Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.

Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi

Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf

Sanadoonni yakkamaa daldalaa saal-qunnamtii Eppistiin akka gadi dhiifaman Tiraamp ajaje

Murtee Kongiresiin Ameerikaa sanadoonni yakkamaa daldalaa saal-qunnamtii Eppistiin akka gadhiifamu murtee murteesse Tiraamp mallatteesse.

Guduunfaa

  • Ameerikaan meeshaa waraanaa doolaara miiliyoona 93 baasu Indiyaatti gurguruuf raggaasifte
  • Filiippins kantiibaa duraanii Chaayinaaf basaaste jechuun hidhaa umrii guutuun adabde
  • Meeshaan mana fincaanii warqee karaat 18 irraa hojjetame doolaraa miliyoona 12.1'tti gurgurame
  • Fakkiin shamarree Yihudii Naaziin hatame maaliif doolaara miiliyoona 236.36'tti gurgurame?Sanadoonni yakkamaa daldalaa saal-qunnamtii Eppistiin akka gadi dhiifaman Tiraamp ajaje
  • Odeeffannoo waktaawaa fuula marsariitii, facebook, Youtube, fi WhatsApp keenya irraa argachuu dandeessu

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Tiraamp kantiibaa Niiw Yoork haaraa filame Zoohraan Maamdaanii waliin wal-arguuf

    Pireezidant Tiraamp kantiibaa Niiw Yoork haaraa filame Zoohraan Maamdaanii waliin Waayit Haawusitti wal-arguufi.

    Arrabsoofi jecha walitti darbachuu yeroo filannoo magaalattii gidduu isaanii adeemaa tureen booda wal-arguuf jechuun isaanii kuni kan dhagahame.

    Namni ganna 34 Zoohraan Maamdaanii Demokiraatik Soshaaliist ofiin jedhu, jalqaba baatii kanaa kantiibaa Niiw Yoork tahuun filame.

    Filannoon dura magaalattiin ala beekamtii guddaa kan hin qabne yoo tahu, amma nama akka biyyaalessaatti maqaan dhahamu taheera.

    Tiraamp ''kantiibaan koministichi'' wal-arguuf akka gaafate himan, walgahiin kuni waajira mootummaa Ovaal Ofiisitti taa'ama.

    Dubbii-himtuun kantiibaa haaraa filame kanaa kantiibaan haaraa filame pireezidantii waliin wal-arguun aadaa dha jette.

    ''Kantiibaan haaraa Pireezidantcha Waashingitanitti yoo argu waa'ee nageenya uummataa, diinagdeen of danda'uufi humna tajaajilaafi dhiyeessii bu'uura jireenyaaf kaffaluu danda'uu, jiraattoonni miiliyoona tokko Niiw Yoork isa filatan irratti mariiyachuuf jedha,'' jette dubbii-himtuun Dooraa Peekeek.

  2. Komiin manneen maree dhimmoota Islaamumma barnoota Gi'iiziif dambii uffannaa irratti qaban maali?

    Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaafi kan naannolees imaammata Ministeerri Barnootaa uffannaa barattoota Musliimaa irratti baase akkasumas naannoo Amaaraa keessatti barnoota Gi'iizii marii malee barattootaf kennamaa jira jechuun mormuun ibsa baasaniiru.

    Manni Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itoophiyaa ibsa baaseen, qajeelfamootni Ministeerri Barnootaa baasee ''kan barattoota Musliimaa uffata amantaa isaanii irratti hundaa'uun qoodu waan ta'eef ni balaaleeffanna'' jedhe

    Tarkaanfiin ministeera barnootaa kun "dhimma amantaa keessa seenuufi mirgoota heeraa kan sarbuudha" jechuun himate manni maree.

    Ibsa dhimma kanaa irraatti miidiyaaleef kenname irratti Pirezidaantiin Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Sheek Hajii Ibraahim Tufaa, ''sarbamni mirga barattoota dubartoota Musliimaa irratti xiyyeeffate hatattamaan dhaabbachuu qaba'' jedhan.

  3. Maatiin Jarman hambaalee seenaa Itoophiyaa waggaa 100 dura fudhatan deebisan

    Hambaalee seenaa 12 maatiin Jarman waggaa 100f kaa'an Itoophiyaaf deebisan.

    Hambaaleen seenaa kunneen bara 1920 keessa ergamaa addaa Jarmanii Firaanz Weeyisiifi haadha warraa isaanii Heegiinin fudhatamee ture Roobii kaleessaa Yunivarsiitii Finfinneef deebifameera.

    Kennaan deebifame kun gonfoo,gaachanaafi fakkii Itoophiyaaf faayidaa seenaa qabudha.

