Peentaagan ibsa baaseen Ameerikaan ''ajaja gabaabduudhaan dandeettii humna waraanaa bobbaasuu qabdi,'' jedhe.
Iraanii fi michoonni ishee naannichaa hidhachuun socho'an akka wlaitti bu'insicha hin babal'isnee fi michoota Ameerikaa tiksuuf qophiidha jedhan.
Ministirri Ittisaa US, Looyid Oostiinii fi dippaartimantiin humna ittisaa US, ''lammiilee US naannicha keessaa, Israa'elii fi michoota isaanii ittisuu irratti xiyyeeffachuu'' himan.
Ibsa isaanii keessatti humnoota Iraanii fi Iraaniin deeggaraman qolachuu fi karaa dippolomaasii xumuruuf qophii tahuu himan.
Kana gidduutti dubbii himaan Waayit Haawus, haalli waraana Israa'el, Hezbollaa fi Iraan kun haala buqqaatota Israa'el Kaabaa qe'ee isaanii deebisuu kan hordofe miti jedhan.
Joon Kirbii CNNtti yoo dubbatan, ''dheekkamsi Teeraan dhagahamaa akka jiru ilaalaa jirra. Waan tahuuf deemuu fi maal akka godhan callisneetuma hordofaa jirra'' jedhan.
Itti dabaluun deeggarsi Ameerikaan Israa'eliif taasiftu waan takkaa adda citu miti jedhan.
Israa'el haleellaa kana jalqabuun duras kaayyoon isaan Hezbollaa haleeluu barbaadaniif buqqatota kaaba biyyattii sababa rokkoottii Hezboollaan achii bahan qe'eetti deebisuu akka tahe ibsiteetti.
Iraan haleellaa Israa'el kana haaloo bahachuuf dhaadatteetti. Hogganaa olaanaa Iraan Ayatolaa ALii Kamenii nageenya isaaniif jecha bakka jiraataa turan jijjiirrataniiru.