Tiraamp waliigaluu yoo dhabde Iraan 'halkan tokkoon' balleessuuf dhaadatan

Pirezidantiin US Donaald Tiraamp Iraan Ulaa Hormuuz cufte akka bantu yeroo kaa'aniif dura waliigalteerra yoo gahuu baatte ''halkan tokkoon'' balleessuuf dhaadatan.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Poop Liyoon doorsisni lammilee nagaa Iraan irratti gaggeeffamu 'fudhatama' hin qabu jedhan

    Poop Liyoo

    Madda suuraa, Getty Images

    Dursnaan Bataskaana kaatolikii addunyaa Poop Liyoo doorsifni kallattiin ummata Iraan irratti taasifamu "fudhatama hin qabu jedhan.

    Yaadni Poop Liyoo kun kan dhaga'ame Tiraamp fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti, Iraan Ulaa Hormuuz deebistee banuurratti walii galteerra kan hin geessu taanaan "halkan kana guutummaan qaroominaa kan du'u ta'a" jechuun barreessuu isaa sa'aatiin boodadha.

    Ofii isaan lammii Ameerikaa kan ta'e Poop Liiyoon, waraana Iraan ilaalchisuun sagalee qeeqaa dhageessisuu daddabalanii dhageessisaa jiru.

    Dursaa Kaatolikii kun Room keessatti rippoortrarootatti akka dubbatanitti, doorsifni har'a ganama ummata Iraan irratti dhaga'ame "dhugaamatti fudhatama kan hin qabnedha" jedhan.

    Itti dabaluunis, ummanni guutummaa addunyaarra jiru namoota siyaasaa bakka isaan bu'an qunnamuun walitti bu'iinsi kun akka dhaabbatuuf dhiibbaa akka godaniif gaafataniiru.

  2. Kuweet lammiileen hundi hanga bor ganamaatti manaa akka hin baane dhaamte

    Lammiileen Kuweet halkan walakkaatii kaasee hanga bor sa'aa 12tti namni manasaatii akka hin baane itti himame.

    Ministeerri Dhimmoota Biyya keessaa ibsa X gubbaa baaseen ''lammiileefi jiraattotni sababa barbaachisaa ta'eef malee manasaanii akka turan ni hubachiifamu'' jedha.

    Murteen kun kan darbe ''nageenya tiksuufi oppireeshinii nageenyaa tumsuuf akkasumas tasgabbii fidduufi'' jedheera.

  3. Ministirri Muummee Paakistaan Tiraamp yeroo Iraaniif kenne akka dheeressu gaafate

    Shehbaaz Sheriif

    Madda suuraa, Reuters

    Ministirri Muummee Paakistaan Shehbaaz Sheriif Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp yeroo Iraaniif kenne torban lamaaf akka dheeressu gaafate. ''Dippiloomasiin hojiisaa akka fixu'' jedhe.

    Iraanis ulaa Hormuuz akka bantu gaafate.

    Yaada X gubbaa barreesseen ''waraana Baha Giddugaleessaatti deemaa jiru dhaabuuf yaaliin gama dippiloomasiin godhamu saffisaa, jabaa fi yeroo gabaa keessatti bu'aa gaarii fiduuf abdachiisaadha'' jedhe.

    ''Dippiloomasiin hojiisaa akka raawwatu, Pirezidant Tiraamp torban lamaan yeroo kenne akka dheeressu kabajaan gaafadha.

    ''Paakistaan, kabajaa guddaadhaan obboloonni keenya Iraanis mariif faara agarsiisuuf jecha Ulaa Hormuuz torban lamaaf akka bantan gaafata.''

    Warri waraana kana keessa jiran marti torban lamaaf dhukaasa akka dhaaban jechuunis gaafatan.

  4. Barreessaa Olaanaan UN dhaadannoo dhagaahamuun ''hedduu rifateera'

    Antooniyoo Gutareez

    Madda suuraa, NurPhoto via Getty Images

    Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Biyyoota Gamtoomanii Antooniyoo Gutareez dhaadannoowwan namoota nagaarratti godhamaniin hedduu rifachuu dubbiihimaan isaa beeksise.

