Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Khameneen haleellaan Israa'el 'tuffatamu' hin qabaatu jedhan

Hogganaa Olaanaan Iraan Ayaatolaa Alii Khameneen haleellaan Israa'el kaleessaa haaloo bauudhaaf Iraan irratti raawwachuun loltoonni Iraan afur ittiin ajjeeffamun himame 'tuffatamu' hin qabaatu jedhan.

Guduunfaa

  • Iraan haleellaa tibbanaaf gatii ishee argatteetti - Waraana Israa'el
  • Israa'el buufatawwan waraanaa kiyya haleelte jette Iraan; miidhaa hangamiitu gahe?
  • Israa'el Iraan keessatti haleellaa qilleensaa raawwachuu eegalte
  • MM Abiy Ahimad kora BRICS irratti maal dubbatan?
  • Libaanosiitti haleellaa Israa'el mana maatii tokkoorratti raawwatteen miseensi maatii 19 ajjeeffaman
  • Ajajaan duraanii hidhattootaa LRA hidhaan waggaa 40 itti murame
  • Leenjisaan duraanii garee Itoophiyaa Asiraat Hayilee du'aan boqotan
  • Haleellaa Israa'eliin kibba Gaazaatti 38 ajjeefaman - Hamaas
  • Turkiin haleellaa booda buufata waraanaa Kurdish haleeluu ibsite
  • Hezboollaan namni Nasirallaa dhaaluuf eegamu Israa'eliin ajjeefamuu mirkaneesse
  • Itoophiyaatti namoonni iddoo dhoksaatti hidhaman qarshii kaffalanii kan bahan jiru - KMNI

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Ashamaa!

    Tamsaasni keenya kallattii dhimmoota adda addaa of keessaa qabu eegaleera.

    Dhiyaadhaa!

  2. Haleellaa buufata waraanaa Chaaditti raawwateen loltoonni mootummaa hedduu du'an

    Loltuu

    Madda suuraa, AFP

    Buufata waraanaa Chaaditti haleella gaggeffameen yoo xiqqaate loltoonni biyyatti 40 du'uu waajjirri pirezidantii biyyattii beeksise.

    Pirezidantiin Chaad Mohaammat Deebii kanneen haleellaa loltoota isaanirratti rawwatan irratti duulli waraanaa akka gaggeeffamu ajaja dabarsaniiru.

    Haleellaan buufata loltoota Chaadirratti kan gaggeeffame Dilbata halkan kan har'atti bari'u yoo ta'u, haleellaa kanaaf kan itti gaafatamummaa fudhate hin jiru.

    Mootummaanis ebelutu haleellaa narratti raawwate jedhee maqaa hin ibsine.

    Haa ta'u garuu, bakki haleellichi itti gaggeeffame, naannoo daangaa Naayijeeriyaafi Nijeeritti dhiyoo jirutti ta'uunsaa hidhattoonni Islaamaa achi keessa socho'an raawwachuu hin oolle shakkii jedhu kaasera.

    Bara 2020 booda haleellaan halkan edaa loltoota biyyattiirratti gaggeeffame isa hamaadha jedhame.

    Bara 2020 hidhattoonni Islaamaa haleellaa gaggeessaniin loltoota 100 ajjeesuunsaanii ni yaadatama.

  3. Israa'el hidhattoota Hamaas 100 hospitaala kaaba Gaazaa keessaa qabe jette

    Gaazaa bakka haleellan manca'e

    Madda suuraa, Reuters

    Israa'el loltoonnishee kaaba Gaazaa keessatti hidhattoota Hamaas 100 ta'an to'achuu beeksifte. Loltoonni Israa'el hospitaala Kamaal Adwaan jedhamu kan kaaba Gaazaa keessatti argamu seenun namoota hidhattoota Hamaasi jedhan to'achuu Rooyitars gabaase.

    Qondaalonni fayyaa Gaazaa garuu hidhattoota Hamaasis ta'ee namoonni Hamaas waliin hidhata qaban homtuu hospitaalicha keessa akka hin turre waakkatan.

