ji'a ja'a guute, eessatti hammaachaa jira?

    Namoota maaskii godhatanii deeman

    Madda suuraa, GETTY IMAGES

    Weerarri koronaavaayirasii addunyaarra tatamsa'uu itti fufeeraa.

    Biyyoota addunyaa 188 keessatti namoota miliyoona 27 ol irratti argamuun isaa mirkanaa'eera.

    Namoonni 900,000 ta'an ammoo dhibee kanaan lubbuu dhabaniiru.

    Erga Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa (WHO) dhibee addunyaa weerare ta'uu labsee ji'a ja'aan boodallee, tatamsa'inni isaa biyyoota baay'ee keessatti daran dabalaa jira.

    Biyyoonni weerara kana gara jalqabaa to'achuun milkaa'anillee deebiyee itti hammaachuutu himama.

    Biyyoota hedduu keessatti jalqaba bara kanaa dandeettin qorachuu gahaan waan hin turreef lakkoofsi sirriin namoota koronaavaayirasiin irratti argamee kan gabaafamee ol ta'us mala.

    Dhukkubni maqaan COVID-19 jedhamu kennameef kun, sirna hargansuu miidhuun, ho'a qaamaafi qufaa gogaan eegala.

    Torban tokkoon booda hafuura nama kuta.

    Dhaabbanni Fayyaa Addunyaas (WHO) koronaavaayiras dhibee 'addunyaa weerare' ykn 'pandemic' jechuun labsuun ni yaadatama.

  18. Hireen dhalataa Itoophiyaa dolaarri kumni 99 jalaa qabamee maal ta'uu danda'a?

  19. UAE'n hojjettoota fayyaaf talaallii Covid-19 kennuuf

    Biyyoonni Arabaa Gamtoomanii (UAE'n) hojjetoota fayyaa dabalatee kanneen adda durummaan dhibee kanaaf saaxilamaniif talaalliin koronaavaayirasii akka kennamuuf hayyama atattamaa kennite.

    Yaaliin sadarkaa sadaffaa talaalliin Chaayinaatti hojjetame UAE keessatti Adoolessa keessa gaggefamuu jalqabame hin xumuramiin jira.

    “Talaallichi gootota adda durummaan balaa vaayirasichaaf ofiisaanii saaxilanii ittisaa jiraniif ni dhiyaata,” jechuun abbaan taayitaa to’annoofi ittisa balaa UAE fuula Tiwiitara isaarratti barreesseera.

    Abbaan taayitaa kun namoota fedhii qaban 31,000 irratti qoratamee talaallichi miidhaa maddee hamaadha jedhame hin qabu jedheera.

    Guutummaa addunyaarratti talaalliiwwan 140 yaalii marsaa duraarratti kan argaman yoo ta’an 20 ol kan ta’an ammo sadarkaa yaala kilinikaarra gahuun dhala namaarrati yaaluun qoratamaa jiru.

    Lakkoofsaan muraasni isaanii ammoo yaalii qorannoo sadarkaa ol-aanaa ykn sadarkaa sadaffaarra kan gahan yoo ta’u, hanga ammaatti talaalliin guutummaan guutuutti mirkanaa’e garuu hin jiru.

    Guutummaa addunyaarratti talaalliiwwan 140 yaalamaa jiru
  20. Talaallii Covid-19 eenyutu jalqaba argata, akkamiin?