Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Addunyaarratti namoonni Covid-19 irratti argame miliyoona 2 gale

Akka gabaasa Yunvarsiitii Joon Hopkiinsitti lakkoofsi namoota koronaavaayirasiin irratti argamee miliyoona lama galeera. Garuu lakkoofsi kun kana caaluu mala jedhu ogeessonni. Kanaaf ammoo sababiin, namoonni mallattoon irratti hin mul'atiin ykn mallattoo salphaa qaban waan hin lakkaa'amneef.

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Misirroonni Wuhaan ga’elaaf ariifataa jiru, Wuhaan erga banamtee as misirroonni gaa'elaaf ariifataa jiru

    Jaalalleewwan wal kaadhimmattanii turan waajjiroota galmeefi manneen suuraatti deemaa jiraachuun, giddu-gala Koroonaavaayiras kan turte Wuhaanitti jireenyi idilee deebi’aa jiraachuu isaaf mallattoodha.

    Magaalaan turban 11’f cufamtee turte, Eebla 8 saddeet ture balbalashee kan banatte. Ergasii as jaalalleewwan cidha qopheessuuf yaadanii ji’ootaaf duraa barfate daddafanii wal-fuuchaa jiru.

    ‘‘Fedhiin suuraa ka’uu hedduu dabaleera. Nuti garuu yaaddoo waan qabnuuf misirroo sadii qofa guyyaa tokkotti keessummeessaa jirra, dhukkubichaan dura guyyaatti 16 keessummeessina turre,’’ jechuun abbaan mana suuraa cidhaa tokko miidiyaa biyyattiif himee jira.

  2. Hordofotoota BBC Afaan Oromoo, tamsaasa kallattii Ebla 15, 2020 xumurre

    Gabaasni kallattii keenyaa ar'aa asumarratti xumurameera.

    Bor yeroo walitti deebinu aaga nu yaa dhageessisu.

    Bakka Nagaa Bulaa!!

  3. 'Beelli dhukkubicha caalaa nu sodaachisaa jira'-Hojjettoota hojii guyyuu

  4. Amerikaan namoota miiliyoona 80 ta'aniif maallaqaa kennuuf

    Lammiilee Ameerikaa sababa Koronaavaayirasiin rakkinaaf saaxilamaniif deeggarsa maallaqaa cheekiin kennamuuf irratti maqaan Pireezidant Tiraamp barraa’uufi.

    Kuniis pireezidantii jalqabaa Ameerikaa maqaan isaanii cheekii mootummaan raabsurratti bahe isaan taasiseera.

    Mootummaan Ameerikaa lammiilee biyyattii keessatti sababa weerara Koronaan hojii dhabdoota ta’aniif deeggarsa bayyanachiisu kennuutti jira.

    Ji’a darbe keessa namootni miiliyoona 16 ta’an hojii isaanii dhabaniiru.

    Koongirasiin Ameerikaa ji’a darbe balaa danagdee sababa Vaayirasii kanaan dhalatu dandamachuuf maallaqa doolaara triiliyoona raggaasee ture.

    Maallaqa ramadame kana keessaa namootni miiliyoona 80 ta’an kaffaltiin mata mataan hanga doolaara 1,200 akkaawuntii baankii isaaniitti galii ta’aaf.

    Kanneen lakkoofsa herreega baankii isaanii hin galchiineef ammoo cheekiin maqaan Doonaald Tiraamp irra jiru isaan qaqqaba.

  5. Dureessa addunyaa weerarri koronaavaayirasii caalaa duroomse

    Dureessa addunyaa kanaa kan ta’e abbaan hundeessaafi abbaan qabeenyaa gabaa toora interneetaa Amaazoon, Jeef Bezoos, sababa koronaavaayirasiif yeroo addunyaan karra cufattee jirtu kanatti caalaa soorome.

    Abbaan qabeenyaa kun sababa weerara dhibee kanaatiin galii dabalataa Dolaara Biliyoona 24 sassaabbachuu danda’eera.

    Kana qofaa osoo hin taane gaheen gabaa dhaabbata isaanii guddateeraaf.

    Bezoos dureessa addunyaa kan ta’an qabeenya callaa’e Dolaara Biliyoona 138 qabaachuun.

    Gabaan karaa toora internaataa hedduu dabala dhufuu isaarraan kan ka’es dureessichi namoota kuma hedduun qacaraas jira.