    Maddi oduu Rooyitars waraana Israa'el waabeffachuun akka gabaaseetti loltoonni Israa'el hospitaalicha seenuun namoota 100 ta'an to'ataniiru.

    "Loltoonni Israa'el shororkeessitoota 100 ta'an mooraa hospitaalichaa keessaa to'ateera. Kanneen keessaa yeroo namoota nagaa fakkaatanii namoota wajjin baqachuuf kan jedhan jiru. Hispitaalicha keessatti meeshaa waraanaa, fandiiwwan shorokeessummaafi sanadoota basaasas arganiiru," jechuun ibse waraanni Israa'el

    Ministeerri Fayyaa Gaazaa gamasaan, loltoonni Israa'el hojjattoota fayyaa dhiiroota ta'an hedduu qabanii deemuufi hospitaalarraan miidhaa gahuu ibse.

  4. Naqamteetti gudeeddii dubartoota lamarratti raawwatameen kan shakkaman ja’a to’ataman

  5. Maan Yunaayitid leenjisaa garichaa Teen Haag hari'e

    Ten Haag

    Madda suuraa, Getty Images

    Manchestar Yunaayitid leenjisaa garichaa Erik ten Haag hoggansummaarraa hari'e.

    Teen Haag waggaa lamaafi walakkaaf garicha erga leenjisanii booda har'a kan hari'aman.

    Lammii Daach kan ta'an ten Haag leenjisaa Maan Yunayitid ta'anii itti fufuu akka hin daneenye kan itti himame har'a ganama karaa bordii kilabichaati.

    Maan Yunaayitid kaleessa Weest waliin taphatee 2-1 mo'amee gale. Kilabichi mo'amee sa'aatii 24 osoo hin guutini ten Haag kan hari'ame.

    Ganna darbe gargaaraa leenjisaa ta'uun Yunaayitiditti kan makame Ruud VanNistellrooy yeroodhaaf gaggeessaa Yunaatid ta'aniiru.

    Yunaayitid kaleessa mmo'amuusaa hordofee yeroo ammaa gabatee pirimerliigii irratti sadarkaa 14 irratti argama.

  6. Gaazaatti waraanni akka dhaabatuuf Masiriin yaada marii dhiyeessite

    Abdulfattaa al-Sisi

    Madda suuraa, Getty Images

    Gaazaatti waraanni guyyoota gabaabaf akka dhaabatuuf Masiriin wixinee marii dhiyeessite.

    Maddi oduu Rooyitars akka gabaasetti, dhukaasa dhaabun marsaa jalqabaa guyyaa lamaaf taasifamee Hamaas lammiilee Israa'el butee harkaa qabu afur akka gadi dhiisufi Israa'el ammoo hidhamtoota Filisxeem muraasa akka gadi dhiiftu kan jedhuudha.

    Yaada waraana dhaabuu kana kan dhiyeessan pirezidaantii Masirii Abdul Fattaah al-Siisii Dilbata kaleessaa yoo ta'u waraanni Gaazaa waggaa tokkoo oliif mancaatii guddaa qaqqabsiise akka dhaabatuuf ka'uumsa akka ta'uuf.

    Masiriin yaada waraana dhaabuu kan dhiyeessite Gaazaatti daayirektaroonni Mossad fi CIA marii waraana Gaazaa dhaabuf irra deebin eegale irratti hirmaachuf yeroo Kaatar jiranitti.

    Pirezidaantin Masirii yaada waraana dhaabuu dhiyeessan kanaan, waraana dhaabun guyyaa lamaa erga dhumee booda guyyaa 10 keessatti mariin waraana guutummaan dhaabuu deebi'ee eegaluu akka qabus kaasan.

    Waa'ee yaada waraana dhaabuu dhiyaarerratti Israa'elifi Hamas homaa hin dubbanne.