    Dubbii himaan Gutaarez Isteefan Dujaariik maqaa Tiraamp kallattiin hin kaafne. Garuummoo dubbii Tiraamp miidiyaa hawaasaa gubbaa barreessaniin kan walqbate akka ta'e akeekameera.

    Tiraamp Iraan waliin galgala kana waliigalteerra hin gahamu yoo ta'e ''qaroominni jiru guutummaatti dhuma'' jechuun dhaadate.

    Dhaadannoon isaa kun yakka waraanaa ta'uu akka danda'u xiinxaltootni dubbataniiru.

    Dujaarik Gutareez yaada kanaan baayyee rifateera jedhe.

    ''Bu'uura misoomaa uummata nagaa guutummaatti mancaasuuf galmi waraanaa fudhatama qabu hin jiru. Uummata nagaarratti ta'e jedhanii dararaa raawwachuun fudhatama hin qabu jedhe.

    Gutareez ''wayita hoogganoonni mancaatiirra waliin dubbachuu filatan'' waraanni xumura argata jedhanii akka amanu dubbate. Filannoon kun ammas akka hojjetu dubbate.

  5. Sa'aatiin Tiraamp Iraaniif kenne qaqqabaa jira, Tehraan garuu har'a maal fakkaatti?

    Tiraamp Iraan irratti haleellaa hamaa ''qaroomina mancaasudha'' jedhee ibse raawwachuuf sa'aatiiwwan wayita hafanittis guyyaa har'aa Teehraan bakka adda addaa haleellaawwan hedduun raawwatamaniiru.

    Suuraawwan muraasni kunoo:

    Nama gamoo jijjigaa keessa dhaabatu

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Gamoo jijjige keessa alaabaa Iraan

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Hojjetoota lubbuu baraarsaa

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

  6. Raashiyaafi Chaayinaan wixinee ulaa Hormuuz bansiisuuf UN dhiyaate sagaleen kuffisan

    Walfagii UN

    Madda suuraa, Reuters

    Raashiyaa fi Chaayinaan Ulaa Hormuuz bansiisuuf wixinee biyyootni Galoo Galaanaa Mana Maree Nageenyaa Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniif dhiyeessan aangoo sagalee kenname kufaa gochuuf qaban fayyadamuun fudhatama dhabsiisan.

    Wixinee kana biyyoota miseensa mana marichaa ta'an 15 keessaa 11 deeggaruun lama ammoo callisuun sagalee kan irratti kennan ture. Chaayinaafi Raashiyaan garuu guutummaatti kufaa akak ta'u sagalee isaanii kennan.

    Wixineen kun jalqaba hanga humna waraanaa fayyadamuun ulaa kana bansiisuurratti kan xiyyeeffate ture. Marii torbanootaa booda aangoon ulaa kana bansiisuuf hojiirra oolu xiqqaa akka ta'u murtaa'ee gara UN dhufe.

    Wixineen kun ammas balaa ofirraa qolachuu akka mirgaatti kaahuun dhiyaate.

    Ministirri Haajaa Alaa Baahireen Abdullaaxiif bin Rashiid Al Zayaanii walgahii kana gaggeessaa ture.

    Wayita walgahicha eegalu wixineen kun naannichatti haala adda ta'e uumuuf osoo hin jiru dhugaa jirurratti hundaa'uun hammeenya Iraan irraa irra deddeebiin mudatuuf deebiirratti xiyyeeffate jedheera.

    Manni Marichaa ulaa galaanaa naannoo sana jiru akka meeshaa waraanaatti fayyadamuurratti tarkaanfii fudhachuu dhabuun addunyaaf balaa qaba jedheera. gochaan Iraan kun ulaawwan galaanaa kaan irrattis akka raawwatamu fakkeenya ta'uun addunyaa gara bosonaatti jijiira jedhe.

    Chaayinaan ammatti biyyoota karaa ulaa kanaa fayyadamaa jirtu keessaa tokko. Raashiyaan ammoo sababa ulaa kanaa boba'aasheerratti uggurri kaahame laafuu akka carraatti fayyadamaa jirti.