  6. Biyya koronaavaayiras ittisuun milkaa'aa jirtu

  7. Amma nu gahe, Addunyaarratti lakkoofsi namootaa COVID-19’n irratti argamee miiliyoona 2 gahe

    Akka ragaan Johns Hopkins University akeekutti lakkoofsi namoota vaayirasii kanaan qabamanii miiliyoona lama gahee kan du’an ammo 128,000 ol ta’eera.

    Namoota vaayirasii kanaan qabaman keessaa ammoo 600,000 kan ta’an USA keessa jiru.

    Akkaataan qorannoo dhibee kanaa biyyaa biyyatti gargar waan ta’eef lakkoofsi dhugaan namoota vaayirasichaan qabamanii kana caaluu mala jedhamaa jira.

    Vaayirasiin kun addunyaa guutuuttii namoota miliyoona jalqabaa qabuuf ji’oota sadiitti siiqan, miiliyoona lammataa kana qabuuf ammo torbee sadii qofa itti fudhate.

  8. Keeniyaatti lakkoofsi namoota Covid-19 irratti argame 225, kan dandamatan ammoo 53 qaqqabe

    Gabaasa Ministeerri Fayyaa Keeniyaa ar'a baaseen lakkoofsi namoota waliigalaa hanga ammaatti koronavaayrasiin irratti argame 225 yoo qaqqabu, kan dhibee kanarraa dandamatan ammoo 53 gaheera.

    Sa'aatii 24 darban keessa qorannoo 800 irratti taasifame keessaa 9 irratti Covid-19 argame dabalateeti lakkoofsi namootaa waliigaa dhibeen kun irratti argamuun kan gabaafame.

    Gabaasa hanga ar'aa jiruun lammileen biyyattii 10 sababa koronaavaayrasiirraan kan ka'e lubbuu isaanii dhabaniiru.

  9. Iraan meeshaa maagneetawaa Koroonaavaayiras adda baasu argatte, Iraan meeshaa maagneetawaa Koroonaavaayiras fageenya meetira 100 irraa adda baasu argatte

    Humni waraana addaa Iraan (Islamic Revolution Guard Corps ) meeshaa magneetawaa harkatti qabatamuufi nama Koroonaavaayirasiin qabame adda baasu argachuu miidiyaan biyyatti Tasniim jedhamu gabaase.

    Meeshaan kun hanga fageenya meetira 100 irraa nama vaayirasii kanaan qabamee jiru adda baasuu danda’a jedhameera.

    Meeshaan daqiiqaa shan keessatti vaayirasicha adda baasuu danda’ajedhame kun %80 milkaahaddha jedhameera.

    Ogeeyyiin garuu karaan amanamaan vaayirasi kana adda baasuu qorannoo jiidha Afaan ykn Funyaan keessaa fudhatamee Laaboraatooritt ilaalamuudha jedhu.

  10. Gaazexessaa Yaayyasaw Shimallis wabiin akka gadhiifamu 'murtaa'e'

  11. Ekuwaador namoota du'an awwaaluuf rakkachaa jirti

  12. Silxeetti dargaggoon tokko sabababa 'fageenya keessan eegaa’ jedhee gorseef lubbuusaa dhabe

  13. Maanguddoon ganna 116 filannoof sagalee kennan

    Weerarri koronaavaayirasii Kooriyaa Kibbaa yaaddeessus, lammiileen biyyattii sagalee kennurraa hin dhorkine.

    Teessoo seera baastota 300’f nama bakkasaanii bu’u filatu.

    Isaan keessaa dubartiin ganna 116 Lee Yoong-geyuum tiratanii sagalee kennuuf bahan.

    Kibba magaalaa guddoo biyyatti Seyool iddoo Okchiyoon jedhamti nama umriin raaganiidha maanguddoon kun.

    Tamsa’ina koronaavaayirasii xiqqeessuuf namni sagalee kennuuf bahe golgaa funyaaniif afaanii, guwaantii pilaastikaarraa tolfame keewwachuu, hoo’a qaamaas sakatta’amuutu irraa eegama.Lammileen biyyatti miilyoona 44 sagalee kennuu danda’u.

    Tarkaanfii mootummaan weerara dhibichaa to’achuuf fudhatee fi guddinni biyyattis qorruun ajandaa filannichaa turan.