    Mariin waraana Gaazaa dhaabuu yeroo dheeraf addaab citee ture, erga hogganaan Haamaas Yaahiyaa Siinwaar erga ajjeefamee boodadha.

  7. Haleellaan Israa’el Iraan irratti raawwatteerratti Ayaatollaah Alii maal jedhan?

  8. Miseensi paarlaamaa UK nama osoo bunyaan haleelan argaman paartiisaaniirraa dhorkaman

    Qondaala nama bunyaan rukutaa osoo jiranu mulatan

    Madda suuraa, Daily Mail

    Yunaayitid Kiingdamiitti miseensi paarlaamaa, Maayiik Ameesbarii osoo nama tokko bunyaadhaan rukutuun kuffiisanii kaameeraa tikaatiin waraabame bahuu hordofuun paartiisaanii irraa akka dhorkaman murtaa'e.

    Waraabbii viidiyoo Daily Mail ifa taasiseerratti bakka bu'aan ummata naannoo Rankornii fi Helsibii (Runcorn and Helsby) kunis erga namtichi daandiirratti kufaniin boodas reebuu itti fufuusaa agarsiiseera.

    Poolisiin Cheeshaayar dhimmichaan wal qabatee namni umuriin waggaa 55 fedhiidhaan af-ggaaffiin taasifameefi dhimmicharratti akeekkachiifni kennameef gadhiifamu beeksiise.

    Ameesbariin dhimmicharratti yaada akka kennaniif yaaliin taasifame ture.

    Miseensi paarlaamaa kunis nama daandii Cheeshaayar irratti kufee tureerratti osoo iyyaniifi arrabsanii kan agarsiisu viidiyoon gara biraa toora X gubbaatti maxxanfameera.

    ''Maayik Ameesbariin taatee JImaataa galgalaa irratti poolisii Cheeshaayar waliin wal ta'aa turan'' jedhan dubbii himaan Paartii Leebar.

    “Hanga qorannoon Paartii Leebar xumuramuutti Ameesbeeriin miseensummaa paartichaa keessaa dhorkamaniiru.''

    Akkasumas ittigaafatamummaa paartiicha keessaa qabanis irraa fudhatamun himameera.

    Waraabbii viidiyoo sanarratti taatee reebichaa sanaan dura ture irratti wan ifa godhe omtuu hin turre.

    Jalqaba waraabbii viidiyichaarratti Ameesbariin ''miseensa paarlaamaa kanaan booda hin dorsiiftu miti?'' jechuudhaan yoo iyyan dhagahamu.

    Viidiyoon Daily Mail osoo hin bahiin dura ibsa poolisiin Chaashaayar baaseen, ''poolisiin haleellaa Foorodshaamitti raawwatame irratti gabaasni qaqabeera'' jedhe.

  9. Dubartiin guyyoota jahaaf baddee bofaan hiddamtee gaara keessatti argamte

    Dubartii baddee guyyaa jahaan booda argmte

    Madda suuraa, Birook Mitchell

    Dubartiin biyya Awustiraaliyaatti guyyoota jahaaf gaarreen cabbiidhaan uwwiifame keessatti dhabamte tokko duula barbaachaa cimaa taasifameen booda “miidhamtee” argamte.

    Poolisiin Niiw Saawuz Weels (NSW) akka jedhetti, dubartiin maqaanshee Lovisaa Sijobergi Dilbata waaree booda kan argamte yoo ta’u, bofaan hiddamuu akka hin oollee kan shakkamte yoo ta'u, bishaan qaama keessaa hir’achuu fi jilbishee miidhamuun rakkachaa turte.

    Ogeettiin suuraaf fedhii guddaa qabdu kuni osoo gara hospitaalaatti hin geeffamin dura miidhaan irra ga'eef bakkuma argamteetti wal'aansii akka taasiifameefi amma haala tasgabbaa'aa keessa jirti jedhame.