  7. Netaaniyaahuun daandii baaburaafi riqichoota Iraan haleelle jedhe

    Benjamiin Netaaniyaahuu

    Madda suuraa, RONEN ZVULUN/POOL/EPA/Shutterstock

    Ministirri Muummee Israa'el Benjamiin Netaaniyaahuu humni waraanaa isaanii daandiiwwan baaburaafii riqichoota Iraan haleeluu hime.

    Yaada X gubbaa qoodeen kaleessa sirna geejiba qilleensaafi helikooptaroota hedduu mancaafne'' jedhe.

    ''Har'a daandiiwwan baaburaafi riqichoota Eegdonni Warraaqsaa itti fayyadaman haleelle.''

    Humni Ittisaa Israa'el ammoo haleellaawwan kunniin Tehraan, Karaaj, Tabriiz, Kashaan fi Qoom fa'itti raawwatan jedheera.

  8. Morkii Riyaal Maadriidifi Baayer Muunik yeroo 28 darbeen eenyutu milkii guddaa qaba?

    Leenjistoota Maadriidiifi Muunik

    Madda suuraa, Getty Images

    Riyaal Maadriidiifi Baayer Muunik dirree Awurooppaa irratti gareelee yeroo hedduu walitti dhufanii morkataniidha. Yeroo 28 Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaarratti walitti dhufaniiru. Kana keessaa yeroo 26 morkii mo'anii darbuurratti walitti dhufan.

    Bara kana morkii nuusa xumuraarratti walitti dhufuun isaanii akka tapha xumuraatti ilaalameera.

    Haata'umalee Baayer Muuniik morkiiwwan walitti aanan sagal Maadriid waliin godhaniin injifannoo hin arganne. Yeroo torba mo'amee yeroo lama qixxee bahe. Ammoo erga bara 1993 garee kamuu waliin yeroo 10 walitti dhufee h osoo hin mo'atiin hafee hin beeku.

    Gareen lamaan kun seenaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa keessatti gareelee injifannoowwan hedduu galmeessaniidha.

    Maadriid yeroo 309 Muuniik aammoo yeroo 248 mo'ataniiru.

    Gareen lameen kun morkii nuusa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa kanarra gahuun garee kamuu ni caalu. Ammoo Maadriid yeroo 17 nuusa xumuraa gahee gara walakkaa xumuraa ce'uun riikardii gaarii qaba.

    Faallaa kanaan Muuniik yeroo nuusa xumuraa erga gahee booda dorgommichaan ala ta'eera.

  9. US kaayyoo waraanaa milkeessiteetti, akkatti waraanni xumuramu kan murteessu Iraani - Vaans

    Pireezidantiin Ittaanaa Ameerikaa JD Vance Haangarii Budaapeestitti hogganaa biyyattii Viktoor Orbaan wal-arguun booda haasaa taasiseera.

    Ameerikaafi Iraan gidduu waliigaltee raawwachuu irratti odeeffannoo haaraa yoo qabaate gaafatamee ture.

    Deebii kenneenis Ameerikaan ergama waraanaa Iraan keessatti qabdu raawwateetti. Waraanichi akkamiin goolabama kan jedhu Iraantu murteessa, karaan ittiin waraana kana keessaa bahan ''lamatu,'' jira jedhe.

    Tokko ''Iraan biyya idilee shororkeessummaa hin deeggarree tahuun sirna daldalaa addunyaatti makamuu,''

    Inni lammataa, ''Iraan kanatti walii hin galtu taanaan, haalli diinagdee biyyattii akka malee badaa akkuma tahetti itti fufa,'' jedhe.

    JD Vance

    Madda suuraa, AFP

  10. US sarara diimaa ceenaan, deebiin Iraan naannicha kan ce'u ta'a-IRGC

    Eegduun Warraaqsa Islaamaa Iraan (IRGC) ibsa haaraa baaseen haleellaa US Iraan irratti raawwachaa turteef deebii kennuurratti xiyyeeffannoowwan haaloo bahuu filachuurratti hedduu eeggannoo gochaa turree jedhe.

