Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
KALLATTIIN, Ameerikaan doonii boba'aa Iraan rukkutte, Teehraan buufata US Yordaanos jiru haleeluun haaloo baate
Waraanni Ameerikaa dooniiwwan boba'aa Iraan shan irratti haleellaa raawwachuu ajajaan giddugaleessaa beeksise. Iraan ammoo buufata waraanaa Ameerikaa kan Yordaanos keessa jiru rukkutuun haaloo baateetti.
Guduunfaa
- Ameerikaan doonii boba'aa Iraan rukkutte, Teehraan buufata US Yordaanos jiru haleeluun haaloo baate
- Iraan dandettii doonii waraanaa Ameerikaarratti xiyyeeffattee haleeluu akka qabdu ibsite
- Odeessaalee karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.
Haguuggii Tamsaasa Kallattii
Ameerikaan doonii boba'aa Iraan rukkutte, Teehraan buufata US Yordaanos jiru haleeluun haaloo baate
Waraanni Ameerikaa dooniiwwan boba'aa Iraan shan irratti haleellaa raawwachuu ajajaan giddugaleessaa beeksise. Iraan ammoo buufata waraanaa Ameerikaa kan Yordaanos keessa jiru rukkutuun haaloo baateetti.
Dooniiwwan boba'aa fe'atan Eegduu Warraaqsaa Iraan waliin walitti dhufeenya qaban afur Galoo Galaanaa Omaar keessatti irratti xiyyeeffatameera. Dooniin biraa tokko ammoo Odola Kaarg cinaattti haleeameera.
Iraan haleellaa irratti raawwatameef buufata waraanaa Ameerikaa Yordaanos jirurratti haleellaa gaggeessiteetti.
Yordaanos misaa'eloota 20 Iraan dhukaaste keessaa 18 qolattee fashalsuu beeksifteetti.
Haleellaa Iraan fi Ameerikaan walirratti taasisan torban darberraa hammaatee itti fufeera.
Ameerikaafi Israa'el erga Iraan irratti waraana bananii ji'oota ja'atu lakkaa'ameera.
Sababa walitti bu'insa qaxanaa kana keessatti mudateenis gatiin boba'aa addunyaarratti baayyee dabaluutti jira.
ASHAMAA!
Akkam jirtu?
Oduu tamsaasa kallattiin isin biraan geenyu jalqabneerra.
Ameerikaan doonii boba'aa Iraan rukkutte, Teehraan buufata US Yordaanos jiru haleeluun haaloo ba'uu,
Iraan dandettii doonii waraanaa Ameerikaarratti xiyyeeffattee haleeluu akka qabdu ibsuushee kannene jedhaniifi kaan karaa Marsariitii (Website), YouTube, Facebook, WhatsApp fi TikTok keenyaas ni argattu.
DHIYAADHAA!