    ''Hambaaleen seenaa kunneen ammallee hidhata waggaa dheeraa biyyoota lamaaniif mallattoo dha,'' jedhan Itoophiyaatti ergamaan addaa Jarman Ferdinaand Voon Weeyhee.

    Hambaalee kunneen kan deebisan yeroo maatiin dippiloomaatii kuni Itoophiyaa turan ilma abbaan isaanii biyyattiitti dhalatan Raamoon Waayisidha.

    Wal-harkaa fuudhinsa kanarratti Ministirri Tuurizimii Salaamaawwiit Kaasaa argamaniiru.

    Maatiin kuni hambaalee kunneen kan deebisuu barbaade, ''miidhagina meeshaalee kunneenii uummata wajjin qooddachuufi aadaafi seenaa dhaloota abbaa koo eeguufi,'' jedhan Raamoon.

    Hambaalee kunneen feetu kennaa ykn bittaa tahuu danda'uu jedhan maatiin.

  4. Ameerikaan meeshaa waraanaa doolaara miiliyoona 93 baasu Indiyaatti gurguruuf raggaasifte

    Ameerikaan meeshaalee waraanaa lama kan doolaara miiliyoona 92.8 baasan, misaayela farra taankiifi meeshaa waraanaa biraa Eksaakaaliibar jedhamu gurguruufakka jirtu ministarri hajaa alaa US ibseera.

    Donaald Tiraampiifi Ministirri Mummee Indiyaa Naareendiraa Moodii Waashingitanitti wal arguun ''michooma waraanaa guddisuuf waliigaluu,'' baatii sagal booda oduun kuni dhagahame.

    Onkololeessa darbe biyyooti lamaan waggoota 10 dhufu keessatti wal-tumsa waraana ittisaa cimsuuf waliigaltee mallatteessaniiru.

    Indiyaan dhiyyeessii meeshaalee waraanaa Raashiyaa irraa bittu yeroo hir'isaa jirtuttiiifi Tiraamp Ameerikaa irraa akka bittu yeroo gorsaa jiranitti gurgurtaan kun raawwataa jira.

    Biyyi Indiyaa meeshaa waraanaa dhiyeessuun sadarkaa duraarra kan jirtu Raashiyaa haa taatus qoodnishee isa bara 2017 %62 ture bara 2023tti gara %34 gad bu'eera, kunis Indiyaan Ameerikaa irraa bituu waan dabalateefi.

  5. Wal dhabdeen gaggeessitoota ABO gidduu hiikamuun tokkummaan filannoo irratti hirmaatuu?

    Hoggantoonni Paartii Adda Bilisummaa Oromoo(ABO) erga gara biyyatti deebi'anii adda ba'aan kan hayyuu duree obbo Daawuud Ibsaa fi garee obbo Araarsoo Biqilaa giddutti araarri taasifamuuf mari'ataa jiru, jedhame tibbana miidiyaa hawaasarratti qoodamaa ture.

    Garee ABO bakka lamatti ba'e giddutti dhuguma mariin eegalame jiraa? Yoo jiraate maal irra irra ga'eera ? kan jedhu irratti BBCn hogganaa Olaanaa ABO keessaa tokko kan ta'an Obbo Qajeelaa Mardaasaa waliin turtii taasiseera.

    Waggoota shanan darbaan erga garagarummaan hoggantoota dhaabichaa gidduutti taasifamee as gama koree hoji raawwachiiftutiinis ta'ee gama jaarsummaaatin yaalii araaraa heddu taasifamaa turuu himan.

    Haa ta'uu malee furmaata waan hin argatiniif gama boordii fillannootti darbuun baatii torbaa oliif yaalamee hanga yoonaa utuu furmaata hin argatin akka jiru obbo Qajeelan kan dubbatan.

    Yaadni furmaataa dhiyaatu garee saanaan (garee ABO obbo Daawud ibsaan hogganamuu jechuu isaaniti) waan fudhatama hin arganneef utuu hin milkaa'in hafe'' jedhan. Gama isaaniin garuu yaada furmaataa dhiyaatu fudhachuuf qophii ta'uu eeran.

  6. Filiippins kantiibaa duraanii Chaayinaaf basaaste jechuun hidhaa umrii guutuun adabde

    Filiippiins kantiibaa duraanii magaalaa xiqqoo biyyattii, Chaayinaaf basaaste jedhamuuniifi wiirtuu daddabarsa seeraan alaa namootaa keessatti qooda qabduun hidhaa umrii gutuun adabamte.

    Gaafa Kamisaa isheefi namooti sadii biroo hidhaa umrii guutuufi doolaara 33,832 adabamaniiru

    Dhimmi Aliis Guwoo yeroo dheeraaf qalbii uummata Filiippins qabatee ture, kunis qondaaloti wiirtuu guddaa ittiin waliindhahuun adeemaa ture magaalaa Baambaan keessatti erga saaxilaniin booda dha.