    ''Ammaa eegalee garuu eeggannoowwan kunniin marti boodatti dhiifamu'' jechuusaa miidiyaan biyyaalesssaa Iraan ibseera.

    Humni waraanaa Iraan kun dabaluun waraanni US sarara diimaa yoo ce'e, deebiin keenya naannicha kan ce'u ta'a'' jedheera.

    Dabaluun bu'uuraalee US fi michootashee xiyyeeffachuun dhiyeessii boba'aa naannichaa waggootaaf jeequuf dhaadateera.

  11. 'Qaroominni marti halkan kana burkutaa'a' jedhe Tiraamp

    Doonaald Tiraamp

    Madda suuraa, EPA

    Pirezidantiin US Doonaald Tiraamp Iraan irratti dhaadannoo haaraa dabarseen ''qaroominni marti galgala kana burkutaa'a'' jedhe.

    Yaada Truth Social gubbaa qoodeen ''qaroominni marti galgala kana burkutaa'a, deebi'ee hin dhufu'' jedhe.

    ''Sun akka ta'u hin fedhu, garuu ta'uudhaaf deema. Amma bulchiinsa Iraan guutummaatti haaraa ta'etu jira'' jechuun qaamni mootummaa amma jira jedhu tarii warraaqsa haaraa ajaa'iba ta'e mul'achuu danda'aa ''maaltu beeka?'' jedhe.

    Hundasaa galgala kana argina, seenaa dheeraafi walxaxaa addunyaa keessatti yeroo baayyee murteessoo ta'an keessaa tokko ta'a. Saamichi, malaammaltummaafi ajjeechaan waggoota 47 amma xumura argata. Rabbi Uummata Guddicha Iraan haa Eebbisu!''

  12. Tiraamp waliigaltee raawwachuu barbaada, Iraan garuu fedhii waan qabdu hin fakkaatu

    Donaaldi Tiraamp

    Madda suuraa, Reuters

    Gaazexeessaan dhimma nageenyaa BBC Firaank Gaardinar akka eegamu Iraan doorsisaafi dhaadannoo Ameerikaaf deebii kennaa hin jirtu jedha.

    Haleellaa qilleensaa biyyoota jajjaboo addunyaa lamaan baatii tokkoo oliif haleelamtus mootummaan Rippaabliika Islaamaa Iraan garuu ammallee faara marii waliigaltee hin qabu.

    Haleellaa kanaan Iraan badaa miidhamtus ilaalcha biyyaaf of wareeguu jedhu waan qabaniif dandeettiin dandamannaa miidhaa isaanii kan warra Lixaa akkaan ni caala jedha Firaank.

    Donaaldi Tiraamp jecha arrabsoon dhaadachuufi ''bara dhakaatti isin deebisna'' jechuun Ulaa Hormuuz akka banan isaan dirqisiisu mala ture.

    Haa tahu malee Ulaan Hormuuz humna ittiin diina dura dhaabbatan waan taheef akka salphaatti hin dhiisan.

    Haala kanaan wabii waraana dhaabuufi Isaraa'el Hezboollaa haleeluu akka dhaabdu gaafachuu fa'i danda'a.

    Dabaluunis Iraan yoo bu'uuraaleen misoomaa ishee haleelaman biyyoota Galoo-galaanaa akka haleeltu himte.

    Yoo Tiraamp waan jedhe raawwateef Kuweet, Baahireen, Saa'udii Arabiyaafi UAE'n akkasumas Qataar of qopheessuu qabu egaa.

  13. Qoonstilaan Israa'el Istaanbul jirutti dhiyaatee dhukasni banamee, shakkamtootni ajjeefaman

    Loltuu Turki

    Madda suuraa, Reuters

    Hidhattootni sadii Qoonstilaa Israa'el magaalaa guddoo Turk Istaanbulitti argamu biratti haleellaa banan martuu ajjeefaman.

