Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Itoophiyaa - guyyaa tokkotti namni 100 koronaavaayirasiin qabame

Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 4950f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 100 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksisaniiru.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Kallattiin - ragaa addunyaarratti namoota Covid-19'n qabamaniifi du'an mul'isu

  2. Pireezidantiin Keeniyaa ilmi isaa seera Covid-19 cabsuu beeksise

  3. Keeniyaatti har'a namoota 147 irratti Covid-19'n argame.

    Keeniyaatti har’a sa’aatii 24 keessatti namoota koronaavaayirasiif qorataman 2,831 keessaa namoota 147 irratti vaayirasichi argamuu ministeerri fayyaa biyattii beeksiseera.

    Kanneen har’a Covid-19 irratti argamuun mirkanaa’e keessaa 90 ta'an Naayiroobii keessattidha.

    Biyyattii keessatti namoota 70,172 qorataman keessaa koronaavayirasiin namoota 1,618 irratti argamuu gabaasni ministeerichaa ni mul’isa.

  4. 'Intalli kiyya polotikanyaa miti, maaliif akka ajjeesan hin beeku'

  5. Turiizimii addunyaa bara 1950 asitti kufaatiin hamaa mudachuu mala-UN

    Bara kana keessa turiizimiin akka addunyaatti harka70'n gadi bu’a jedhamaa jira.

    Kun ammoo bara 1950 asitti kufaatii hamaadha akka Dhaabbata Turiizimii Addunyaa Biyyoota Gamtoomanii (UNWTO) tti.

    Dursaan Dhaabbatichaa Zuraab Pololikashvili gaafiifi deebii gaazexaa Jarman Handelsblatti himanitti, guutummaa addunyaarraa namoonni miliyoona 110 ta’an hojii dhabuuf jiru yaaddoo jedhu uumera jedhan.

    Akka sektarri kun kufaa jiru tilmaamni taasifame kun biyyoonni hunduu lammilee biyya alaatii daawwannaa dhufaniif Hagayya booda banu yaada jedhuun.

    Guutummaa Awurooppaatti, kan akka addunyaatti gabaa turiizimiin hundaa al ta’etti, biyyoonni baayyeen daangaa isaanii deebisanii banuu jalqabaniiru.

    Garuu kan giddu-gala bashannanaa ta’an biyyoota Ameerikaa Kibbaa akka Biraazil fa'aatti weerarri hammaachaa deemaa jira. Kanaaf imalli idil-addunyaa yoom akka bakka isaatti deebi'u ifa miti.

  6. Namni aartii gameessi Yonis Abdullaahii eenyu?

  7. Zimbaabweetti guyyaa tokkootti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dachaa oliin dabale

    Zimbaabweetti guyyaa tokkootti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin qabamanii dachaa oliin dabale.

    Biyyattiin kanaa dura namoonni 56 vaayirasichaan qabamu gabaastee turte.

    Guyyaa tokkootti namoonni qabaman gara 132tti ol dabalaniiru.

    Namoonni vaayirasichaan haaraa qabamuun isaanii gabaafame harki caalaan biyyoota ollaa akka Afrikaa Kibbaafi Botuswaanarra wayita gara biyyaatti deebi’an adda fo’amanii tursiifaman.

    Lakkoofsi namoota qabamanii biyyoota biroo wajjin wayita madalaamu gadaanaa ta’us, saffisaan dabala jiraachuu mootummaan biyyatti akeekkachiseera.

  8. Itoophiyaa - guyyaa tokkotti namni 100 koronaavaayirasiin qabame

  9. 'Mootummaan dhiiga mucayyoo kiyyaa haa naa barbaadu'

  10. Maanguddoo ganna 111 koronaavaayirasii irraa bayyaanatan

    Chilii keessatti maanguddoon ganna 111, aadde Ju’aanita Zunigaa nama Covid-19 irraa bayyaanatan kan umuriin guddaa ta’aniiru.

    Naannoo Santiyaago mana kunuunsaa keessa jiraataan keessatti maanguddoon kun akka koronaavayirasii qaban barame.

    Addee Ju’aanaa, weerarrii kun osoo hin eegaliin dura rakkoo hargaansu qabaatanis, vaayirasichaan badaa hin miidhamne ture jechuun hogganaan mana kunuuunsa maanguddootaa kanaa himaniiru.

    “Mallaattoo dhukkubichaa hin qaban ture hi’iinsi qaama isaanis xiqqoo qofa ol ka’e, kun gaariidha,” jechun Mariyaa Paz Sordoo dubbataniiru.

    Dabaluunis Sordoon jiraattotaa manichaarraa adda baafnee qofaatti kutaa biraa galchineeni jedhu.“Bakka itti baran keessa isaan baasuun cimaa ture.”

    Ju’aanitaan mana kunuunsaa maanguddoota kan jiraachuu kan eegalan obboleettiin isaan waliiin jiraachaa turte waggaa ja’a dura erga du’anii booda. Manguddoon bultoo hin dhaabbannee fi ijoolle hin horannee Ju’aanittan Adoolessa dhufu ganna 112 ta’u.

