Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Waa'ee qoricha Covid19 irraa ariitiin nama bayyanachiisu 'ragaa qabatamaa' qaba - US
Qorichi 'Remdesivir' jedhamu duraan Iboolaa wal'aanuuf fayyadamamaa ture ariitiin Covid19 irraa nama bayyanachiisuu 'ragaa qabatamaa' qaba jette Ameerikaan.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Tamsaasa kallattii har'aa ya obbaafne, Bor walitti deebina
Odeessaalee kutaa kana keessatti midhaassine mara ilaaluuf gara gadii harkisuun ilaaluu dandeessu.
Fayyaan faaya - fayyaa ta'aa!
Amma nu gahe, Ministira Muummee Raashiyaarratti koronaavayirasiin argame
Ministirri Muummee Raashiyaa Mikhaayil Mishustiin koronaavayirasiin qabamuu ibsan.
Aabba Mishustiin hojii kana kan eegalan Fulbaana keessa wayita tahu, hojii biyyattiin weerara kana to'achuuf gootu keessa qooda guddaa nama qabanidha.
TVn Raashiyaa wayita Aabba Mishustiin waa'ee qabamuusaanii Pireezidant Vilaadmiirirri himan agarsiiseera. Gama viidiyoon as dhufanii ''Qorannoon koroonaavaayirasiif taasise, pozatiiva taheera,'' jedha MM kun.
MInistirri Muummee kun Ittaanaan isaanii Andireey Belosoov bakka isaanii bu'uun akka tajaajilan yaada dhiyeessanii, Putiin fudhataniiru. Aabba Mishuustiin amma gara adda of baasutti adeemu.
Raashiyaa keessatti hanga ammaatti namootni 100,000 0l koronaavaayirasiin qabamanii namootni 1073 ammoo du’aniiru.
Weerara kana to’achuuf qajeelfamni sochii dhaabuu biyyatti hanga Caamsaa 11 tti itti fufa jedhameera.
Yaaliin talaalliifi wal'aansa Covid-19 Afrikaa keessa gaggeefamaa jiru maal fakkaata?
Dhaabbati To’annoo Dhukkuba Afrikaa CDC yaaliiwaan wal’aansaa fi talaallii Covid-19’f Afrikaa keessatti gaggeeffamaa jiran ibseera.
Ammattii biyyoota Afrikaa shantamii lama keessatti vaayirasichi kan argame yoo ta’u, namootni 37,000 ol ta’an vaayirasichaan qabamaniiru.
Biyyoota addunyaa waliin madaalamee yeroo ilaalamu Afrikaa keessatti lakkoofsi jiru xiqqaa ta’uu isaa ibsa ogeessota fayyaa Hospitaala Shangihaay waliin CDC’n Afrikaa interneeta irratti kenneen ibsera.
Dr Taji Rajuseen yaaliiwwan hanga ammatti taasifaman akkanaan ibsaniiru:
- Masirii keessatti yaaliin wal’aansaa 13 gaggeefamaa jira. Saayintistoonni biyyattis talaalli irratti yaalii lama gaggeessaa jiru. Dabalataanis gargaarsa nyaata madalaawaa, keessumaa kan akka dammaa irratti hojjeechuuufi yaalii wal’aansa seelii qaamaa dhibee ittisuu irratti Masiriii keessatti hojjatamaa jira.
- Zambiyaa keessatti qoricha ‘hydroxychloroquine’ irratti yaaliin taasifamaa jira.
- Afrikaa Kibbaa qaama yaalii WHO keessa jirti, qorichoota Chloroquine, Interferon, Remdesivir jedhaman irratti yaalii gaggeessa jiru.
- Naayjeeriyaa keessatti wal’aansa barbaacha yaaliin tokko gaggeefamaa jira.
- Tuniziyaan ammoo yaalii tokko gaggeessa jirti.
Dhaabbati CDC Afrikaa aardichaa weerara kana ittisuu keessatti ga’ee qabdu akka guddiftuuf wiirtulee qorannoo adda addaa gaggeessuuf jedha.
Ameerikaatti lakkoofsi hoji-dhabeeyyii miiliyoona 30 gale
Ameerikaatti dameen hojjettootaa lakkoofsa namoota hojii dhabanii dhiyeenyatti gadhiiseen, lakkoofsi haarayaa galmaa'eera.
Torban dabre keessa qofa, namoonni miiliyoona 3.8 hojii hinqabnu jechuun galmaa'aniiru.
Kunis lakkoofsi biyyattiitti namoota hojii hinqabnee, torbanoota jaha keessatti miiliyoona 30 ol taasiseera.