    Dhukaasa hidhattootni kun bananiin poolisoonni lama madaa'aniiru. Ministirri dhimma biyya keessaa Turk namootni sadan haleellaa banan adda bahaniiru. Hidhattoota keessaa inni tokko nama amantaa mankaraarsu akka ta'e ibseera.

    Iddoo dhukaasni kun itti banametti qaamoleen nageenyaa Turki hedduun bobbaafamaniiru. Ambulaansiiniis hedduun duulaniiru.

    Ministirri Haajaa Alaa Israa'el Qoonstilaa kana keessatti namni hedduun hin turre jedhe.

  14. Erga waraanni jalqabee bakkeewwan 13,000 Iraan keessaa haleelamaniiru- US

    Erga waraanni jalqabee bakkeewwan 13,000 Iraan keessaa haleelamaniiru- US

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Erga waraanni jalqabee bakkeewwan 13,000 Iraan keessaa haleelamaniiru- US

    Gidduugalle Ajaja Waraanaa Ameerikaa [Centcom] erga waraanni Iraan irratti jalqabee as bakkeewwan 13,000 ol haleelamuu ibse.

    Israa'elis Iraan keessaa gidduugala hedduu haleeluu ibsiteetti.

    Ibsa Oppireeshinii Epik Faarii jedhamu Iraan irratti gaggeessan irratti kennameen Ameerikaan bidiruuwwan Iraan 155 barbadeessuu ibsite.

    Centcom haleellaa raawwate keessaa Waajjirri Olaanaa IRGC isa tokko tahuu himeera.

    Sirna Ittisa Qilleensarraa, Buufata Misaa'ela Baalistikii fi Dooniiwwan Waraanaa Iraan hedduu barbadeessuu ibse.

    Dhaabbanni Mirga Namoomaaf falmuu fi Ameerikaa buufate 'Human Rights Activists News Agency' jedhamu ammoo erga waraanichi jalqabee Iraan keessatti namoonni 3,500 tahan ajjeefamaniiru.

    Isaan keessaa 1665 kan tahan namoota nagaa tahuu hime.

  15. Arteemis astiroonaawutoota afran qabattee hawaa keessaa gara dachee deebi'aa jirti

    -

    Madda suuraa, NASA

    Ibsa waa'ee suuraa, -

    Astiroonaawotoonni Afur saatalaayitii NASA ergama Arteemis II gara dachee daabi'aa jiru.

    Waggoota shantama keessatti yeroo jalqabaatiif dachiirraa fageenya dheeraa kan imalanii fi daqiiqaawwan 40 caaluf addeessan duuba waan turaniif qunnamtiin dachee faana wal qabatu adda citee ture.

    Yeroo qunnamtiin dachii faana qaban deebi'etti, astirionaawotiin Kiristiinaa Koochaa Christina Kooch "Dachiin walitti deebi'uu keenyaf ni gammachuutu natti dhagahama."

    Ergamni Arteemis II, Oriyoon, Wixata, riikardii fageenya maayiloota asiin duraa 248,655 (400,000km) Appooloo II cabsite.

    Riikardii haaraan fageenya hawaa keessaa amma maayilii 252,756 (406,771 km).

    Kun ergama hawaa Appooloo 11 bara 1970 as fageenya hawaa dheeraa isa jalqabaati ilmi namaa imale ta'ee galmaaye.

    Astiroonaawotiin Kaanaadaa Jeremii Hanseen, " dachiirraa fageenyaa hawaa isa fagoo wayita dhaqqabne kanatti, carraaqqii addaa fi bu'uura hangafootni keenya abuurraa hawaa keessatti lafa kaayaniif ulfina kennina" jedhe.

  16. Dhohinsi guddaan magaalaa Teeraan keessatti dhagahame

    Miidiyaaleen adda addaa akka gabaasanitti magaalaa Iraan Teeraan keessaa dhohinsi guddaan dhagahameera.

    • Gaazexaan Shaarg jedhamu dhohinsi sadii magaalaa Teeraan keessaa dhagahamuu hime.
    • Gaazexessaan AFP dhohinsi dhagahame karaa Kaaba magaalittii irraan tahuu ibse.
    • Akka gabaasa miiidyaa mootummaa IRNA jedhamuutti ammoo Buufanni Xiyyaaraa Koraamaabaad haleelameera.