    Sijobergi, dubartiin ganna 48, yeroo hunda Paarkii Biyyoolessaa Kosciwusizko kan fagootti argamu daawwataa kan turte yoo ta'u, yeroo baayyees waa'ee fardeen bosonaa gaarreen keessa jiran waraabaa turte jedhameera.

  10. Israa'elitti konkolaataan fe'umsaa buufata atobisiitti bu'ee tokko du'uun hedduun madaa'un himame

    Konkolaataan fe'umsaa Israa'el buufata baasiitti balaa geessise

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, Konkolaataan fe'umsaa Israa'el buufata baasiitti balaa geessise

    Naannaawa buufata waraanaa Israa’el kan kaaba Teel Aviiv jirutti, balaa konkolaataan fe'umsaa buufata atobisii irraan geessiseen namni tokko du'ee, yoo xiqqaate namoonni 30 madaa’aniiru.

    Taateen kunis shororkeessummaan shakamuu fi qorachaa jiraachuu anga'oonni himaniiru.

    "Konkolaataan fe'umsaa kun namoota hedduu buufata baasiitti walitti qabamanii turan irra bahe. Namoota madaa’an keessaa saddeet konkolaaticha jalatti kufan. Kaan ammoo gama gamatti kukkufanii turan,'' jechuun ogeessi fayyaa tajaajila balaa tasaa Israa’el Magen David Adom (MDA) dubbataniiru.

    Namoota miidhaman hedduun isaanii soorama fudhachuuf, gara muuziyeemii dhiyoo jirutti imalaa akka turan himama.

    Konkolaachisaan konkolaataa fe’umsaa kanaa Raamii Naatur jedhama, lammii Arabaa giddugala Israa’el magaalaa Qalansawe irraa dhufe yoo ta'u, rasaasan rukutamuun achumatti ajjeefame.

    Ministirri Nageenya Biyyaalessaa Itaamaar Ben-Gevir, maatiin nama haleellaa raawwate jedhamee shakkamee Israa’el irraa akka ari’aman gaafateera.

    Garuu haleellaan kun gaaffii adda ta'e kaaseera, Israa'el akkamitti lammileeshee keessumaa namoota Israa'el keessa jiranii fi kanneen konkolaataa akka meeshaa waraanaatti fayyadaman irraa eeguu dandeessi kan jedhu gaaffi ijoo ta'eera.

  11. Mooskoon duraan Tiraampiin baayyee abdattee turte, amma garuu maaf ija shakkiin ilaalti?

  12. Hoggantoonni dhaabbata basaasaa Ameerikaa fi Israa’el marii dhukaasa dhaabuu Gaazaatiif Kaataar galan- gabaasaalee

    Daangaa Gaazaarratti waardiyyoota seensaa

    Madda suuraa, AFP

    Dhaabbanni oduu Rooyitars qondaala marii kana ilaalchisee ibsi kennameef wabeeffachuun akka gabaasetti, hoggantoonni dhaabbilee basaasaa Ameerikaa fi Israa’el kan CIA fi Mossad, har’a dhimma dhukaasa dhaabuurratti mistira muumme Kaataariin waliin wal arguuf Dohaa galan.

    Kaataar marii dhukaasa dhaabuu fi booji’amtoota hiiksiisuuf Israa’elii fi Hamaas gidduutti jaarsa taatee hojjechaa kan turte yoo ta’u, akkasuma Ameerikaa fi Masriin waraana kana xumuruuf marii geggeessaa turan.

    Mariin kunis erga waajjirri ministira mummee Israa'el jalqaba torban kanaarratti ''walgahii Kaayiroo keessatti gaggeeffame'' hordofuun, itti gaafatamaan Moosaad gara Dohaatti akka imalaniif qajeelfamni erga kennameen boodadha.

    Kunis gabaasa jilli Masrii tokko qaama marii deebisee jalqabuuf tattaaffii taasifamaa jiruun hoggantoota Hamaas achi jiran waliin wal arganiiru jedhu tokko kan agarsiisu fakkaata.