Sababni hojii dhabdummaan kun itti babal'ateef inni duraa - kutaaleen biyyaa tatamsa'inna Covid-19 to'achuuf jecha tarkaanfii sochiilee hawaasaa fi diinagdee daangessan fudhachuu isaaniiti. Kanumaaf jechas jiraattonni daandii gubbaatti bahuun sochiilee diingadee akka bananiif mormiin gaafachaa turan.
Kanaanis kutaaleen biyyaa uggura kaasuun manneen daldalaa akka banaman gochaa jiru.
Ogeeyyiin diinagdee waan tilmaaman, US'tti hoji-dhabdummaan dhuma baatii kanaatti %20 gaha jedhan.
Kunis kufaatii diinagdee 'Great Depression' jedhamuun beekamu jaarraa tokkoon dura mudate bira gahuuf harka 5 duwwaatu hafa.
Waldaan Fannoo Diimaa koronaavaayirasiif Somaaliyaa akeekkachiise
Dhaabbati Fannoo Diimaa Somaaliyaa keessa jiru lakkoofsi namoota koronaavayirasiin qabaman isa jedhame 582 irraa guddaadha jechuun yaaddoo qabu ibseera.
Kan nama yaaddessu Somaaliyaan tatamsa’iina kanaaf qophoftuu miti jedha.
Sababa waldhabdee waggoota soddomaaf tureen kan ka’e tajaajilli eegumsa fayyaa biyyattii dadhabeera.
Hospiitaalootiin hedduu meeshalee barbaachisoo mitii, madda elektirikaa ga’aallee hin qaban.
Jiraattoota magaalaa keessaa walakkaa qofatu tajaajila fayyaa argachuu danda’a; gara baadiyyaa yeroo ilaalamu ammoo %15 qofa.
Oggeessoti fayyaa biyyattii keessatti namootni hedduun du’aa jiru jedhu.
Lammileen Somaaliyaa hedduu vaayirasicha ofirraa ittisuuf wantoota godhaman gochuu hin danda’an, sababiin isaa kaampootii namootaan guutani keessa waan jiraataniifi bishaan qulqulluufi saamunaa argachuu hin danda’ani.
Bakkee tokko tokkotti namootni awwaala qotan, lakkoofsa namoota du’aani waan hedduummateef hojiin nutti bayyatee akka jedhaniis gabaasni jira.
Koree Idil addunyaa Fannoo Diimaatti qondaalli Somaaliyaa, biyyattiitti torban dhufan keessatti namootni koronaavaayirasiin qabaman dabaluu danda’u jedha.
Farreen jarmootaa (disinfectants) Covid-19 irraa nu fayyisuu?
Filannoowwan afran MM Abiy dhiyeessan caalaa wanti fala ta'uu jiraa?
Lakkoofsi namoota Biraazilitti weerara vaayirasiin du'anii wayita dabalaa jirutti pirezedantiin biyyatti miidhaa qaqqabe gadi qabanii ibsan
Biraazilitti namootni koronaavaayirasiin haaraa Roobii qabaman 6,276 ta’utu ibsame.
Namootni 5,500 vaayirasichaan lubbuu dhabaniiru.
Biraaziil lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamanii 79,685 qabaachuun biyyoota Ameerikaa Kibbaa kessaa jalqabarratti argamti.
Pirezidantiin biyyatti Jeer Boolsonaroo miidhaa qaqqabu gadi xiqqeessanii dubbbatu.
Lakkoofsi nama dabalaa 5,500 ol darbee jiru kanatti yaada qabduu? jedhamanii wayita gaafataman, ''Nan gadda, garuu maal akkan raawwadhu barbaaddan?’’ jedhanii deebisan.
Magaalaan Maanuhaas jedhamtu hunda caalaa kan miidhamte yoo taatu, Kantiibaan maagalittii namoota 4,000 ol awwaaluuf jirra jedha.
Koronaavaayirasii akkamiin ofirraa ittisuun danda'ama?
Haati ijjoolleeshee beela'aniifi dhagaa bilcheessite
Haati abbaa warraa malee ijoollee guddiftu ijoolleenshee nyaata nuu bilcheessaa jirti akka jedhaniif dhagaa bilcheessiteefi.
Peeninaa Bahaatii haadha ijoollee saddeeti yoo taatu sababa koronaavaayiras hojii argachuu waan hin dandeenyeef waan nyaatamu hin qabdu.
Haati magaalaa Mombaasaa jiraattu tun hanga ijoolleenshee raftuuf okkotee keessatti bishaanii fi dhagaa buustee jalatti ibidda qabsiiftee.