    Tiraamp Iraan hulaa Hormuz hin bantu taanaan har'aa jalqabee buufata aannisaa fi riqicha ishee akka haleelu ibse.

    Sa'aa Tiraamp kenne ammoo xumuramaa jira.

  17. Daawwadhaa!

    'Dachee waliin quba walqabaachuutti deebiyuun keenya gammachiisaadha': Garee Artemis Addeessa darbanii jiran daqiiqaa 40f komunikeeshiniin addaan citee booda walitti deebiyame.

    Ibsa waa'ee viidiyoo, 'Dachee waliin quba walqabaachuutti deebiyuun keenya gammachiisaadha': Garee Artemis Addeessa darbanii jiran daqiiqaa 40f komunikeeshiniin addaan citee booda walitti deebiyame.
  18. Manni maree nageenyaa UN yaada murtoo imala dooniiwwanii Ulaa Hormuuz tiksuuf qophaayerratti sagalee kennuufi

    UNSC

    Madda suuraa, EPA

    Ibsa waa'ee suuraa, UNSC

    Manni maree nageenyaa UN yaada murtoo imala dooniiwwanii Ulaa Hormuuz tiksuuf qophaayerratti sagalee kennuufi.

    Manni maree nageenyaa UN (UNSC) dhimma imala doonii Ulaa Hormuz keessaaf eegumsa gochuu irratti sagalee kennuufi.

    Iraan yeroo waraanni eegalee kaasee dooniiwwan hedduun Ulaa Hormuuz keessa akka hin dabarre ugguruun milkoofte.

    Yaadni murtoo Ulaa Hormuuz tiksuu kan dhiyaate pirezdantii Mana maree Nageenyaa UN kan taate Baahireeniini. Yaada murtoo kanarratti sagalee kennuuf torbaan darbe karoorfamee kan ture yoo ta'u, garuu torban kanatti dabarfame.

    Yaadni murtoo kun kan jalqabaarraa fooyya'eera.

    Wixineen jalqabaa biyyoonni miseensa UN ulaa kana tiksuuf yoo barbaachisaa ta'ee argame "tooftaa ittisaa" qaban hunda akka fayyadamanii fi adabbii madaalawaa akka hojiirra oolchan "aangoo" kennaaf.

    Wixineen fooyya'e immoo miseensonni nageenya galaanarraa mirkaneessuuf gumaachuuf "carraaqqii isaanii qindeessuu, ittisuu, tarkaanfii madaalawaa fudhachuuf baay'ee jajjabeeffamu" jedha.

  19. Doonaald Tiraamp astiroonoomeroota Artemis II Addeessa darbanii jiran Waayit Hawusirra waliin yeroo haasa'utti

    Ibsa waa'ee viidiyoo, Doonaald Tiraamp astiroonoomeroota Artemis II Addeessa darbanii jiran Waayit Hawusirra waliin yeroo haasa'utti
  20. Riqichi guddaan sawud Arabiyaa fi Bahaareen wal qunnamsiisu baname

    Riqicha Sawud Arabiyaa fi bahaareen wlaitti hidhu

    Madda suuraa, Getty Images

    Ibsa waa'ee suuraa, Riqicha Sawud Arabiyaa fi bahaareen wlaitti hidhu

    Sawud Arabiyaa fi Bahaareen riqichi wal qunnamsiisu guddichi banamuu himame.

    Riqichi kun sababa haleellaa Iraaniif jecha cufamee ture. Riqichi kun King Fahid Koozwey jedhama.

    Yeroo Iraan haleellaa buufataalee aannisaa sawud Arabiyaa fi biyyoota ollaa kaan irratti raawwattu of eeggannoof jecha riqichi kun cufamee ture.

    Qondaalonni biyyattii sa'a shan booda yeroo konkolaattonni irra ce'an agarsiisuun banamuu isaa ibsan.

    Riqichi kun gara KM 20 dheerata.