  13. Haleellaan Israa'el 'xiqqeessuu' hin qabu jedhan hogganaan olaanaa Iraan Ayaatoolaan

    Hogganaa olaanaa Iraan Ayaatoolaa Alii

    Madda suuraa, AFP

    Hogganaan Olaanaa Iraan, Ayaatoolaa Alii Khamenee, haleellaan qilleensaa Israa'el halkan Jimaataa Tehraanii fi naannolee biroo keessatti raawwatte ''xiqqeeffamuus ta'e garmalee harbeeffamuus hin qabu'' jedhan.

    Waraanni Iraan haleellaa Raayyaan Ittisaa Israa'el (IDF) ''haleellaa sirrii bakka waraanaa irratti raawwatame'' jedhe kanaan loltoonni afur jalaa ajjeefamuu himee ture.

    Ayaatoolaa Alii Khameneen akka jedhanitti, Israa'el waa'ee Iraan ''tilmaama dogoggoraa'' goote, kunis Tehraan ''sirreessuu qabdi'' jechuun dubbachuusaanii tajaajila oduu IRNA gabaaseera.

    "Iraan sirriitti hin beekan" jechuun "hanga ammaatti humna, dandeettii, kaka'umsaa fi fedhii saba Iraan sirritti hin hubanne. Akka sirriitti hubatan isaan gochuu qabna" jechuun dabalanii dubbatan.

  14. Haleellaan Iraan irratti taasifne kaayyoo keenya kan galmaan ga'eef jabaa ture- Netaaniyaahuu

    MM Israa'el Beenjaamiin Neetanyahuu haleellaan Iraan irratti raawwatan ''4kan galma gahedha'' jedhan.

    Madda suuraa, Reuters

    Ibsa waa'ee suuraa, MM Israa'el Beenjaamiin Neetanyahuu haleellaan Iraan irratti raawwatan ''4kan galma gahedha'' jedhan.

    Ministirri Mummee Israa'el Beenjaamiin Netaaniyaahuun waa'ee haleellaa Jimaata darbe Iraan irratti raawwatanii yoo dubbatan kaayyoo keenya kan galmaan gahedha jedhan.

    Haleellichi ''qindaa'aa fi jabaa'' ture, akkasumas galma karoorfanne hundaa kan guuteedha jedhan.

    Ministirri Ittisaa Israa'el Yoo'aav Gaalaanti kaayyoon Israa'el hundi waraanaan kan galma gahu miti jedhanii, namoota butamanii Gaazaatti fudhataman gadhiisisuuf ''waliigaltee jabaarra gahuun barbaachisaadha'' jedhan.

    Dabalataanis haleellaan Israa'el michoota Iraaniif jedhanii Israa'eliin lolan kanneen akka Hamaasii fi Hezboollaa dadhabsiiseera jedhan.

  15. Arsenaal v Liiverpuul- Taphataa kamtu garaagarummaa uumuuf qophaa'e?

  16. Atileet Yoomiif Qajeelchaa rikardii Maraatoonii adunyaa haaraa galmeesse

    Walakkaa Maraatoonii Dilbata har’aa Ispeen magaalaa Vaaleenshiyaatti fiigameen atileetiin Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa rikardii haaraa adunyaa galmeessuun mo’ate. Yoomiif figichicha daqiiqaa 57 fi sekondii 30’b galuun rikardii Kanaan dura galmaa’e sekondii tokkoon fooyyessuun xumure. Rikardiin walakkaa Maraatoonii qabamee ture atileetii Keeniyaa Jakoob Kipliimoon yoo tahu bara 2021, Poorchugaal Liisbanitti ture kan fiigame. Yoomiif atileetota fiigsisan fayyadamuun kan jalqabe yoo tahu Km3 yoo isa hafu garuu saffisa mataa isaan bahuun xumure. Yoomiif atileetota Keeniyaa dursuun ture fageenyicha tokkoffaan kan xumure.