Ollaanshee 'NTV' akka himteetti yeroo ishee argachuuf gara manashee deemte argite. Achiis miidiyaa hawaasummaarratti waan ollaashee mudate maxxansiteen booda namoonni Aadde Peeninaadhaaf gumaacha nyaataa taasisan.
Haati ijoollee gama moobayilii fi akkaawuntii baankiitii ollaasheetiin banameef irratti deeggarsa maallaqa argatee jirti.
Isheenis deeggarsa taasifameef gammaduudhaan "raajii" arge jetteetti.
Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras- wantoota beekuu qabdan
Laayibeeriyaatti bilbilli ogeeyyii laabraatoorii sakatta'ame
Dhaabbatni Fayyaa Laayibeeriyaa hojjettootni Tika Biyyaalessaa bilbila ogeeyyii laabooraatoorii qorannoo koronaavaayirasii akka sakatta'an affeeree ture jedhame.
Dhaabbati Fayyaa biyyattii kana kan godhe odeeffannoon qorannoo Koronaa miliqee bahaa jira jedhamee miidiyaa biyyattiin waan himameef.
Ogeeyyii samuuda qoratan waabeffachuun oduu miidiyaaleefi miidiyaa hawaasaarratti darbaa jiruun, Pireezidantiin biyyattii Joorji Wiihaan Vaayirasichaan qabameera kan jedhullee ni argama.
Waajirri Pireezidantii Laayibeeriyaa, oduun kun dhara jedhee Pireezidant Wiihaan fayyaa qabu jedheera.
Oduun waayee Wiihaa kan ho'e Ministiroonni Haqaa fi kan odeeffannoo Vaayirasichaan qabamuun erga dubbatameeti.
Hoogganaan Inistitiyuutii Fayyaa Hawaasaa biyyattii Hojjettootni Tikaa bilbila ogeeyyii Laabraatoorii sakkata'uufi jedhamuurratti deeffannoo kennuurraa of qusataniiru.
Haata'u malee eenyummaa dhukkubsatootaa saaxiluurraa of eeguuf wanta tarkaanfii kamuu ni fudhanna jedhaniiru.
'Hojii tola-ooltummaa akka dirqamaatti hojjachuun murteesse' - Obsee Luboo
Uggurri sochii hanga Kaarbanii qilleensatti gadhiifamu xiqqeesse
Biyyoota addunyaa hedduu keessatti uggurri sochiifi hojii tamsa'ina COVID-19 toa'chuuf kaahame hanga Kaarboon qilleensatti gadhiifamuu xiqqeessuu ogeeyyiin himan.
Miidhama lubbuu qabeeyyii bosonaa irraa eegalee hanga faalama qilleensaatti, darbees qulqullina qilleensaatti weerarri COVID-19 dhiibbaa gaarii jedhamu eegumsa naannoorratti fideeraa jedha Ejensiin Annisaa Idila Addunyaa.
Haata'u malee namooti kumoota hedduun lakkaawaman lubbuu isaanii dhabaa waan jiraniif dhibbaa garii kanaan gammaduu hin dandeenyu jedhan hogganaan dhaabbatichaa Faati Birool.
Sababuma uggura sochii kanaan fedhiin boba'aa ykn anniisaa haala kanaan duraa mul'atee hin beekneen gadi bu'eera. Dhaabbatichi bara kana fedhiin boba'aa 6% gadi bu'a jechuun tilmaameera. Kuniis waggoota 70 keessatti isa guddaa ta'uu isaati.
CO2 qilleensa faalus 8% xiqqachuu isaa dhaabbati kun ibseera. Erga bara 2009 CO2 qilleensatti gadhiifamu hangana xiqqaatee hin beeku.
Itoophiyaan namoota 1,408 qorattee, nama tokkorratti COVID-19 argame
Ministeerri Fayyaa Itoophiyaa namoota sa'aatii 24 darbe qorate 1,408 keessaa nama tokkorratti COVID -19 argamuu beeksise.
Dubartiin ganna 45 vaayirasichaan qabamuun mirkanaa'e magaalaa Baahirdaar kan jiran yoo ta'u seenaa imalaa qabaachuun hin beekamne.
Itoophiyaan lakkoofsa namoota qorattuu guyyaa guyyaan dabalaa kan jirtu yoo ta'u, kan har'aa kun isa guddaadha.
Namni haaraan tokkommoo bayyanateera.
Walumaagalatti lakkoofsi namoota COVID 19 qabamanii 131
Afrikaan Kibbaa uggura tamboorra kaa'ame dheeressite
Dhiibba tamboon fayyaarratti qabuuf dhorkamuu qondaalli biyyatti koree to'annoo koronaavaayirasii dursan Dr. Nikoosaazanaa Dilaamiinii Zuumaa himan.