    Lammiileen Filiippins 800 fi dhalattooti biyya alaa biroo wiirtuu kanarraa baraaraman jaalalaaf gaafatamuu dabalatee mala "pig butchering" jedhamuun gowwomfamuu himan.

    Dubartiin ganna 35 torbanootaaf baqataa turte bara darbe qabamte, himannaa irratti baname hunda haalteetti.

    Dubartii kanarratti himatni dabalataa shan irratti kan ka'e yoo tahu daddabarsi maallaqaa tokko.

    Kanaan dura Chaayinaaf basaasti jedhamuunis himatamtee ture.

  7. Meeshaan mana fincaanii warqee karaat 18 irraa hojjetame doolaraa miliyoona 12.1’tti gurgurame

    Meeshaan mana fincaanii guutummaatti hojjetu mana caalbaasii Soozbayitti doolara miliyoona 12.1’tti gurgurame.

    Meeshaan guutummaatti hojjetu kun warqee karaat 18 irraa miidhaassan.

    Meeshaan kun artistii Xaaliyaanii yaada namaa kakaasuun beekamu Maaworiziyoo Kaatelaaniin hojjetame.

    Artistii kun bara 2024 muuzii pilaastariin keenyan irratti maxxane caalbaasiif dhiheessuun doolaara miiliyoona 6.2 gurgure.

    Hojjetaan kiriiptookaransii Chaayinaa Jaastiin Saan dorgomtoota ja'a mo'achuun muuzii hojii aartii 'komeedii' jedhamtu kana kansaa godhate ture.

    Muuziin pilaastariin keenyan irratti maxxanfame kuni kuduraa gatii qaaliin gurgurame dha.

    Akka gaazexaan Niiw Yoork Taayimis jedhutti guyyaa tokko dura doolaara 0.35 ture kan bitame.

    Bara kana ammoo meeshaa mana fincaanii kiiloogiraamii 101 ulfaatu kan maqaansaa “Ameerikaa” jedhamu kana caalbaasiif dhiheesse.

    “Wanti nyaattu kamuu, laaqana doolaraa 200 ykn “hot dog” doolaraa 2, taanan bu’aan isaa tokko, mana fincaanitti geessita,” jedha

    Aartiin kun qabeenya garmalee kan US keessa jiruutti qoosuuf kan yaadame ta'uu Kaatelaan ibseera.

    Meeshaa qaalii ta’e kana “bakka kabaja hin qabne garuu baay’ee barbaachisaa ta’e” keessa kaa’uun walitti dhufeenya jireenya olaanaa fi hojii bu’uuraa gidduu jiru agarsiisuuf akka dubbateera.

    Caalbaasii kana dura, Pootin qaaliin kun abbaa qabeenyaa maqaan isaa hin ibsamne bira ture. Kaatelaan jalqaba bara 2016 meeshaa akkanaa lama hojjete ture. Tokko yeroo gabaabaaf Muziyeemi Guggenheim Niiw Yoork keessatti agarsiifame ture.

    Yeroo isaan bira ture Muuziyeemiin Guggenheim Tiraampiif liqeessuuf qophii akka ta’an ibsanii turan. Kunis erga Tiraamp aartii ajaa'iba ta’e fakkii Vaan Goog akka liqeessaniif gaafate.

    Meeshan mana fincaanii kun Niiw Yoorki irraa gara Ingilaanditti geeffamee, masaraa Blenheim keessatti yeroo agarsiisaf dhihaate hatame.

  8. Fakkiin shamarree Yihudii Naaziin hatame maaliif doolaara miiliyoona 236.36’tti gurgurame?

    Fakkiin yeroo Holokoostii lubbuu shamarree Yihudii baraarte doolaara miiliyoona 236.4n gurgurame.

    Kunis aartii ammayyaaf gatii garmalee guddaa.

    Garuu fakkiin artistii fi hundeessaa sochii fottoquu Oostiriyaa Gustaav Kiliimtiin kaafame kun maaliif akkas gatii guddaan gurgurame?

    Fakkiin kun kan Elizaabeet Ledereer, intala maatii Viyeenaa keessaatti garmalee dureeyyii ta’anii. Fakkii kana irratti uffata mootii Baha Eeshiyaatiin faayamte turte.

    Gustaav fakkii kanaa waggaa sadiif hojjete, bara 1914 fi 1916 gidduu.

    Fakkiin halluu adda addaa qabu kun jireenya qananii maatiin Ledereer osoo Naaziin Jarman bara 1938 Oostiriyaa hin fudhatin dura jiraachaa turan kan agarsiisudha.