  14. Amma nu gahe, Itoophiyaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamanii 85 gahe

    Sa'aa 24 dabran keessa namoonni 431 vaayirasichaaf qoratamanii namoota sadi irratti vaayirasichi argamuu MInisteerri Fayyaa Itoophiyaa beeksiseera.

    Sadan isaanii dhiirota, jiraattoota magaalaa Finfiinneeti.

    Isaan keessaa namni ganna 43 Ameerikaatti imalee kan deebi’e yoo ta’u, kanneen hafan lamaan namoota biroo wajjin tutuqaa qabaachuu isaanii Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

  15. Afrikaa Kibbaatti hidhamtoonni 49 guyyaa lamatti Covid19 qabaman

    Afrikaa Kibbaatti lakkoofsi namoota mana hidhaatti koroonaavaayirasiin qabaman guyyaa lamatti qofa 49 gaheera.

    Qondaaltonni mana hidhaa 23 tahanillee vaayirasichaan qabamaniiru jedhan dubbii himaan Waajira Tajaajila Mana Hidhaa DCS Singaabaakoo Inxaamaaloon.

    Amma lakkoofsi namoota vaayirasichaan qabamanii 53 gaheeras jedhaniiru.

    Namni jalqaba qabame gaafa Ebla 6 gabaafame, qondaalotni awwaalcha irratti argamanis boodarra vaayirasichaan qabamaniiru..

    Ergasii as qondaalli biraan vaayirasichaan qabamnaan, biyyattiin hidhamtoota jimilaadhaan qorachuu jalqabde.

    Mooraan mana hidhaa kanaas qorichaan qulqulleefamaa akka jiruufi hojjettoonni fayyaas warren vaayirasichaan qabaman hordofaa jedhe jiru jedhe waajirichi.

    Yoo hammaate hospitaalli hidhamtoonni itti yaalaman, nyaataniifi geejibaa qophaa’uu himan.

  16. Biil Geetsi fi haati warraa isaa murtee WHO Tiraamp qeeqan

    Hundeessaan Maayikiroosoofti Biil Geetsii fi haati warraa isaa Meliindaan murtee Tiraamp WHO irraa deeggarsa kutuuf dabarsan "balaafamaadha" jedhan.

    "Addunyaan yeroo kamiyyuu caalaa amma WHO barbaaddi," jedhan 'twitter' irratti.

    Hojiin isaanii tatamsa'ina COVID19 hir'isuudha, isaan hin jiran taanaan dhaabbanni kana hojjetu biraa hin jiru jechuun WHO tumsa qaban ibsaniiru.

    Dhaabbanni isaanii Faawondeeshiniin Geetsi kanneen WHO maallaqa gurguddaan deeggaran keessaa tokkodha.

  17. WHO battala weerarichi mudate maal dalage?

    Koronaavayirasiin dhaabbatichatti ji'a Muddee gabaafame. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa ji'a itti aanuu keessa tarkaanfiwwan kanaa gadii fudhate.

    Amajjii 4: Waa'ee vaayirasichaa yeroo jalqabaaf midiyaa hawaasaarratti '"cluster of pneumonia " jechuun maxxanse

    Amajjii 5: "Namarraa gara nama birootti akka darbu ragaa qabatamaan hin argamne" jechuun odeessaa jalqabaa baase.

    Amajjii 10: Imalaarratti gorsa jalqabaa maxxanse, garuu 'imala idil-addunyaa dhorkuu otoo hin gorsiin'.

    Amajjii 14: Hooggansi garee teekinikaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa dhibichi namarraa gara nama birootti hamma tokko darbu akka danda'u akeeke.

    Amajjii 20: Ogeeyyiin dhaabbatichaa naannichatti argaman 'yeroo gabaabduuf Wuhaan daawwatan'

    Amajjii 22: Daawwannaa Wuhaan booda ibsa kennameen 'Wuhaanitti vaayirasichi namarraa gara namoota birootti darbaa jiraachuun ibsame'

    Amajjii 22-23: Koreen dhaabbatichaa weerarri kun 'yaaddoo fayyaa hawaasaa idil-addunyaa' ta'uu irratti waliigaluu dhaban.

    Amajjii 24: Gorsii imalarratti yeroo 2ffaaf kenname, barri haaraa Chaayinaa dhiyaachuu eeree garuu 'imala dhorkuu irratti homaatuu hin jenne'.