Caamsaa dhufturraa qabee namni tamboo barbaadu bitachuu danda’aa jedhamee kan ture ta'us, mootummaa murtee kana keessa deebi'uun dheeresseera.
Afrikaan Kibbaa weerara koronaavaayirasii to’achuuf labsii sochii nama ugguru baastee turte ji’a dhufurra eegaltee laaffisuufi.
Caamsaa dhufurraa eegalee ispoortii alatti hojjachuun kan eeyyamamu yoo ta’u, hojiiwwan bizinasii cufamaniis deebi’anii banamaa jiru.
Afrikaan Kibbaa Roobii darbe namoota 300 haaraa qabaman adda baasuu beeksifteetti.
Addunyaarratti biyyoota 10 du'a guddaa galmeessan
Addunyaarratti gidduugalli weerara COVID-19 yeroo yeroottii jijjiiramaa dhufeera. Jalqabbii isaa Chaayinaa kan taasise dhibeen kun, booda gara Kibba Awrooppaatti madheefatee achii ammoo amma gara Ameerikaatti hamaateera.
Ofii biyyoota kamtu du'a guddaa galmeesse?
Gaaffii kana akka salphaatti deebisuun ni cima. Sababni isaas biyyootni addunyaa du'a weerara kanaan mudate haalli itti galmeessan gargar ta'uu isaati.
Amma UK'n Ispeeniifi Faransaayiin caaluun addunyaarratti biyya sadaffaa namni hedduun itti du'e taateetti.
Lakkoofsa namoota du'anii sirriitti beekuun dhibuus, akka ragaa Hospitaalli Joon Hopkiins sassaabaa jirutti Ameerikaan lakkoofsa namoota vaayirasichaan qabamaniifi du'aniin addunyaa dursaa jirti. Biyyoota hanga 10 jiran kunooti
- Ameerikaa 61,000
- Xaaliyaan 27,682
- UK 26,166
- Ispeen 24,275
- Faransaay 24,121
- Beeljiyeem 7,501
- Jarman 6,467
- Iraan 5,957
- Nezerlaands 4,727
- Chaayinaa 4,637
Sodaa koronaavaayirasiitiin ibidda mana hidhaa Seeraliyoonitti qabsiifame
Mana hidhaa magaalaa guddoo Seeraliyoon Firiitaawunitti argamu keessatti namnii haaraa hidhamtoota duraa turanitti dabalame mallattoo vaayirasichaa agarsiise.
Sana booda hidhamtoonni mana hidha cabsanii miliquuf yaalaa turan,achumaan ibiddiis itti qabate.
Waardiyaan mana hidhaa kana eegaa ture ajjeefamuun namootni hedduun sababii kanaan madaa’aniiru.
Mana hidhaa namoota 300 tursiisuuf qophaa’ee kana keessatti hidhamtoota 1,000 keessatti hidhame.
Seeraliyoonitti manni murtii dhimmoota yakkaa ilaaluu weerara vaayirasichaa to’achuuf ji’a tokkoo oliif hojii dhaabee ture.
Seeraliyoon namoota 104 koronaavaayirasiin qabaman biyya qabdu yoo taatu, namootni 4 vaayirasichaan du’aaniiru
Miseensonni Paarlaamaa maallaqa ofiif ramadan akka deebisan ajajaman
Manni Murtii Yugaandaa miseensota paarlaamaa biyyattii weerara koronaavaayirasii ittisuuf maallaqa ofiif ramadan akka deebisan ajaje.
Miseensonni paarlaamaa kunneen tokkoon tokkoon isaanii doolaara kuma shan ofiif ramadan.
Kaleessa Pirezidaantiin biyyattii Yuweerii Museveenii miseensota maallaqa ofiif ramadanitti dheekkamanii turan.
Aanga'oonni siyaasaa kunneen sagantaa duula farra covid 19 deggeraa turan.
Manni murtii garuu koreen dhimma kanaaf hundaa'e osoo jiruu miseensonni paarlaamaa kana gochuun sirrii miti jedha.
Pirezidaanti Museveeniin miseensonni kunneen maallaqa fudhatan akka koree dhimma kanaaf hundaa'etti dabarsan gaafatanii turan.
Torbee darbe manni murtii biyyattii miseensonni maallaqa fudhatan akka baasii hin goone yoo gaafatu Afa-yaa'iin paarlaamaa garuu maallaqi dursee akkaawuntii isaaniirra waan galeef hmaa gochuu akka hin dandeenye ibsan.
Yugaandaa keessatti hanga ammaatti namoota 79'tu covid 19'n qabaman.