    Yeroos Naaziin aartii maatii kanaa hunda saamtee, suuraa maatii qofa dhiisee. Kan isaan dhiisaniif ammoo “suurichi baay’ee Yihudoota fakkaata” waan ta’eef hatamuufuu hin malu yaada jedhuun.

    Kanaaf fakkiin kun yeroo dheeraaf Galma Biyyaalessaa Kaanaadaa keessa liqiidhaan ture.

    Yeroo Holokoostii kan Yihudoonni miliyoona jaha sirna Naaziin ajjeefaman Elizaabeet of baraaruuf seenaa sobaa midhaaffatte.

    Maatiinshee Yihuuda ta’aniif, artistiin fakkiishee kaase Gustaav abbaakoo jechuun lubbuun oolte.

    Gustaav kan bara 1918 du’e Yihuuda hin turre. Inni waggoota hedduuf fakkii kana irratti hojjechuunis sobashee kana dhugoomse.

    Gargaarsa obboleessa abbaa warraa ishee duraanii kan qondaala Naazii olaanaa ta’e irraa argateen, sanada sobaa hojjechiisuun akka maatii Gustaav taate Naazii amansiistee.

    Sunis hanga bara 1944 dhukkubaan duutetti Viyeenaatti nagaan akka turtu ishee dandeessiseera.

    Fakkiinshee kun qabeenya biliyeenara Leenaard A. Laawudar ture. Leenaard abbaa qabeenya dhaabbilee gurguddaa meeshaa miidhaginaa Estée Laawudar. Innis bara 2025 umrii wagga 92’tti du’aan boqote. Qabeenya doolaara miiliyoona 400 ol ta'e dhiisee.

    Dhaabbanni Sotheby’s kan aartii gaarii, faaya, fi meeshaalee qananii addunyaarraa walitti qabuun daldalan, fakkii kanaa eenyuti akka bite himuu didan.

    Gurgurtaan aartii kanaa, fakkii moodeela Ameerikaa beekamtuu Maariliin Monrooy kan aartii jaarraa 20ffaa keessatti baay’ee qaalii ta’uun rikaardi cabse caala.

    Fakkiin Maariliin kan artistii Aandii Warhooliin kaafame, bara 2022 doolaraa miiliyoona 195 gurgurame ture.

    Fakkiiwwan Gustaav kaase shan caalbaasii Sotheby's kana irratti waliigalatti doolaara miiliyoona 392 gurguramaniiru.

    Kuusaa Lauder keessaa kutaaleen Klimt shan caalbaasii irratti waliigalatti.

  9. Doonaald Tiraamp waraana Sudaan akkan dhaabuuf Mohaammad Bin Saalmaan na gaafate jedhe

    Doonaald Tiraamp waraana Sudaan dhaabuuf hatattamaan akka hojii jalqaban himan.

    Ilmi Mootii Sawudii Mohaammad bin Saalmaan waraanicha dhaabuu keessatti akka isa gargaaraniif gaafateera.

    ''Kabajamoo Ilmi Mootii Sawudii waraana Sudaan kana irratti waan guddaa tokko akkan hojjedhu barbaadu. Kana dura waraanicha dhaabuuf karoora koo keessatti hin qabanne ture'' jedhe Tiraamp.

    Ilma Mootii sawudii yeroo Waashingitanitti afeeruun waliin mari'atanitti Bin Saalmaan akka Tiraamp gidduugaluun waraanicha dhaabu gaafachuu himan.

    Erga bara 2023 as Humni Waraanaa Sudaanii fi Humni Dafee Dhaqabaa biyyichaa RSF wal waraanaa jiru. Lubbuu kumaatamootaa darbeera.

    "Waan Sudaan keessaa ani akka mootummaan hin jirrettan ilaala. Kana sana waan jettu hin jiru. Biin Saalmaan waan hundaa natti himeera. Irratti hojjechuu jalqabneerra,'' jedhe.

    Tiraamp booda akka miidiyaa hawwaasaa isa airratti maxxanseen Sudaan keessatti haleellaa hamaatu gaggeeffamaa jira. UN fi dhaabbilee deeggarsaa hedduu beela Sudaan mudachaa jiru ibsaniiru.

    ''Biyya lafaa irraa biyya waraanaan akka malee jeeqamee bade taateetti. Nyaanni, hakiimonni fi kaan akka malee isaan barbaachisa,'' jedhe.

  10. Ashamaa! Tamsaasa kallattii keenya eegalleera!

    Odeeffannoo waktaawaa dhimma biyya keessafi idiladdunyaa duuka buunee isin biraan geenya!

    Fuula marsariitii, facebook, Youtube, fi WhatsApp BBC Afaan Oromoo mil'achuu hin dagatinaa.

    Dhiyaadhaa!