    Amajjii 27: Gorsi imalaarratti kennamu inni sadaffaan maxxanfame. Imalli sadarkaa idila addunyaatti taasifamu otoo hin dhorkamiin, vaayirasichi akka iddoo kaanitti hin tamsaane of eeggannoon akka taasifamu himame.

    Amajjii 28: Qondaltonni olaanoon Dhaabbatichaa daarektara olaanaa dhaabbatichaan durfamu Beejingitti hoogansa Chaayina bira dhaqan.

    Amajjii 30: Vaayiresichi 'yaaddoo fayyaa hawaasaa idil addunyaa ta'uun labsame.

  18. 'Covid19 naannawa Finfinneetti weerara lafaafi ijaarsa seeraan alaa hammeesse'

  19. Ameerikaan WHO irraa deeggarsa kutuu - hogganoonni addunyaa maal jedhu?

    Hogganoonni addunyaa hedduun Donaald Tiraamp deeggarsa maallaqaa WHO adda kutuuf murteessuu isaanii akka gaariitti hin simanne.

    Barreessaa olaanaa UN Antooniyoo Guterees: "Yeroon duubatti deebinee akkamitti vaayirasichi akka dhalatefi sadarkaa addunyaatti akka tamsa'e qoranno jiraachuu qaba, amma garuu yeroo isaa miti, sochii WHO irraa leeccaloo kutuufis yeroo isaa miti" jedhan.

    MM Niwuziilaand Jaasiindaa Ardarni: "Yeroo akka kanaa odeeffannoo walii qooduun barbaachisutti, yeroo gorsi itti hirkachuu dandenyu nu barbaachisutti, WHO sana nuuf gochaa ture. Deeggaruu itti fufna."

    Qondaala Dhimma Alaa Chaayinaa Eliyot Eengil: "Yeroon hammaataa kana keessatti pireezidantiin Ameerikaa siyaasa taphachaa jiru. WHO, Chaayinaa, Mormitoota isaanii, akkasumas warreen isa dura turanitti quba qabaa jiru."

    Tiraamp hoggantoota paartii isaanii Rippablikaan irraa ammoo deeggarsa argachaa jiru.

  20. Jarmanitti bineensota bineensotaaf soruufi

    Kunuunsi/dawoon bineensotaa yeroo aduu Faasikaa kanatti daawwannaaf bakki wal-hin geenye, amma sababa koroonaavaayirasiin gargaarsa gaafachaa jira.

    Daarektarri kunuunsa bineensotaa Kaaba Jarman bineensota muraasa warra kaaniin soruun keenyi hin hafu, lafti kunuunsaa kun itti fufuu waan qabuuf jedhan.

    ''Bineensota kam dursinee akka qallus tarree baafanneerra,’’ jedhan hojjettuun kunuunsa bineensotaa Neeyumenstar Vaareenaa Kaasparii.

    Lafti kunuunsaa Barliin paandaawwan xixiqqoo lakkuu qaba, amma garuu jaalattoonni isaanii onlaayinii qofa isaan ilaaluu danda’u.

    Dubbii himaan lafa kunuunsa kanaa immoo ''paandaawwan kunneen baayyee nama mararu,’’ jechuun dubbataniiru.

    ''Hanga deebisnee bannutti, paandaawwan xixiqqoo akka guddatan hin feenu.’’ Xixiqqoo isaanii namni akka ilaalu barbaanna.

    Kaaspariin furmaati amma qabnu bineensa isa tokko isa kaaniin soruu dha jedhan. Murtoo gaarii miti garuu rakkoo maallaqaa nuu furuu danda’as jedhu.

    Peenguwiiniiwwan qurxummii baayyee sooratu jedhan.

    Yeroo kanatti isaan beelessuu mannaa, du’uu isaanii wayya jedheen yaada.

    Yoo hammaatu immoo bineensa isa tokko isa kaaniin soruun hin hafu.

    Kaaspariin kunuunsi bineensotaa kun waldaa jalatti bula, waldaan immoo maallaqa yeroo muddamaa hin argatu jedhan.

    Kunuunsi bineeldotaa kun waqtii dhufaa jiru kanatti yuroo 175,000 tahu ni dhaba.

    Kunuunsi bineeldotaa Jarman keessa jiran marti mootummaan yuroo miiliyoona 100 akka isaaniif ramadu gaafachaa jru.