  11. Daandin Qilleensaa Afrikaa Kibbaa hojjetootaaf miindaan kaffalun dhabe jedhe

    Daandiin Qilleensaa Afrikaa Kibbaa hojjetoota isaaf ji'a kana miindaa kaffalu akka hin qabne beeksise.

    Hojjettootni daandii qilleensaa kanaa 5,000 ta'an jalqaba ji'a Caamsaa kanarraa eegalee boqonnaa waggaa kan kaffaltiin miindaa isaaniif hin kaffalamnerra(unpaid leave) jiru.

    Hojjetootni kun ji'aan maallaqni argachuu danda'an kan maallaqa fandii inshuraansii hojiidhabdummaa qofa ta'uu, walitti qabaan yuniyeenii daldalaa sektara Aviyeeshinii biyyattii Rooyitarsiif himaniiru.

    Gara jalqabaa hojjettoota kuma shan ari'achuuf fedhiin kan ture ta'uus mana murtii dhimma hojjetaan(labour court) dhorkame. Amma Dhaabbatichi ol iyyannii akka fudhatu hayyama argateera.

  12. Amma nu gahe, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii inni olaanaa galmaa'e

    Itoophiyaan sa'aa 24 dabre keessa namoota 4950f qorannoo Koroonaavaayiras kan taasiste yogguu tahu, namoota 100 irratti vaayirasichi argamuu Ministirri Fayyaa fi Institiyuutiin Fayyaa Hawaasaa biyyattii beeksisaniiru.

    Kunis erga biyyattiitti vaayirasichi argamuun gabaafamee as lakkoofsa olaanaa galmaawedha.

    Gama kaaniin ammoo dubartiin ganna 70 qorannoo vaayirasii kanaaf samuudni erga fudhatamee booda, bu'aan qorannichaa otoo hin gahin lubbuun isaanii dabreera.

    Boodarra bu'aan qorannoon isaanii wayita bahu vaayirasichi irratti argamuun mirkanaa'eera.

    Kanumaanis biyyattiitti lakkoofsi namoota Covid-19n du'anii torba gaheera.

    Namoota qabamuun isaanii mirkanaa'e keessaa 53 dhiiroota yommuu tahan, 47 ammoo dubartoota.

    Kanneen keessaa 3 qofatu seenaa imala biyya alaa qaba. 35 ammoo namoota amma dura qabamuun isaanii mirkanaa'e waliin tuttuqqaa kan qabanidha.

    Namoonni 62 garuu seenaa imala biyya alaa kan hin qabneefi namoota qabaman waliinis tuttuqqaa kan hin qabnedha jedhameera.

    Kanaanis lakkoofsi namoota waliigalaa biyyattiitti Covid-19n qabamaniis 831 taheera.

    Gama biraatiin, sa'aatii 24 dabre keessa namoonni 10 vaayirasicharraa bayyanachuus beekameera - waliigalattis namoonni 191 Covid-19 irraa bayyanataniiru.

  13. "Duuti galmaa’u kan ammaa si’a 25 caala ture" - Donaald Tiraamp

  14. Namoonni 400 iddoo adda of baasanii turan keessaa miliqan

    Namoonni 400 ta’an iddoo tursiisaa koronaavaayiras Maalaawii magalaa Bilaantiyireetti argamu keessa miliqanii bahan.

    Namoonni miliqan kunneen Afriikaa Kibbaarraa kan garas imalan yoo ta’u, koronaavaayirasiidhaaf qorannoo hin taasisne ture.

    Isteediyeemiin keessaatti addaa bahanii akka turan qophaaye hanqina bishaanii, nyaataa fi mana fincaanii akka qaba qeeqaa turan.

    Mootummaan dhimmicharratti yaada hin kennine.

    Namoonni Afriikaa Kibbaarra galan saddeet koronaavaayirasiidhaan qabamuun isaanii mrkanaahe bakka tursiisaa Kameezaatii miliquunis miidiyaalee biyya keessaan gabaasamee ture.

    Malaawii keessatti namoonni 101 vaayirasichaa yoo qabaman afur immoo du’aniiru.

  15. Poolisiin ajjeechaa Haayimaanot Badhaadhaaf warra shakkaman afur to'ate

  16. Dhukkubsattootni sammuu 1700 tahan dogoggoraan bakka tajaajilaatii baafaman

    Kaaba Weelsitti dhukkubsattootni sammuu 1,700 tahan yeroo weerara koroonaavaayirasii kanatti gidduugala tajaajilaatii baafaman.

    Jalqaba namootni 200 hanga 300 tahan koroonaavaayirasiin qabamaniiru jedhame.

    Haa tahu malee namootni qabaman jedhaman 1694 tahu. Boordiin dhaabbata fayyaa dhukkubsattoota kanneen gargaaruu dogoggoraan akka bahan taasisuu isaan dhiifama gaafateera.