    Madda suuraa, Getty Images

    Walakkaa Maraatoonii Dilbata har’aa Ispeen magaalaa Vaaleenshiyaatti fiigameen atileetiin Itoophiyaa Yoomiif Qajeelchaa rikardii haaraa adunyaa galmeessuun mo’ate.

    Yoomiif figichicha daqiiqaa 57 fi sekondii 30’b galuun rikardii Kanaan dura galmaa’e sekondii tokkoon fooyyessuun xumure.

    Rikardiin walakkaa Maraatoonii qabamee ture atileetii Keeniyaa Jakoob Kipliimoon yoo tahu bara 2021, Poorchugaal Liisbanitti ture kan fiigame.

    Yoomiif atileetota fiigsisan fayyadamuun kan jalqabe yoo tahu Km3 yoo isa hafu garuu saffisa mataa isaan bahuun xumure. Yoomiif atileetota Keeniyaa dursuun ture fageenyicha tokkoffaan kan xumure.

  17. Taphattoota urjii Riyaal Maadirid maaltu mudate?

  18. ‘Atis Nama Chaaritii’: Dhaabbata tola-oltummaa harka-qaleeyyii karaarratti kufan kaasaa jiru

  19. Garaagarummaan Filannoo kanirratti Tiraamp fi Haaris gidduu jiru dhiphaadha

    Chartii sagalee duula filannoo

    Duula filannoo Ameerikaa guuyyaan muraasni qofti hafeerratti pirezidantummaaf dorgomaa kan jiran Doonaaldi Tiraampiifi Haaris gidduu, garaagarummaan jiru dhiphaadha.

    Giddugaleessi filannoo biyyoolessaa akka agarsiisutti, kaadhimamaa paartii Dimookiraatotaafi itti aantuun pirezidaantii Kaamalaa Haaris kaadhimamaa paartii Rippabilikaan Doonaald Tiraamp caalaa dursa xiqqoo qabaachuu agarsiisa.

    Kanaanis, Haaris %48, Tiraamp %47 qabu. Gara dhuma baatii Hagayyaatti Haaris Tiraampiin gara dhibbeentaa afuriin jedhamu danda’amuutiin dursaa ture. garuu guyyoota dhiyoon asitti, akkuma giraafii armaan gadii irratti argitanuttu garaa garummaan kun dhiphateera.

    Akkasumas filannoo biyyoolessaa kaadhimamaa tokko guutuu US keessatti hangam akka jaallatamu haala qabatamaa nuuf kennuu danda'a ta'us, garuu filannoo naannoo kutaalee dirree falmii ijoo torba keessaa ilaaluun barbaachiisadh. Kanas asiinargachu dandeessu: Eenyuutuu dursaa jira: Tiraampi ykn Haaris?

  20. Miisheel Obaamaa Haariis filachuuf 'waa gochuu qabna' jechuun ummata gaafatte

    Ibsa waa'ee viidiyoo, We can't just sit around and complain, we've got to do something - Obama

    Haasaa Misheel Obaamaa kan itti filattoonni "waan tokko gochuudhaan'' fi Kaamalaa Haaris sagalee kennuuf akka bahan ittiin gaafattee kunis kan kaka'umsa olaanaa qabu ture.

    Adeemsi filannoon kanaa ''garmalee walitti dhiyoo'' akka ta'us kaasuudhaan, ifatti Haariis akka Tiraamp irraa adda taateen adda baasuuf barbaadaa jirti.

    Fakkeenyaaf, Haaris ''nama geessuu'' akka ta'e kan dubbachuudhaan, bulchiinsa Tiraamp jalatti miirrii idilee akka hin jirre kan agarsiisudha jette.

    Irra caalaan garuu Misheel Obaamaan namoota achitti argamanitti iyyachaa kan turte yoo ta'u, Tiraamp yoo injifate waan baay’ee dhabuu akka danda'an itti himaa jira.

    "Namoonni baay'een soba namoota faayidaa keenya kaayyoo isaanii keessaa hin qabneeen bojii'amaa jiraachuun isaaniitti baay'ee na yaaddessa," jetti.