    Amma dhukkubsattoota kanneen qunnamuuf akka hojjechaa jiru ibseera.

    Bakka bu’aan hojii gaggeessaa boordii eegumsa fayyaa Kaaba Weelsi Simoon Diin jedhamu dhukkubsattoota kanneen akka bahan taasisuun waan tahuu hin qabne ture jedhan.

    Uummatni kaaba Weelsi jiraatan hedduun dhukkuba koroonaavaayirasiin faalamaniiru.

    Dubbii himaan boordii fayyaa biyyattii ‘’ dhukkubsataan tokko yeroo isaa malee baafame jechuun dhukkubsataa hedduu horachuu jechuudha’’jedhan.

    Dhukkubsattootni 1,694 dogogoraan bahanis tajaajila dabalataa kanneen isaan barbaachisan ture.

  17. Namni aartii gameessi Yonis Abdullaahii eenyu?

    Sirboota kanneen akka 'Yaa Rabbi na gammachiisi, Oromiyaa bilisoomsi' fi 'Bilisummaan Aannani' jedhaman wallisuuniifi Raadiyoo Moqadiishoorraa yeroo dheeraaf dabarsuun ka beekaman artistiin Oromoo gameessi Yonis Abdullaahii, ''Oromoof waan hedduu gumaachee amma dagatameera,'' jedhu.

    Artisti Yonis amma umuriinsaanii gara waggaa dhuma torbaatamaa keessa jira Finfinnee naannawa Boolee Mikaa'el keessa ijoollee isaanii waliin mana xiqqoo keessa jiraatu.

    Seenaa artistii gameessa kanaa baruufi maal keessa akka jiran hubachuuf BBCn iyyaafateera.

    Guyyaan guyyaadhaa inninuu,

    Ni agarra mee wajjinuu.

    Kee bareedni qaaliinuu

    Na boochise kee amallinuu.

    Obsi mee itti dhiisi,

    Guyyaan fida bariisiisi.

    Magaalaa Dirree Dhawaa, naannoo Qabrijoollee jedhamutti dhalatanii guddatan.

    Haati isaanii ijoollummaatti umurii jahaatti jalaa waan du'aniif, of jiraachisuuf jecha hojiiwwan haalawaa, baaqlaawaa fi daabboo gurguruun tattaafachaa turan.

    Ijoolluummaarraa qabee muuziqaawwan biyyoota Sudaaniifi Hindiif jaalala akka qaban ka dubbatan artistiin kun, ijoollummaatti baandii Afran Qallootti dabalamuu himu.

    Umriinsaanii ganna 16 yogguu gahu, sirba Sudaan Afaan Arabaatiin wallifamee ture, artistii gameessi biraa kan amma lubbuun hin jirre, Abubakar Muusaa waliin tahuun gara Afaan Oromootti hiikan

    Guutummaa seenaa isaanii fi amma maal keessa akka jiran asii dubbisaa https://www.bbc.com/afaanoromoo/oduu-52795444

  18. Naayjeeriyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 qabamanii 'dachaa afur ta’uu mala'

    Qaamni oggeessota fayyaa Naayjeriyaa bakka bu’u, lakkoofsi sirrii namoota koronaavaayirasiin qabamanii kan anga’oonni gabaasan 8,733 irraa harka afuriin akka caalu amana.

    Hogganaan Waldaa Meedikaalaa Naayijeeriyaa Firaansis Faduyile, lakkoofsa anga’ootaan gabaafame akka shakkan BBC’tti himaniiru.

    Kaaba biyyattii bulchiinsa Kaanootti, namootni hedduun sababa hin beekamneen du’uun isaanii, sababa Covid-19 ta’u danda’a sodaan jedhu yaaddoo uumeera. Namootni awwaala qotan lakkoofsa barameen olitti namoota awwaalaa akka jiran himu.

    Humni ajaja pireezdaantiin socho’u du’a kunneen qorachaa jira.

    Wiirtuu To’annoo Dhukkubaa Afrikaa keessa kan hojjatu ogeessi qorannoo vaayirasii Nikaase Nidembii, koronaavayirasiin Kaanoo irraa gara bulchiinsota ollaa jiranitti tatamsa’uu danda’a jedhee akka yaadda’u himeera.

  19. 'Nama du'aa jiru kanaaf ka'umsis xumurris Shaneedha'

  20. Dooniiwwan baqattoota 60 qabatanii imalaa turan to’ataman

    Dooniiwwan afur baqattoota 60 qabatanii imalaa turan qarqara galaanaa Keentitti to’ataman.

    Waajjirri naannichatti argamu akka ibsetti dhiironni 57 fi dubartoonni sadi doonii xixiqqoo bakka Faransaayii fi Ingilaand jiddutti argamu ‘English Channel’ jedhamu cee’aniiru.

    Baqattoonni sunneenis lammiileen biyyoota Iraan, Yeman, Sooriyaa, Itoophiyaa, Afgaanistaan, Eertiraa fi Iraaq akka ta’an ibsaniiru.